Bedele Woreda community

Bedele Woreda community Odeeffannoo misooma Aanaa beddellee Godina Buunnoo Beddellee fi oromiyaa Wayitaawaa argattu hordofa

Galiin Misoomaaf!==Haalli galiin biyya keenyaa itti sassaabamu hanqina guddaa kan qabuudha. Ilaalchi gibiraafi taaksii i...
05/11/2024

Galiin Misoomaaf!
==
Haalli galiin biyya keenyaa itti sassaabamu hanqina guddaa kan qabuudha. Ilaalchi gibiraafi taaksii irratti hawaasa bira jirus boodatti hafaa dha.

Galiin misoomaaf ta'uu sirnaan waan hin hubanneef yeroofi amanamummaan Galii kaffaluun hin jiru. Maddoota galii jiran adda baasuun galii mootummaa duguuganii galchuunis hanqina mataasaa qaba.

Gibira mootummaa amanamummaafi yeroon kaffaluun galiin biyyaa guddatee akka misooma biyyaaf oolu taasisuun guddina biyyaa ariifachiisa. Kana dhugoomsuuf immoo hirmaannaafi tumsi lammiileen biyyaa gama hundaan taasisan murteessaa dha. Keessumattuu abbootiin qabeenyaa hojii garaagaraa irratti bobba'aniifi daldaltoonni galii mootummaa gibiraafi taaksii kaffaluu keessatti qooda guddaa qabu.

Hojii dirqama lammii biyya tokkoo kan ta'e keessaa tokko gibiraafi taaksii mootummaa haqaafi yeroon kaffaluu dha. Akkuma galiin biyya keessaa galu dabalaa deemu dinagdeen biyyaas guddachaa deemuun hojiin misooma adda addaa saffisuun fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa olaanaan mirkaneessa.

Galiin mootummaa gibiraafi taaksii irraa argamus bu'uraalee misoomaa kanneen akka bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii, dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaafi kan biroo babal'isuun hawaasa fayyadamaa taasisa.

Akka naannoo keenyatti jijjiiramaan asitti sirni sassaabbii galii mootummaa ammayyeessuuf hojii hojjatameen bu'aan jajjabeessaan argamaa dhufeera. Baajetni naannoo keenyaas harki caalaan galii keessoon sadarkaa uwwifamuurra gahee jira. Bara kanas galii idilee,mana qopheessaafi galii keessoo walumaa gala qarshii biliyoona 206 sassaabuuf karoorfamee hojjatamaa jira.

Qonnaan Bultoonni Aanaa Beddellee Gara Investimentiitti Ce'an cimanii Hojjennaan Milkaa'innii Fagoo miti jedhaniHagayyaa...
07/08/2024

Qonnaan Bultoonni Aanaa Beddellee Gara Investimentiitti Ce'an cimanii Hojjennaan Milkaa'innii Fagoo miti jedhani

Hagayyaa 1/2016 {{KAB}} Qonnaan Bultoonnii Aanaa Beddellee Gara investimentiitti ca'een Cimani hojjechuun Aadaa Qusannoo Gabbifannaan Milkaa'innii fagoo miti jedhan

Qajeelfama mootummaan qonnaan bultoota gara investimentiitti ceesiissuuf baasee hordofuun Aanaa beddelleetti Hojii ballaa hojjetameen qonnaan bultoonnii Oomishaa isaanii mala teeknooloon oomishuun callaa gaarii argachuun galii isaanii qusatan magaalaa Beddellee irra lafa fudhatanii gamoo ijaarachuu irraatti argamu.

Bulchaan Aanaa beddellee Obbo Baahiruu Baqqalaa qonnaan bula ceesiisuu irraatti yaada kennaaaniin akkaata Qajeelfama mootummaan naannoo oromiyaa baaseen qonnaan bultoota adda duree deeggaruun akka isaan gara investimentiitti ce'aan taasisaa jiraachuu dubbachuun Aanaa beddellee madda misooma adda addaa waan taateef qonnaan bultoonnii tarsiimoof Teeknooloo qonnaa guutuutti fayyaadamuun yeroo gabaabaa keessatti Jijjirama diinagdee fiduun gara investimentiitti Ce'aa jiru nutis qonnaan bultoota keenyaa bira dhaabbachuun akka isaani milkaa'aniif hojjechaa jiraachuu ibsaniru.

Qonnaan bulaan Ganda yaaballaa obbo Kadir Dhaabaa qonnaan bultoota ce'an keessa tokko yeroo amma magaalaa beddellee keessatti Gamoo ijaaraa jiru obbo kadir yaada kennaniin namnii cimee hojjetee qarshii argatee qusachuu sinraan yo itti fayyadamee milkaa'inni fagoo mitii jedhaniru.

