Halaawatul iimaan

Halaawatul iimaan Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Halaawatul iimaan, Media/News Company, Bedessa.

12/12/2023
15/06/2023

Yaa Rabbi waan nutti ulfaatu hunda nurraa kaasi.

31/08/2022

Maqaan keessan qubee kamiin jalqaba
Kamiinu Ajalqabu Ani hunda keessaniif haala Armaan gadii kanaan du'aaii isiniif godheera πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

A ~ Aakiraaf Duniyaa Milkaa'i πŸ₯°πŸ’š

B ~ Barakaa Alaaf manaa Rabbiin Siif Akennu πŸ₯°πŸ’š

C ~ Carraanke Siif Agaaromu πŸ₯°πŸ’š

D ~ Dalagaan Ati Harraaf bor ittiin milkooftu hiree siif hata'u πŸ₯°πŸ’š

E ~ Eelaafi beela Rabbi najaa siaa baasu πŸ₯°πŸ’š

F ~ Fataa jedhanii jiraachu Carroomi πŸ₯°πŸ’š

G ~ Gaa'ilaafi galgalakee Rabbi siif atolchu πŸ₯°πŸ’š

H ~ Haala bareedaa Rabbiin Siif Akennu πŸ₯°πŸ’š

I ~ iimaanaafi ilmii Rabbiin siif hakennu πŸ₯°πŸ’š

J ~ Jaalala Rabbiifi Jaalala kalqii Raabbiin siif Akennu πŸ₯°πŸ’š

K ~ Kayriin Harraaf borii Sin darbin πŸ₯°πŸ’š

L ~ Lafaafi Lafeen Ijaarami πŸ₯°πŸ’š

M ~ Mana Barakaa Rabbiin sitti Haa ijaaru πŸ₯°πŸ’š

N ~ Nama Naamusa gaarii qabu Rabbiin siaa godhu πŸ₯°πŸ’š

O ~ Ofiikee qofa osoo intaane Ollaa bitaaf mirgaa nama gargaaru Rabbiin Siaa Taasisu πŸ₯°πŸ’š

P ~ Paartiinkee Sunnaa Rasuula Rabbi S.A.W. Siif hata'u πŸ₯°πŸ’š

Q ~ Qalbiinke iimaanaan siif Haguutamu πŸ₯°πŸ’š

R ~ Rasuula Rabbii S.A.W. Jaalltte shafa'asaa Argachuu rabbiin siaa woffaqu πŸ₯°πŸ’š

S ~ Sabaafi Haqaaf jiraachuu Rabbiin siif Alaaffisu πŸ₯°πŸ’š

T ~ Tattaaffii Taasiftu Hundaan milkaa'uu Rabbiin siaa woffaqu πŸ₯°πŸ’š

U ~ Umurii barakaafi Rizqii ballaa Rabbiin siif Akennu πŸ₯°πŸ’š

V ~ Vibration taatee Urgufamaa jiraachuu Rabbiin Najaa Siaa baasu πŸ₯°πŸ’š

W ~ Waan qabduufii waan fuutu Ofbiraa In dhabin πŸ₯°πŸ’š

X ~ Xaaxaa biyya Lafaa Rabbiin Siif Alaaffisu πŸ₯°πŸ’š

Y ~ Yaroo dabarsiteefi Kan sichi Dabarsitutti Milkaa'uun hireeke Siif hata'u πŸ₯°πŸ’š

Z ~ Zikirii Rabbiitiin Afaanke Akka dammaa haami'aawu πŸ₯°πŸ’š

Barreesse kan isiniif gumaache Abdiharargeeti
Aamiin Eega jettaniini booda Anaafis du'aaii godhaatii obboloota keessaniif godhaa
. AbdΓΉrΔ…mΓ₯n HΕ―ssΓͺn

30/08/2022

Obboleessa kiyya waan ta'eef, natti hin ulfaatu!!
Akkuma suuraa irratti argitan kana, mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kanaa kan arge loltuun tokko, mucaan inni baatee jiru lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maaliif akka inni du'aa baatee deemuufi akka of irra buusee gatee dadhabbii dhufu of irraa hambisuuf gorsa. Mucaaniis, gorsa loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseefi. "Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha" jedheen. Loltuun kunis, deebii mucaan deebiseef kana haala kanaan hin eegne waan ta'eef, ajaa'ibsiifatee mararfachuudhaan imimmaan buusee boo'e. Erga yeroo saniitii suuraan kun biyya Jaapaaniitti mallattoo tokkummaafi jabinaa ta'ee siidaan dhaabbate.
Nutis mee :-
Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, obboleettii tiyyaa waan taateef natti hin ulfaattu yaa jennu.
Obboleessi keenya yoo kufe yaa kaasnu.
Obboleettiin teenya yoo dadhabde yaa gargaarru.
Inni yoo dogongore yaa sirreessinu
Isheen yoo balleessitee dhiifama yaa goonuuf.
Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu yaa jennu!!!
Galatoomaa!!!!

27/08/2022
23/08/2022

βœ… Dubbii dogongoraa

Baharri ilmii, Imaamul Albaaniin ( r.t) ni jedhe:

Baaragaafi olola dhugaarraa fagoo khan ummanni wallaalaan fudhatee haasawu kheysaa:

β€’ harki mirgaa yoo nama nyanyaate/ hoksise rizqiin dhufuu hima.
β€’ yoo harki bitaa nama nyanyaate, horii kennuu kheeti hima jedhanii odeysu.
Akka tasaa wanti Khun gaaf garii ni arkama, sababa saniin waan dhugaafi muxannotti fudhatu. Garuu isiin ayyaan laallattummaafi Rabbitti sharrksiisuurraa lakkaawamti.

Akkuma Ragaanuu hadiisa Abii Daawuud kheysa jiru:
"Hooddatuun/ayyaan laallattummaan shirkiidha, milkii laallatuun shirkiidha,......"
β€’ Nama yaada akkasii qabu, sodaachifni Ergamaa( saw) Rabbiirraa dhufe tokko ifitti hammata:

” Namni hooda laallate ykn isaaf laalame khenyaa miti, ykn raaga dhaqate ykn isaaf dhaqames, ykn sihrii hojjate ykn hojjatamefis nurraahii miti!" Ja'an.

Address

Bedessa

Telephone

+251915039831

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Halaawatul iimaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Halaawatul iimaan:

Share