Gishee Tolaa

Gishee Tolaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gishee Tolaa, Digital creator, Bulbula.

16/11/2023

Wayi carraa koo 😭😭😭😭
17/09/2023

Wayi carraa koo 😭😭😭😭

Umrii dheertuu nuuf jiraadhaa❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
09/09/2023

Umrii dheertuu nuuf jiraadhaa
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

Osoon ani of sossobuuKeessi koo mammadaa'eJireenyi dalga natti galeeHunduu natti bitaacha'eBurraaqe taphachuudhaafAnuu h...
03/02/2023

Osoon ani of sossobuu
Keessi koo mammadaa'e
Jireenyi dalga natti galee
Hunduu natti bitaacha'e

Burraaqe taphachuudhaaf
Anuu hin arganne carraa
Rakkinni na rakkisuun
Maaf naaf ta'e carraa

Abaarsa sanyiis hin qabu
An maaliif rakkinni na rakkisa
Yaa rabbii ati naaf birmadhu
Si biraa furmaani isaa

✍️... Kichuu Rakkinni Rakkise

 Dubbisii yoo sitti toleef SHARE godhiQamadii oomishnaDhiiga sabaa gadi naqaaQamadii ala erginaanNi arganna maqaaHeektaa...
25/01/2023



Dubbisii yoo sitti toleef SHARE godhi

Qamadii oomishna
Dhiiga sabaa gadi naqaa
Qamadii ala erginaan
Ni arganna maqaa
Heektaara baayye qonne
Koottaa daawwadha dhaqaa

Dhugaan nutti ni ajoofti
Akkuma raqaa
Soba tolchinee ijaarra
Lafarraa balleessina haqa

Keenya daandiin sirri
Hin qabu haqaaf laaqa
Namni nu morme immoo
Mana hidhaa dhaqaa

Mirga hin qabdan isin
Nutuu isin hooganaa
Yoo barbaannee immoo
Ajjeesnee isin waaqannaa

Nama waa beeku immoo
Hundumaa ni lagannaa
Yoo akkan hin goonee
Booddee ni rakkannaa

✍️... Gishee Tolaa tiin

  Biyya koo ijaaruufAni hin beeku rafeeSiif nan wareegamaLubbuu koo baaseeJechaanis sin faarsaQubee walitti funaaneeOrom...
21/01/2023





Biyya koo ijaaruuf
Ani hin beeku rafee
Siif nan wareegama
Lubbuu koo baasee

Jechaanis sin faarsa
Qubee walitti funaanee
Oromiyyaa nan faarsa
Biyya goota dirree

Xaaliyaaniin mo'achuu keenyaaf
Adawaan nuuf ragaa
Gootota yoo kaafnes
Jira Abdiisaa Aagaa
Injifannoo keenyaaf
Kan nu gargaare waaqa

Hin diigamtu oromiyyaan
Nan kennaaf lubbuu too
Hamaa ishee dhagahuu
Hin danda'u garaan koo

Koottaa tokko taanee
Biyya keenya guddisnaa
Kan tokko dhaabe
Nutti maaliif buqqisnaa

Biyya nan qaba
Biyya maqaa qabdu
Ijaaruuf ka'eera ani
Ammas oromiyyaa jabduu

✍️... Gishee Tolaa tiin

 Baga dhalattan keessattuu baga sabaanis baguma oromoo taatanDhugaa dubbachuuf gammachuu hammamii akkan gammade himee hi...
18/01/2023



Baga dhalattan keessattuu baga sabaanis baguma oromoo taatan

Dhugaa dubbachuuf gammachuu hammamii akkan gammade himee hin xummuru

Amma booda Arti oromoof utubaa taatanii akka utubdan abdii isinirraa qabna

Umriin teessan haa dheerattu darbaa nuuf jiraadhaa ammas

Leencota dacheen oromiyyaa biqilchite wajjiin oolmaa gaarii isiniif haa ta'u

&

  'AA_JAMAREEJamaree dhgaeeffadheeAni baasuma kanan ta'eDubbisii xummuri kaaMee waan ani ta'e❤️Sirra kaa'uuf harka olkaa...
16/01/2023



'AA_JAMAREE

Jamaree dhgaeeffadhee
Ani baasuma kanan ta'e
Dubbisii xummuri kaa
Mee waan ani ta'e

❤️
Sirra kaa'uuf harka olkaase
Harki koo kophaa hafe
Yaada keen badee
Gaadidduun koo na sobe

❤️
Gaadidduu koo si se'een
Harka koo irra kaa'e
Namoonni natti kolfaniiru
An nama kolfaan ta'e

❤️
Osoo fayyaa guutuu qabuu
Siifaan maraattu ta'ee
Koottu na gaafadhu kaa
Waan jaalalaa keetiif ta'e

❤️
Dararaa baayyeen argee
Kana qofaa yoom ta'e
Sagalee kee se'een
Halkan manaa gadi ba'e