04/08/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Mulualem Bogale, Tashoomee Goobanaa, Eshetu Taye, Etenesh Habtamu, Waan Ofi, Alemayehu F. Oljira, Martusheen Beddelle, Waaqaankee Yoomuu, Daniel Brnu

ATTENTIONOlaantummaa Seeraa Kabajachiisuun Fayyadamummaa Hawaasa Keenyaa Mirkaneessina !!!!!!
04/08/2024

ATTENTION

Olaantummaa Seeraa Kabajachiisuun Fayyadamummaa Hawaasa Keenyaa Mirkaneessina !!!!!!

30/07/2024

Jirtu Jirra Bedele Woreda community follow like share fi comment godha

Naannoo Oromiyaatti bara kana hanga ammaatti biqiltuun bil. 4.3 ol dhaabbateera---Biyya keenyatti Sagantaan Ashaaraa Mag...
30/07/2024

Naannoo Oromiyaatti bara kana hanga ammaatti biqiltuun bil. 4.3 ol dhaabbateera
---
Biyya keenyatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa labsamuun erga hojiirra ooluu eegalee biqiltuun waggaa waggaan dhaabbatu dabalaa dhufeera. Akka Naannoo Oromiyaattis biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona heddduutti lakkaaámu dhaabbataa kan tureera.

Ummanni Naannoo keenyaas aadaa biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun akka latu/qabatu gochuu dagaagfataa dhufee jira. Hubannoo fi qophaa’ummaan biqiltuu dhaabuus ummata biratti guddachaa dhufee jiraachuun isaa hawaasni abbummaan akka hirmaatu shoora olaanaa taasiseera.

Bara kanas sadarkaa Naannoo Oromiyaatti biqiltuu gosa garaa garaa biiliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfamee biqiltuun biiliyoona 5.47 qophaa’uun dhaabbiin biqiltuu geggeeffamaa jira. Iddoowwan biqiltuun dhaabbatu lafa hektaara miliyoona 1.3 ol qophaa’e keessaas lafti hektaara kuma 820 ol 54% ol ta’u GPSdhaan adda bahuun hojiin dhaabbii biqiltuu bara kanaa eegalameera.

Boolla dhaabbii biqiltuu biiliyoona 4.9 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti boolli biqiltuu biliyoona 5.04 ol kan qophaa’e yoo ta`u, biqiltuu qophaa’e keessaas hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 4.3 dhaabbateera.

Waliigala dhaabbii biqiltuu bara kanaa irratti humna namaa miiliyoona 15.9 ol hirmaachisuun karooricha milkeessuuf karoorfamee hanga ammaatti namoota miliyoona 11.5 hirmaachisuun biqiltuun Biil. 4.3 ol ykn biqiqltuu dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 87.9 % ol dhaabuun danda’ameera.

24/07/2024

Thanks for being a top engager and making it on to my weekly engagement list! Miratu Beddelee, Tigist Getachew Getachew, Wasie Tadase, Dargaggoo Fi Ispoortii ABeddellee, Zeenuu Qaadire

 Adoolessa 17/2016 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa beddelleetti hojjettoonni mootummaa  KTL gannaatiin mooraa WLT...
24/07/2024



Adoolessa 17/2016 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa beddelleetti hojjettoonni mootummaa KTL gannaatiin mooraa WLTO Aanichaa keessa biqila Dhaaban

Aanaa beddelleetti Hojjettoonni Seekteraalee CHUO,Dargaggoof ispoortii,Dhimma Dubartiif Daa'imman, wiirtuu leenjiif ogummaaf Kominikeeshinii Aanichaa qindoominaan Mooraa WLTO Aanaa beddellee keessa Biqiloota Dam_Daneessa kanneen Akka Kororimafi Zinjibalaa duulaan dhaabaniru.

Aanichatti Bara kana hojiin kenninsa tajaajilaa Lamummaa ganaatiin Hojiiwwaan garaagaraa hojjechuuf karoorfameen Hojjettoonni mootummaa Aanichaas hirmaannaa gaarii gochuun Karoora Qabamee galmaan gahuuf waamichaa darbee hordofuun Hojiin ktl Gannaa Aanichaatti eegalameera.

Caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii karoora hojii bara baajata 2016 fi kallattii hojii bara baajata 2017 Mana Hojii Odiitar...
22/07/2024

Caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii karoora hojii bara baajata 2016 fi kallattii hojii bara baajata 2017 Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa irratti mari'achuun mirkaneesseera.
Caffee Oromiyaa / 'Caffee' Oromia

Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Misoomaa, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosonaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e Lab...
22/07/2024

Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Misoomaa, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosonaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e Labsii Lak. 257/2016 ta’ee akka hojiirra ooluuf raggaasisee jira.

Barbaachisummaa Wixinichaa ilaalchisee tarsimoo dinagdee magariisaa sadarkaa biyyaalessaafi Naannichaatti gaggeeffamaa jiru giddu galeessa godhachuun misooma ariifachiisaafi itti fufinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyi bosonaa gahee guddaa waan qabuuf wixinee kana qopheessuun barbaachisaa ta'uu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa ibsaniiru.

