Bonsa Channel

Bonsa Channel subscribe my youtube Channel

Maraatuu haqaa!—Gaafan qullaa deemuAti uffattee deemta“Maraatuu” naan jechuu maleeMaafan akkan maraadheNa gaafattee beek...
02/12/2023

Maraatuu haqaa!

Gaafan qullaa deemu
Ati uffattee deemta
“Maraatuu” naan jechuu malee
Maafan akkan maraadhe
Na gaafattee beektaa?
Maal taate jetteettaa?
Ani afuuffee miti
Kan qilleensaan guutame
Ani hattuu miti utuu waan namaa hawwuu
Kan sammuu fuudhame
Ani albaadhessa miti
Kajeeltuu waan raqaa
Ani maraatuudha
Maraatuu ilma haqaa!
Jireenyaan wal dhabee
Jiraa hin jirre ta’ee
Dhugaafan maraadhe
Dhugaafan raata’e!
-
Sobatuu hiita’ee akka tulluu guddaatti
Ol jedhee dhaabbate
Biyyimmoo itti yaa’ee galgalaafi ganama
Ho’asaa qaammate
Sobaaf walga’iin taa’amee
Hiriirri ba’ameefi
Cidhi itti godhamee - itti shubbifamee
Harki dhahameefi!
Namni soba kabaje
Namni soba faarse
Qumbii itti firfirse
‘Ixaana’ itti aarse!
-
Dhugaanimmoo haqaaqamee
Karaarraa jaallate
Akka muka qiinqaniin nyaateetti
Soofamee qallate
Ni ukkaamame - ni sakaalame
Dhoksaatti affeelamee
Dhoksaatti akaa’ame
Dukkana walakkaa
Gorduuba kaa’ame!
Aarsaa dhugaaf ba’etu
Jallinaan qorqame
Kan kabajni maluuf
Kabaja dhorkame!

Hammeenyiifi gidiraan
Kokkeettii na qabe
Biyya abbaa koorrattan
Abbaa ta’uu dhabe
Galaana imimmaanitu
Jiraa na awwaale
Madaan koo baayyannaan
Hooqqachuu wallaale..
Waa’een maraatummaafi
Waa’een caba kootii
Gaaffii deebii dhabe
Gaaffii saba kooti!


  malee,dhiiraaf dhiira/Shamarreef shamarree hin uumne!🙅‍♀️ ;seera uumamaa  1:2727Egaa waaqayyoo akka bifa isaatti nama ...
04/08/2023

malee,dhiiraaf dhiira/Shamarreef shamarree hin uumne!🙅‍♀️

;seera uumamaa 1:27

27Egaa waaqayyoo akka bifa isaatti nama uume,akka bifa waaqayyootti isa uume dhiiraa fi dubartii isaan uume,
28 waaqayyoo isaaniin horaa baay'adhaas,lafa guutaa isas harka jala galfadhaa!

Seera lewwootaa 20:13
Namni tokko akka nama dubartii bira ga'uutti dhiira bira yoo ga'e,isaan lamanuu wanta ciiggaasisaa waan hojjetaniif mama malee haa ajje-efaman!dhii-gni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu!

Gocha raawwatamaa jiru,har'a akka qoosaatti yoo callisnee dabarre bor biyya dhuunfachuu hin oolu! Bakka jirtanii dammaqaa,asirratti qofa osoo hin taane qaamaan socho'aatii balaaleeeffadhaa!

!

Konkolaataa Doolaara Kuma 380 bitee awwaale!Daldalaan Biraazil kan Umriin waggaa 62 ta’e, Lakkaaw Iskaarbaa Konkolaataa ...
30/07/2023

Konkolaataa Doolaara Kuma 380 bitee awwaale!

Daldalaan Biraazil kan Umriin waggaa 62 ta’e, Lakkaaw Iskaarbaa Konkolaataa isaa ‘Bentley’ jedhamuu kan Doolaara Kuma 380 bitee, mooraa mana isaa keeysatti awwaale. Sababni inni awwaalefis jireenya du’aa booda (Jannataa keeysatti ) ittin fayyadamuf..

Falaasamoota warra Adiiti.

