02/09/2025
Hidhaawwan Gurguddaa Afrikaa Anniisaa Maddisiisan Kurnan
Hagayya 27/2017
Waldaan Anniisaa Haayidiroo Idil-Addunyaa jedhamu, Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa hidhaawwan gurguddoo Afrikaa kurnan keessaa sadarkaa 1ffaa irra kaa’eera.
Afrikaan anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuuf cimtee hojjechaa kan turte yoo ta’u, baay’ina ummataa fi fedhii dinagdee ardii kanaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee xiqqaa ture.
Itoophiyaa bira darbee injifannoo Afrikaa ta'uun leellifamaa kan jiru hidhi haaromsaa guddicha Itoophiyaa Afrikaa keessatti humna ibsaa meeggaa waattii 5,150 maddisiisu ta'uun isa jalqabaati.
Hidhi kun bal'ina lafaa iskuweer kiiloo meetira 1,680 kan qabate yoo ta’u, bishaan meetira kiyuubii biiliyoona 74 qabachuu danda’a.
Kana malees, ol ka’iinsi hidha guddichaa meetira 145; dheerinni isaa kiiloo meetira 1.8 waan ta’eef humna maddisiisuu fi guddina isaatiin Afrikaa keessatti isa jalqabaa qofa osoo hin taane hidhaalee gurguddoo addunyaa keessaas isa tokko ta’a.
Biyya masirii keessatti bara 1970 hojjetamee kan xumurame, Hidhi Aswaan humna ibsaa meeggaa waattii 2,100 maddisiisuun hidha Haaromsaa guddicha Itoophiyaatti aanuun isa lammaffaa ta'a.
Hidhi Mozaambiik kaahooraa Baassaa laga Zaambeezii irratti argamu sadarkaa sadaffaa yoo qabatu, Gilgal Gibee 3ffaan, Ingaa fi hidhi Kaaribaa kan Zaambiyaa fi Zimbaabuwee waliin bulchan sadarkaa 4ffaa hanga 6ffaa qabataniiru.
Hidhi Kaaribaa, biyyoota ollaa Zimbaabuwee fi Zaambiyaan waliin kan hoogganamu yoo ta’u, Afrikaa keessatti pirojektoota muraasa walta’iinsaan Misooman keessaa isa tokko.
Hidhi meerowee Sudaanitti argamu humna ibsaa Meeggaa waattii 1250 maddisiisun sadarkaa 7ffaarraatti yoo argamu, Takazeen Itoophiyaa, Akoosomboon Gaanaa fi Kaayiinjiin Naayineeriyaatti argaman 8ffaa hanga 10ffaatti wal-duraa duubaan sadarkaa qabataniiru.
Madda: Waldaa Anniisaa Haayidiroo Idil-Addunyaa
Shuumii Badhaasootiin