02/10/2026
Yeroo irreechi gahe cufa Abbaa ulamaa'ii Muftii sheikh Aadam Tuulaa (رحمه الله رحمة واسعة) Yaadanna. Sababnis Gaafa namni hundi irreecha irratti hukmii kennuu irraa of-qabee ture namni irreecha irratti fatwaa kenne isaan ture. Maal ja'an?
Waggaa 5 dura Magaalaa Aawwadaay Masjiida guddaadhatti Sheekha sheekhoota hundaa Muftii Sheikh Aadam Tuulaatiif gaafii hedduutu dhiyaate. Gaafiilee isaaf dhiyaatte jidduu Irreechi qaphxii 1ffaarratti argama!
Gaafii 1ffaa, Irreechi Aada moo Amantii dha?
Gaafii tana Sheekhni kenya "Rabbiin sabaa fi gosa adda addaa godheetiin isin uume ja'a. Garuu irra caalaan namaa, nama Rabbi sodaatu. Nuti aadaan shari'aadha, amantin ammoo Islaamummaa dha" ja'ee deebiseef.
2ffaa, Namni Irreecha dhaqe Hukmiin isaa maali?
Ja'amee gaafatamnaan: “Muslimni osoo beekuu Irreecha dhaqe amantiirraa bahee jira, dafee Shahaadaa jachuu qaba” ja'ee deebise!
3ffaa, Namni nama tokko gargaaree Irreechatti erge hoo?
Jannaan: “Rabbiin hamtuurraa waldhoorkaa, gaariitti wal ajajaa ja'a. Kanaaf namni kun dilaawee jira. Dafee toowbachuu qaba” ja'een.
4ffaa, Sheekkan jaalala namaa barbaaduuf jacha waa'ee Irreechaa hin dubbanne yoo?
Jannaan: “yaroof namni isa jaalatuus, booda Rabbiin nama hunda isa jibbisiisa” ja'ee deebiseef.
Dhumarratti Sheekhni kenya akkana ja'e:
“gargaarsa Rabbiitiin, gabrummaa duraan dhamdhamaa turrerraa bilisoomneerra. Garuu ammaas yoo waan Rabbiin hin jaalanne hojjanne, Rabbiin gabrummaa tan duraatirra hamtuutti nudeebisa. Rabbi sodaadhaa” ja'eeti dhaammate!
Barruu tana Gaafa sana barreessine. Arrallee dawaadha. Garuu arra, qabsoo isaaniitiin, Hawaasni Muslimaa irreecha hubatee, irraa hafee jira. (Alhamdulillaah)
Sheekhaaf Jannata olaanaa kadhanna!
Barreeysaan: Hamza Abdulhakim
Galatoomaa!