Namni kun Afshin Esmaeil Ghaderzadeh ja'ama. Lammii biyya Iiraani. Dargaggeessi waggaa 20 kun dhiheenya kana namoota add...
20/12/2022

Namni kun Afshin Esmaeil Ghaderzadeh ja'ama. Lammii biyya Iiraani. Dargaggeessi waggaa 20 kun dhiheenya kana namoota addunyaarra jiran keeysaa kan ittiin gabaabaa ja'amuun akka addunyaatti beekkamtii arkate. Dheerinni isaa 65.24 cm qofa. Ulfaatinni isaatiis Kilogram 6.5 qofa.

Sababa gabaabina isaa irraa kan ka'e manni barnoota naannawa isaatti arkamu isa galmeeysuu didan. Kanaaf mana barnootaatti barnoota barachuu fi hojii naannawa isaatti arkamanirratti hirmaatee hojjachuu hin dandeenye.

Bilbila fayyadamuu akkaan jaalata. Tahuus bilbilli waan isatti ulfaatuuf fuudhee deemuun isaaf qormaata 😁.

Warri barruu kiyya kana qoosaa seehaa jirtan maddi kiyya guinness world records irraahi.

Hariiroo Hiriyyummaa of eeggannoo qabu qabaachuu*****************************************Dubbartii tokkotu Jawwee mana k...
21/10/2022

Hariiroo Hiriyyummaa of eeggannoo qabu qabaachuu
*****************************************
Dubbartii tokkotu Jawwee mana keessatti guddifattu tokko qabdi. Jawween kun baay'ee dheerata ture. Guyyoota muraasa booda Jawween kun nyaata nyaachuu dide. Dubartiin kun yaaddoftee nyaata akka nyaatuuf Dhangaa nyaataa filatamoo gosa adda addaa dhiyeessituuf illee nyaachuu ni dide.

Furmaata biraa barbaacha gara Doktora Bineensootaa deemte. Doktoriin kun gaaffii tokko tokko gaafachuun jalqabe. Akkas jechuun gaafate:-

"Bineensi kun haala akkamiin ciisaa?" jedhee gaafate. Dubartiin kunis jalqaba irratti gaafan hirribaa ka'uu bukkee/cina koo ciisaa ture; Guyyaa itti aanu immoo guutummaa guutuutti dhaqna koo irra diriiree isaa rafuun arge. Guyyaa biraa immoo utuu inni naannoo mataa kootii diriiree ciisuun arge" jettee tokko tokkoon waan ishee mudate hundumaa itti himte.

Doktorichiis ajaa'ibsiifannaan erga dhaggeeffateen booda akka isheen rakkoo keessa seenaa jirtu itti himuun; akka isheen Jawwee kana Dhaabbata warra Bineensa Kunuunsaniitti dabarsitee kennituuf gorse.

"Bineensi kun nyaata nyaachuu kan dhiiseef garaa isaa keessatti bakki bal'aan (Free space) ta'e akka hafuuf yaadeeti; kan inni immoo kallattii addaa addaan si bira ciisaa ture akkamittiin akka si liqimsu beekuuf jedhee hanga kee safaraa ture" jedhee gorse. "Amalli Jawwee nama liqimsuu malee namaa wajjin hariiroo uumee jiraachuu hin danda'u. Jawwee waliin kana booda raawwattee hariiroo hin qabaatiin" jedhee Dokteerichi Dubartittii Jawween liqimfamuu irraa baraare.

Dhaamsa Dubbichaa
****************************************
Gochi jaalala fakkaassuun namoonni sirratti raawwatan hunduu jaalala ta'uu dhiisuu danda'u. Jaalalli hundi jaalala miti. Hariiroon hundis hariiroo gaarii miti.

Tokko tokko hiriyyaa gaarii of fakkeessee sitti siqatee si miidhuuf roga hanqina keetii qorata. Tokko tokko immoo hiriyyaa gaarii fakkaatee sitti siqatee icciitii kee guuruun rakkoo keessa si buusa.

 =====================Mee har'a waan xinnoosheen isiniif qooda Ilbiisa kana beektu jedheen yaada maqaan ishii akka naann...
04/10/2022


=====================
Mee har'a waan xinnoosheen isiniif qooda

Ilbiisa kana beektu jedheen yaada maqaan ishii akka naannoo keenyaatti jedhamti
Silmiin gaafa horii qabattu iddoo dhokataa malee hin ciniintu, guddinni ishees baay'ee saffisa

dhokattee waan dhiiga dhugduuf daftee dhiitofti, achii dhiiga dhugdee erga xerrebbooftee utuma namni itti hin bu'in ofumaan of baachuu dadhabdee lafa dhoofti ,

achii booda horiidhuma isheen dhiiga keessaa xuuxaa turtetu irra ejjetee malaasa

Maarree anis waa malee kana hin katabne,
Wanti dhokatee si xuuxu ofumaan citee sirraa lafa dha'a!

