FOCUS BHU

FOCUS BHU BHU OROMO FELLOWSHIP
Kun Fuula Facebook Barattoota Oromoo Focus Ministry Yuunivarsiitii Bulee Horaati

✅️“Nagaan Waaqayyoo fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hunduma keessaniif haa baay’atu. Harmeen keessan Focus, ‘Dilbata ...
07/06/2026

✅️“Nagaan Waaqayyoo fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hunduma keessaniif haa baay’atu. Harmeen keessan Focus, ‘Dilbata Garii Qabaadhaa’ jechuun ilmaan ishee hunda eebbistetti.” ✨


“yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti.”
Er. 29:11

01/06/2026

Nagaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isiniif haa baayyatu, jaallatamtota maatii Waaqayyoo.

​Egaa, guyyaa borii ganama yoo jaalala Waaqayyoo ta'e, baattuun qorqoorroo mana keenyaa waan yabsamuf (waan dhaabbatuuf), namoonni firii (free) taatan akkasumas ijoolleen Remedial fi GC boru ganama laayibraarii deebitani seenuu waan dandeessaniif, harchaatii (hafaatii) tokko malee akka bakka ijaarsaatti nuuf argamtan jaalala Waaqayyoon isin gaafanna. Hiriyoota keessan illee nuuf affeeraa.

31/05/2026

“Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.”
2Xim. 3:16
DILBATAA GAARII QABAADHA.
FOCUS MINISTRY BULE HORA UNIVERSITY

SUNDAY PROGRAM  “"Yaa Waaqayyo gooftaa, ati attam guddaa dha! Akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu, kan akka ke...
25/05/2026

SUNDAY PROGRAM

“"Yaa Waaqayyo gooftaa, ati attam guddaa dha! Akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu, kan akka keetii tokko illee hin argamu, si malees Waaqayyo kan biraa hin jiru.”
2Sam. 7:22
​Jaallatamtota maatii Waaqayyoo biyya alaa fi biyya keessa jirtan hundinuu, nagaan Waaqayyoo isiinif haa baay'atu.
​Egaa, Focus Ministry Yuunivarsitii Bulee Horaa guyyaa kaleessaa sagantaa dhaabbataa qabdu mana keenya isa haaraa keessatti, gargaarsa Waaqayyootiin sagantaa keenya WEL GO miseensotaa fi 'GC Separation' bifa baay'ee namatti toluun waaqeffannee jirra.
​Namoonni kallatti hundaan nu deeggaraa turtan guddaa galatoomaa jechaa, ammas manni keenya ijaarsi isaa waan hin xumuramneef, nu bira akka dhaabbataniif jaalala Waaqayyootiin isin gaafanna.

23/05/2026

✅️Nagaan waaqayyoo hunda keessaniif ha baayyatu!. akkam jirtu? egaan yeroo kanaa namootni free tatan bakkaa ijaarsa mana keenyaatti sagaanta guyyaa boruu tasiisisuf ammaa halootni hin mijjaannee bayyeen wan jiraanif yeroo ammaa kanaa bakkaa ijaarsaatti akka nuuf argamtan hiriyoota keessan illee affeeruun akkaa nuuf argaamtan jalaala waaqayyon isiin gafaanna.

“Yaa Waaqayyo keenyaa, nuyi amma si in galateeffanna, maqaa kee isa ulfina-qabeessas in jajanna.”     1Sen. 29:13Kabajam...
22/05/2026

“Yaa Waaqayyo keenyaa, nuyi amma si in galateeffanna, maqaa kee isa ulfina-qabeessas in jajanna.” 1Sen. 29:13
Kabajamoo fi jaallatamoo maatii waaqayyoo ilmaan focus ministry bulee horaa akkam jirtu nagaa keessanii? baga gammaddan baga gammanne gaafa jennuu gammachuu guddaatu nuttii dhaga'ama. yeroo dheeraaf bakka waaqeeffannaa focus ministry keenyaatti sababa ijaarsa eegaleef addaan citee turuunsaa beekamaadha egaan dadhabbii hedduu booda focus ministry bulee horaa dadhabbii keessaniin haalli ijaarsa mana keenyaa sadarkaa baayyee nama gammachiisurra ga'ee jira. egaan yoo waaqayyo nu gargaare immoo sanbata fuula keenya dura jiru sagantaa keenyaa dhaabbataa duraan ture bakka ijaarsa mana keenyaatti sagantaa well GO fi GC SEPARATION waan qabnuuf sanbata ganama saatii 1:00 - 7:00 tti sagantaan waan jiruuf yeroo keessan eegdanii akka argamtan jaalala waaqayyoon isin gaafanna!
egaan guyyaa borii guyyaa guutuu bakka ijaarsa mana keenyaatti argamtanii hojii humnaa barataa gaafatu baay`een waan jiruuf akka argamtanii haala jiru akka waliin taanee mijeessinu jaalala waaqayyoon isin gaafanna.

22/05/2026

Nagaan waaqayyoo hunda keessaniif ha baayyatu!. akkam jirtu? Ijaarsi Focus waaqayyo nu gargaaree ji'a lamaaf torbee lama qofaa keessatti gargaarsa waaqayyoon as geenyee jirra. egaan guyyaa harraa ganamaa kanaa namootni free tatan immoo bakkaa ijaarsa kenyaati akkaa argaamtan akkasumas waree bodaa kanallee hojii ballaan wan jiruuf haala mijjeefatani akkaa argaamtan jalaala waaqayyon isiin gafaanna.

SUNDAY PROGRAM “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate...
17/05/2026

SUNDAY PROGRAM

“Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.”
Rom. 5:8

Akkam jirtu jaallatamtoota maatii waaqayyoo. Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baayyatu. Egaa akkuma beekamu hojiin ijaarsa g...
15/05/2026

Akkam jirtu jaallatamtoota maatii waaqayyoo. Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baayyatu. Egaa akkuma beekamu hojiin ijaarsa galma waaqeffannaa Focus Ministry Bulee horaa university sadarkaa bareedaa fi haala namatti tolurra ga'ee jira, Haaluma kanaan guyyaa hardhaa (Jimaata) waaree booda immoo hojiin humna namaa barbaadu waan jiruuf miseensonni FOCUS akkasumas hiriyoota keessan afeeruudhaan hojii ijaarsa galma waaqeffannaa kana keessaa qooda qabaadhaa. kanaf waaree booda nuuf argamtanii hojii kana ( ijaarsa galma waaqeffannaa) akka itti fufnu isiniin jenna. adaraa harcaatii tokko malee akkuma kanaan duraa irratti argamtanii hirmaachaa turtanitti nuuf argamaa.

SUNDAY PROGRAM “Waaqayyo fayyisaa nama hundumaa ti, addumaan immoo fayyisaa amantootaa ti;.............                 ...
11/05/2026

SUNDAY PROGRAM

“Waaqayyo fayyisaa nama hundumaa ti, addumaan immoo fayyisaa amantootaa ti;.............
1Xim. 4:10

Address

BULE HORA
Bule Hora

Telephone

+251934139122

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FOCUS BHU posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to FOCUS BHU:

Share

Category