Beauty Girls Page

Beauty Girls Page Namni tokko nama tokkoof haa taanuu

02/12/2025
Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan: (3)************************************************Utuu dubbisuu hin eegalin...
18/10/2025

Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan: (3)
************************************************
Utuu dubbisuu hin eegalin yaada kana qabaachuun ni barbaachisa. Dubbisuuf ofitti amanamummaa guutuu qabaachuu. Yeroon dubbisaaf qabdu murtaa’aa akka ta’e beekuu. Maaliif akka dubbiftu akkasumas maal irraa hubachuuf akka dubbiftu adda baaftee beekuu qabda.

Bu’aan dubbisuu adda addaa sadarkaa dubbisaa garaagaraa barbaada. 3R kan jedhamus:
1. Reading to Reveal
2. Reading to Review
3. Reading to Remind

1. Reading to Reveal – Xinxaluun Dubbisuu.
- Barsiisuu yookiin qo’achiisuuf dubbisuun – yaada waliigalaa fi tuqaalee barbaachisoo hubachuuf.
- Madda adda addaa fi daataa hubachuun beekumsaa fi gaaffilee qopheessuuf akkasumas qormaataaf qophaa’uu.
> Akkaataa Dubbisaa (Reading Approach)
- Barsiisuuf yookiin hubachiisuuf,
- Yaada tokko tokko akka hubattuuf,
- Wanta hubatte dhiheessuu fi
- Marii adda addaa gaggeessuf

2. Reading to Review – Dubbisa irra deebi'uun sakatta'uu:
- Sadarkaa kanatti, beekumsa gadi fagoo akka hin barbaachifne, ariitiidhaan irra fiiguun sakatta’uudhaan yaada waliigalaa hubachuu fi yaaluun hubannoo barbaachisoo gonfachuun barsiisuu dandeessisan qabaachuun ni danda’ama.
- Madda adda addaa fi daataa sakatta’uun yeroo kan fudhatu ta’ee, akkaataa dubbisaa baay’ee gadi fageenyaan dubbisuuf gargaarudha.
- Erga barattee booda wanta siif gale irra deebitee ilaaluuf tooftaa gargaarudha.
> Akkaataa Dubbisaa (Reading Approach)
- Wanta dubbifte sakatta’uu fi madda barbaachisoo hordofuu. Gosti dubbisa kanaa waan dubbifte salphaatti qabachuu, yeroo qusachuu, waan dubbifte irratti odeeffannoo gahaa akka qabaattuuf baay’ee barbaachisaa dha.

3. Reading to Remind – Yaadachuuf Dubbisuu.
- Yaadachuudhaaf dubbisuun wanta kana dura dubbiste caalatti akka hubattu taasisa. Fakkeenyaaf qormaataaf yeroo qophooftu tooftaa kana fayyadamta.
> Akkaataa Dubbisaa (Reading Approach)
- Akkaataa dubbi

https://bahabiiftuut.blogspot.com/2025/10/tooftaaleen-feedhii-dubbisaa-itti.html

Address

Meta
Dire Dawa
0000

Telephone

+251977302143

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Beauty Girls Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Beauty Girls Page:

Share