Ameen yoo jette gaariidha

Page kana gochuu hin dagatin. Eebbifami

18/09/2022




Haramaya University ‼️

Haramaya Yunivarsitiitti Barattoota qormaataman

1. Branch =Main Cumpas

Intake Capacity===16850

✅ East Arsi
✅ East Hararge
✅ Sabeta Town
✅ Burayu Town

Walumaa-galatti Barattoota Saayinsii hawaasa 17,511 fi Barattoota saayinsi Uumamaa 14,731 Yunivarsitii Oda Bultumutti qormaatamu.

2 Branch = Harar Cumpas

Intake Capacity =2198

✅ Mojo Town
✅ Dukam Town

✅ East Hararge
🔭Haramaya Town
🔭 Gursum
🔭Haramaya

Walumaa-galatti Barattoota Saayinsii hawaasa 2494 fi Barattoota saayinsi Uumamaa 1933 Yunivarsitii Oda Bultumutti qormaatamu.

1) Selale University =Abebech Gobana Cumpas
✅ From North Shoa

2) Selale University =General Mamo Cumpas

✅ From North Shoa
✅ From Finfinnee zuria

3) Wolkite University

✅ Woliso Town

4) Hawasa University =Main Cumpas

✅ Bishan Gurracha

5) Arbaminch University

✅ From Guji
✅ From West Guji

1) Madda Wolabu University = Gobba Cumpas
✅ From Baale

2) Madda Wolabu University = Robe Cumpas

✅ From East Bale
✅ From Arsi West
✅ Robe Town

1) Madda Wolabu University = Sshashemane Cumpas

✅ From Arsi West (Kore)

📡MIIDIYAA📡

 .Abbaa mucaa ji'a Sadii gudeedeManni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa Namticha Daa'ima isaa Ji'a 3 gocha sukanneess...
15/09/2022

.

Abbaa mucaa ji'a Sadii gudeede

Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa Namticha Daa'ima isaa Ji'a 3 gocha sukanneessaan gudeede hidhaa cimaan adabeera.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuutti Araddaa Yakkaa Amaanitti Namtichi maqaan isaa Abbaas Yaasin Muussaa jedhamu gaafa guyyaa 24/11/2014 Daa'ima isaa Sumayyaa Abbaas Yaasin umrii ji'a 3 gocha sukanneessan halkan keessaa gara sa'aatii 6 :00 fi 7:00 gidduutti iddoon Daa'iimni kun raftee jirtuutti yeroo haati biraa gad gabaatuu gudeedee midhaa cimaan irraan gaheera.
Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa Yakka raawwatame kana Ragaa Hospitaalaa fi Namaa bitaa mirga ilaaluun akkasumaas namtichi kun yakka raawwatees amaneera waan ta,'eef Dhaddacha guyyaa har'aa 5/2015 murtii yakka raawwatame kana barsiisa jedhe Murtii Adabbii Waggaa 24 n adabeera.
Yakka gurraaf dhagayuuf ulfaatu kana irraa nama haa baraaru !

Maddi:-Waajjira koomunikeeshinii haraarge bahaati.

📡MIIDIYAA📡

11/09/2022

Kiyyoof balaa tasaa hundda
Si baraaree

Baga booqa birraan si ga'e
Waaqnni si qarqaare

Haala hundumaa keessatti
Goofttaan
Si gargaaree

Kiyyoof balaa
Tasaa hundda
Si baraare

Diina keemmo
Qabee fayyaashee takaale

Milkkaainssi
Keeti bara dhufu keessa

Harkka kee si qabee waaqnni
Si geggeessa

Barri2015
Siif ha ta'u
Bara gammachuuf
Milkkii
Diina keef
Immoo
Hata'u
Bara yaaddoof
Cinqii
Hojjedhu milkkaa'i

Daldalii BUUFADHU

Wantta carraa
Keeti hundumaas
ARGDHU

!( 2)!
! (0)!
! (1)!
!(5)!