Wixineen dhiyaate miseensota Caffeetiin erga mari’atameen booda ragaasee jira. Labsii Lakk. 257/2016 ta’uun raggaasifamee jira.

Nama Gargaaruuf Nama Ta'uu Qoftii Gahadha  Adoolessa 10/2016 {{KAB}} Waajjirri Dargaggoof Ispoortii Aanaa beddellee Bara...
17/07/2024

Nama Gargaaruuf Nama Ta'uu Qoftii Gahadha



Adoolessa 10/2016 {{KAB}} Waajjirri Dargaggoof Ispoortii Aanaa beddellee Barattoota Yuniversiitii fi kolleejjii adda addaa irra boqonnaaf galtan hundaaf Waamicha KTL Gannaaf dabarsee

Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoof Aanichaa Obbo Amansiisa Guutaa erga Dabarsaniin weeyitaa Ganna kana keessa Hojiin Kenninsaa Tajaajilaa Tola ooltummaa Akka aanaa keenyaas Ta'ee akka biyyatti Hojii bu'aa Guddaan itti galma'aa jirudha Dargaggoonni Aanaa Beddellee hojii KTL Gannaatiin seenaa boonsa Hojjecha turtaniif galatooma jechaa bara kana immo karoora adda Qabannee hojii eegallee jirra kanaaf Galmee hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaa kana akka galmootfan waamichaa ko kabajaan isiniif dhiyeessa.

Akkuma Armaan oliiti ibsamuuf yaalameetti barattootni yuniversitii fi kolleejjii adda addaa irraa boqonnaaf galtanii jirtanu,akkasumaas bara kana gosa barumsa adda addaan ebbifamtan,hojiin kenna tajaajila lammummaa gannaa bara kanaa gosa hojii adda addaan egalamee waan jiruuf isiniis ogummaa fi beekumsa qabdanuun bakka jirtanuuti lammii keessan akka tajaajiltan jechaa gaafa guyyaa 10/11/2016 -17/11/2016tti Waajjira/Dargaggoo fi ispoortii A/Beddelleetti dhuftanii akka galmooftan isiin beeksifna.

Odeeffannoo Dabalataaf
Lakk Bilbilaa
0979985750
0917921953
0935871814

Bilbiluu dandeessuu

 Adoolessa 08/2016 {{KAB}}  Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti  Himatamaan Yekka hannaa Raawwatee Hidhaa Cimaa ...
15/07/2024



Adoolessa 08/2016 {{KAB}} Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Himatamaan Yekka hannaa Raawwatee Hidhaa Cimaa Waggaa Afuriin Adabamuu Manni hojii Abbaa Alangaa Aanichaa Ibse.

Aanaa Beddelleetti Himatamaan maqaan isaa Juuneed Abdulqaadiir jedhamu Aanaa Beddellee Ganda Yaayyaa soota Bakka adda Filixee Jedhamu keessatti Gaafa guyyaa 25/09/2016, halkan keessa tilmaamaan sa'aatii 11:00 yerooo ta'utti Sangaa bifti isaa dimaa adda isaa booqaa tilmaamaan qarshii kuma digdamii sadii (23000) baasu qabeenyaa Miidhamaa dhuunfaa Hajii Siraaj Hajii Yaasiin ta'e bakka hidhamee jiru fudhatee badhaadhina hin mallee karaa qaxxamura argachuuf jecha miliquuf osoo yaaluu eeruu hawaasaf hirmaannaa Qaamoolee nageenyaa gandichan too'annoo waajjira poolisii Aanaa beddellee jala ooleera.

Waajjirri Abbaa Alangaaf poolisii Aanichaa waliin ta'uun galmeen erga qoratame booda waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Beddellee himata L.G.A.A 4045 ta'e irratti seera yakka kewwata 669 (B) jalatti Mana Murtii Aanaa Beddelleetti dhiyeessuun dhimmiċhi ilaalamaa erga tureen booda manni murtis dhaddacha gaafa guyyaa 05/11/2016 ooleen L.G.M.M 49481, himatamaa kana ni barsiisa fakkaattota isaa ní akeekkachiisa jedhe kan yaade adabii hidhaa cimaa Waggan 4 (waggatar afuri)tiin adabeera.

Itti Gaafatamaan Mana hojii Abbaa Alangaa Aanichaa Obbo Habtaamuu Xilaahuun dhaamsa dabarsaniin adabbiin kenname himatamaa kan barsiisudha jechun hawaasni Aanaa keenyaa akkuma kanaan dura gocha ture yakkaa akkasii raawwataman yoo arge eeruu kennuuf deeggarsaa isa irraa barbaachisuu hunda tumsa gochuun oolaantummaa seeraa kabachiisuu qaba jedhaniru

Address

Buno Bedele Oromia Ethiopia �
Bedele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bedele Woreda community posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bedele Woreda community:

Share