❤️
Warri koos natti kolfaniiru
Ani baran raajiman ta'e
Ani dhugumaan maraadheera
Maraattuma seeraan ta'e

❤️
Ani si jaallachuun koo
Kophaa koo na teesise
Si natti fakkeessee
Gaadidduu kee natti agarsiise

❤️
Yaada Kee eegallaan ani
Qaamaa mitii yaadaan furdaa
Onnee too gadi tarsaastee
Maaf dhiiga na dhugdaa

❤️
Kan ani akkanitti siif dhama'u
Ati quba naaf qabdaa
Akka ani itti si jaalladhutti
Atis na jaallachuu qabdaa

❤️
Hin dhufta jedheen eega
Ati achumatti hafte
Ani hirraaban dhabe
Ati immoon rafte

❤️
Sagalee kee dhagahuuf
Bilbila gurrarra kaa'e taa'a
Icciitii koo eegachuuf
Manas kophaa koo taa'a

❤️
Yoo naaf bilbilte malee
Ani akkamittan rafaa
Yaanni kee na huqqisee
Narraa fixe nafa

❤️
Yaadaan boorana dhaqe
Ani quba of hin qabu
Atis of qoqqopheessi kaa
Anis si dhabuu hin qabu

❤️
Kan na barreessise
dhagahuu kooti
Atis naaf dhageeffadhu kaa
Jamaree morma kooti

15/01/2023

SI RAKKISEE RABBI FUULA ILMA
NAMAA SIN DHAABIN.
🤲🤲🤲🤲🤲🤲

 LIKESHAREINVITE !!Namni ulee shombooqqootiUtuu hin beekin si jelaa cabaKan yeroo hundaa nan ganneAni isa mootii ol aane...
14/01/2023


LIKE
SHARE
INVITE

!!

Namni ulee shombooqqooti
Utuu hin beekin si jelaa caba
Kan yeroo hundaa nan ganne
Ani isa mootii ol aaneen qaba

☝️
Ba'aa dugda walii irra keenyee
Dugda wal dhukkubsuu irra
Ba'aa wal wajjiin qoqqoodamnee
Bara badduu tana wajjiin dabarra

☝️
Isa tabba bahuuf ol adeemaa jiru
Miila isaa qabnee gadi kan harkisnu
Akka inni tabba ol bahee adeemuuf
Humna isaaf taanee maaf hin utubnu

☝️
Yoo isa kuffifteef mee maali bu'aan
Faayidaa isa kuffiftuuf naa himi tokko
Kophaa isaa ni miidhamaa yaaddeef
Moo innis si wajjiin haa arguuf rakkoo

☝️
Hayi yaa jireenya ilma namaa
Ati garuu akkamitti jiraachaarta
Naaf deebisi mee deebii sirrii
Maaliif mataa mimmiciirta

☝️
Yoo argattee gammaddee burraaqta
Hiyyeessa si biraa hin yaadattu
Xiqqoo turee yoo bubbule
Of harkaa qarshii yoo dhabdu

☝️
Yaa rabbii na gattaa ree jetta
Gaafa harkaa qabdu hin yaadattu
Qarshii giphii kee guutannaan
Waan dhumuu sitti hin fakkaatu

☝️
Meeqa keenyatuu jira mee namni
Alhamdulillah jedhee beeku
Yaa nama hammamuu qabaattus
Hin dagatin rabbiif galata galchuu

☝️
Harra waan hojjatatte hundarraa
Boru gaafatamuuf teessaa beeki
Hojii fakkeenyummaa qabu hojjadhu
Namoota biroofis daandii akeeki

☝️
Yoon dogoggoreef dhiifama jedha
Hiyyeessa ollaa mee haa gargaarru
Isa beelaaf dheebuudhaan du'aa jiruuf
Du'arraa lubbuu isaa haa baraarruu

☝️
Altokko Rabbii Kee mee yaadadhu
Maaliif lafa kanarratti si uume
Bu'aa tokko osoo hin taane
Kan umriin kee sirraa dhume

☝️
Mee yaadi akka isa gabbartuuf
Rabbiin si kan dachirratti uume
Bineensa bosonaas si hin goone
Sammuu siif kennee si uume

☝️
Guyyaan sirraa dhumuuf jirti
Harra boru osoo hin jennee
Rabbii Keenya haa gabbarru
Harka keenya ol qabnee

☝️
Osoo karoora itti baasnuu
Akka duunee asirraa hin banne
Ani waan beeku irra tokko
Baasee siif kunoo dhaame

☝️

✍️... Gishee Tolaa tiin
Sammuu yoon jedhu bineensonni sammuu hin qaban jechuu koo miti, sammuun sammuu ittiin yaadaniiniidha malee akka birootti hin fudhatinaa

Hundaa dandeessuu koo!
09/01/2023

Hundaa dandeessuu koo!

Address

Bulbula

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gishee Tolaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share