Channel

Baayyeen GaddeGaddi kana caalu eessa jira? waan sammuu namaan ol tahedha…dursee maatii waliin walitti buhaniiti kan jedh...
02/09/2022

Baayyeen Gadde

Gaddi kana caalu eessa jira? waan sammuu namaan ol tahedha…
dursee maatii waliin walitti buhaniiti kan jedhu dhagaheera….
dhiyeenyumaa asitti iddoo biraattis hojjettuun
warra manaa waliin walitti buute mucaa ajjeesuun qodaa daakuu keessatti gattee dhaqxee harka poolisiitti laatte kan jedhu dhagaheera…yeroo baayyee kan mudatu ijoollee rakkina isaanii kanan tahe jedhanii dubbachuu hin dandeenye rukutanii miidhuu,boossisuu,akka isheen of dadhabdee raftuuf mala hin taane fayyadamuu, oduu nuti yeroo hedduu dhageenyudha…. yoona utuu mucaan isin namatti kennitanii deemtan dubbachuu dandahanii….ishee duute mitiiti kan jiraniyyuu waan baayyee dubbatu ijoollee meeqatu dararamaa oola…

Maatiin adaraa ijoollee keessan nama itti kennitanii baatan adda baafadhaa,nama waliisaa hin beekne eenyummuuaa isaa hin beekne ofitti fiddanii akka hin miidhamne.
yoo isiniin taane tahe yeroosuma nagaadhaan ofirraa gaggeessaa malee yeroo hundumaa nama lubbuun dhala keessanii kan keessan irka jiru akka hin taane itti dubbattanii ykn rukuttanii garaasaaniitti hammeenyaa fi jibbi kuufamee balaaf akka hin saaxilamne of eeggadhaa..waan hunda gaafa gootan jaalalaan godhaa…

akkuma hojjettuun akkasii jirtu kan maatii bira jirtu kabajjee, jaalalaan ijoollee seeraan kunuunsitee guddistus jirti waan taeef walumatti hojjettu mana namaa jechuun walitti qabaatti ofirraa dhiibuunis gaarii akka hin taane beeku qabna…
Ulfaadhaa

Oduu Gaddisiisaa!Godiina Shawaa Kaabaa Daangaa Aanaa Hidhabuu Abootee fi Aanaa Dagam Ganda Boonayaaa Abraamii Jedhamutti...
27/08/2022

Oduu Gaddisiisaa!

Godiina Shawaa Kaabaa Daangaa Aanaa Hidhabuu Abootee fi Aanaa Dagam Ganda Boonayaaa Abraamii Jedhamutti Waraabessi Halkan (Manaa) Seenun Nama 1(Tokko) guutuman guutuutti nyaate fixuun Maatii namota 4(Afur)Irratti Miidhaa Qaamaa Cimaa geessisee jira.

Waraabeessichis Yeroo jalqabaa Manaa looniitti seenudhan Sangaa Loonii kan cinine yemmuu ta'u Abbaan warras reebe irraa Baasuf yemmuu jedhuu boodarra Sangaa lakkise Akka Isa nyaate fixe Fi Maatii isaas nyaachun midha Cimaa irraan dhaqaabsun dhagaahame jira.😭

Bara Jabaa Kana Isa Jabaate Of Egaatetu Darbaa Waan Ta'ef Iddoo Hundatti Of Eggannoo Haa Taasifnun Dhaamsa Keenya!🙏

Gaambeellatti balaa lolaa muudateen abbootiin warraa kumni 4 ol buqqa’anFinfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Naannoo Gaam...
22/08/2022

Gaambeellatti balaa lolaa muudateen abbootiin warraa kumni 4 ol buqqa’an

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellatti balaa lolaa muudateen abbootiin warraa kumni 4 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ibsame.

Aanaalee naannichaa garaagaraa keessatti balaan lolaa muudachuu Hogganaan Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa Obbo Gaatbeel Muun ibsaniiru.

Aanaaleen akka Itaang, Laree, Waantuuwaa, Maakooy kanneen daraan miidhaman ta’uu kaasuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Gaambeellaarraa argame ni mul’isa.

Odeefannoo dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/Bonsa_Channel

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Address

Bedele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bonsa Channel posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bonsa Channel:

Share