01/12/2020
NAMA SOBAA AKKAMIIN ADDA BAASUUN DANDA’AMA?
~~~~~~~~~
Sobuun hojii Sammuu wal xaxoo ykn cimoo ta’an keessaa isa tokko.Kanaaf sammuun gocha kana raawwachuuf anniisa dabalataa barbaada. Yeroo kana godhutti yoo xiyyeeffannoo ilaatan namni sobaa jiru kun amala ykn gocha adda ta’e ni agarsiisu.
Kanneen armaan gadii amaloota namoota yeroo baayyee soban irratti mul’ataniidha.
∆Sobni anniisaa baayyee waan barbaaduuf gaafa soba dubbatan hancuufni ykn dhangala’aan qaamota sagalee uuman jiisuuf gargaaran ni hanqatu. Kanaaf Sagaleen namaa gaafa waan sobaa irra ga’u ni jijjiirama, kana dandamachuuf namootni kun sagaleessituu ofii qulqulleessuu, afaan isaanii amma ammaa totochoosuun afaan goge jiisuuf yaalu.
∆Sochiin ijaa jijjiiramuu.Sochii ija namaa gaafa dubbatan yoo xiyyeeffannoo ilaaltan gaafa dhugaa dubbatan gara bitaatti yeroo ta’u gaafa soba dubbatan garuu gara mirgaatti ta’a. Namootni gaafa soban Ija keessa nama ilaaluu dhiisuu fi ija milqisuun illee irraa mul’ata.liphsuun ijaa isaanii ni ariifata.
∆Ana /nuyi gulummoo jedhu fayyadamuu hir’isuu. Kunis itti gaafatamummaa jalaa maquuf kan akeekameedha.
∆Gochoota of tasgabbeessuuf fayyadan kanneen akka gurra of hooquu ,morma ofii tuquu,afan ofii haxaa’uu fayyadamuu. Kunis sababa Wal nyaatiinsi keemikaalaa gogaa gara fuula namaa gaafa soban miira nama hooqsisuu uumuufiidha.
∆Sochiin qaama fi fuulli ergaa namtichi dabarsuu wajjin wal simuu dhabuu. Jechuun qaamni isaanii soba isaan dubbatan didaa jira jechuu dha.
∆Namni isin sobaa jiru mana keessa kan jiru yoo ta’e miilaa fi ija isaanii yoo hubattanii ilaaltan gara alaa gara baqachuun danda’amu irra agrsiisa.
∆Namootni baayyeen yeroo soban gara morma isaaniitti xiyyeeffatu, yoo faayyi morma isaanii irra jiraate isa qaqqabu. Kunis yoo tasa namni soba isaanii irratti baree morma qabuuf yaale ofirraa ittisuuf kan akeekameedha.
∆Gaafa waanta soba ta’e dubbachuuf ka’an gaalee” Dhugaa isaa dubbachuuf…”,”Dhugaan isaan sitti hima…..”,’ qulqullummakoo irraa… “ jedhu irra deddeebiin fayyadamu.
∆Jechoota fiixeetti ba’an irra deddeebiin fayyadamu fkn Ani ” tasa…”, Ani yeroo “hundaa…….”. ’
∆Waa’ee wanta dubbatanii baayyee gadi fageenyaan isiniif ibsuu yaalu, yoo akka irra isiniif deebiin gaafattan ,odeeffannoon kan wal hin simne ta’a
∆Dafqaa qaama isaanii illee hubannoon ilaaluun ni gargaara.
'FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU'