Oromia Peace Media

Oromia Peace Media Sagalee Tokkummaa fi Bilissummaa
The Voice of Freedom and Unity
Media Liberalism is not Regionalism.

"Oromoon Itoophiyaadha; Itoophiyaan Itoophiyaa Irraa hin foxxoqxu!"Kan ittiin mormanis , kan mormanis oromoodha- (Itooph...
08/08/2026

"Oromoon Itoophiyaadha; Itoophiyaan Itoophiyaa Irraa hin foxxoqxu!"

Kan ittiin mormanis , kan mormanis oromoodha- (Itoophiyaadha)

"Gaariin oromoo oromootti hin bareedu. Guddummaan oromoo oromootti hin mul'atu. Hammayyummaan Toobiyaa oggayyuu oromoo sodaachisa. Oromoon oromoo waliin duuluu irra wal irratti duuluu filata. Afaan keenya gaafa jedhu kan ittiin buddeena gurshatu qofa fakkaata. Maaf ittiin hin barreessineen, maaf ittiin hin dubbanneen gaafiidha? Yoo barreessaniin , yoo dubbataniin maaf ta'een komiidha.
Lakki yeroo tokko tokko wantuma fakkaatanuu of ilaallee keessatti of mil'adhaa"

Ministeerri keenyaa fi hoggantoonni Bulchiinsa Nageenya Neetwork Odeeffannoo (INSA) dhimmoota biyyaalessaa fi damee bulc...
06/08/2026

Ministeerri keenyaa fi hoggantoonni Bulchiinsa Nageenya Neetwork Odeeffannoo (INSA) dhimmoota biyyaalessaa fi damee bulchinsa lafaa irratti waliin hojjechaa jirru, kanneen akka qoodinsa daataa iddoo, ramaddii nageenyaa, fi bu’uuraalee dhaabbilee tumsa dhaabbilee gidduu jiru cimsan dabalatee irratti mari’anneerra.

Sirna odeeffannoo lafa magaalaa (kaadaastara) caalaatti qindaa’ee fi iftoomina qabu irratti waliin hojjechuu irratti mari’anneerra, akkasumas qabeenya lafaa daangeffame gochaalee qisaasama irraa eeguu, kaartaa qilleensaa fi itti fayyadama diroonii, fi istaandaardii dambii biyyoolessaa hojiirra oolchuu irratti mari’anneerra.

Akkaataa moodeela kaartaa 2D/3D Magaalaa Adaamaa keessatti eegalame gara magaalota biyya keenyaa birootti babal’isuu dandeenyu irratti waliin hojjechuu waliigalleerra.

Baga guyyaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa marsaa 8ffaa guyyaa tokkoon nagaan geessan!Har'a sosochiin biyyoolessa...
03/08/2026

Baga guyyaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa marsaa 8ffaa guyyaa tokkoon nagaan geessan!

Har'a sosochiin biyyoolessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuu magaalaa keenya Finfinnee keessattis sosochiin bal'aan dhaabamaa jira.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkootiif iddoowwan 176 ta'an adda baafamaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman bifa hanga qabachuu isaanii dabaluun ogeessaan deeggaramee raawwatamuu irratti argama.

Kan dhaabnu abdii; badhaadhina Itoophiyaa, dhaloota boriitiif kan dabarsinu Itoophiyaa jiituu mul'ata keenyaan arginee, yaadaan tokko taanee, gocha keenyaan harka keenyaan dhaabnee biyya keenya qaalii magariisa uwwisaa jirra.

Kan dhaabnu nyaata keenya, gaaddisa, bareedinadha. Kan dhaabaa jirru bor sababa jijjiirama qilleensaatiin faalama, rakkoo fayyaa fi balaa lolaa dursinee ittisuufidha.

Ashaaraan Magariisaa daa'imman, dargaggoonni, dubartoonni, ga'eessonni fi manguddoonni waliin kan milkeessinudha. Kan dhaabne waliin haa kunuunsinu; haa eegnu.

Waaqni Itoophiyaa fi uummata isee haa eebisu!

Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti karoora mootummaa hojii irra oolchuun dameelee diinagdee, hawaasummaa fi...
28/07/2026

Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti karoora mootummaa hojii irra oolchuun dameelee diinagdee, hawaasummaa fi hojiilee mootummaa biroo rawwachuun bu'aaleen abdachiisaan galmaa'uu danda’ameera.

Godina Shawaa Bahaatti Konfiraansiin Miseensota Paartii Badhaadhinaa kurmaana 4ffaa gaggeeffama jira.

Konfiraansiin Miseensota Paartii Badhaadhinaa kurmaana 4ffaa hojii paartii qindeessuu, madaaluu fi kallattii gara fuulduraa kaa'uuf gahee guddaa kan qabuudha.

Itti Gaafatamtuun Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Shawaa Bahaa Adde Almaaz Fayyisaa, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti karoora mootummaa hojii irra oolchuun dameelee diinagdee, hawaasummaa fi hojiilee mootummaa biroo raawwachuun bu'aaleen abdachiisaan galmaa'uu ibsanii, kanaaf immoo gaheen miseensota Paartii badhaadhinaa godina shawaa bahaa sadarkaan jiranii ol'aanaadha jedhan.

Godinni Shawaa Bahaa rakkoo nageenyaa keessatti bara kana Hojiilee mootummaa fi Paartii Sadarkaa ol'aanaan Milkeessuun kan danda'amee ta'u kan dubbatan Adde Almaaz, milkaa'inna argamee keessatti gaheen Caasaalee hoggansa sadarkaan jiru ol'aanaadha jedhan.

Ayyaanni Waggaa Qulqulluu Gabre’eelii bakkeewwan garagaraatti haala ho’aa ta’een kabajameFinfinnee, Adoolessa 19, 2018 –...
26/07/2026

Ayyaanni Waggaa Qulqulluu Gabre’eelii bakkeewwan garagaraatti haala ho’aa ta’een kabajame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 – Ayyaanni Waggaa Qulqulluu Gabre’eelii bakkeewwan garagaraatti haala duudhaa amantichaa eegeen kabajameera.

Ayyaanni waggaa kun Qullubbii Gabre’eelii akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajameera.

Hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa Eebbifamoo Abunee Saawuroos, Barreessaa Qulqulluu Siinoodoosii Abunee Diyoosqooroos, Phaaphaasonni biroo fi hordoftoonni amantichaa hedduun bakka argamanitti sirna ho’aa ta’een kabajameera.

Daawwattoonni biyya keessaa fi alaa sirna kabaja ayyaanichaa argamaniiru.

Bifuma walfakkaatuun magaalaa Hawaasattis akkaataa duudhaa fi barsiifata amantichaa eegeen bakka dureewwan amantaa fi hordoftoonni hedduun argamanitti kabajameera.

Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa dhalootaaf dabarsuun Afrikaarraa adda dureedha- Pireezidaanti TaayyeeFinfinnee, Adoolessa ...
21/07/2026

Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa dhalootaaf dabarsuun Afrikaarraa adda dureedha- Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 - Itiyoophiyaan eegumsa fi kunuunsa lubbu qabeeyyii bosonaa dhalootaaf dabarsuun Afrikaarraa adda dureedha jedhan Pireezidaantin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Guyyaan hundeeffama waggaa 60ffaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Finfinneetti kabajameera.

Pireezidaanti Taayyeen wayita kana, Itiyoophiyaanonni Eegumsa Bineensota bosonaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuun duudhaa gaarii qabu jedhan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa nageenya sirnakkoo eeguun bineensonni bosonaa bakka jireenyaa mijataa akka argataniif carra uumuu kaasaniiru.

Barii jijjiirama biyyaalessaa waggoottan darban keessa qabeenya uumamaa fi madaala sirnakkoo eeguun hojiileen hedduun hojjetamuu kaasuu ENA’n gabaaseera.

Guyyaa Har'a turtii keenya magaalaa Kemiseetti marii paanaalii fi agarsiisa suuraa "Misooma Magaalaa fi Ijaarsa Itiyooph...
21/07/2026

Guyyaa Har'a turtii keenya magaalaa Kemiseetti marii paanaalii fi agarsiisa suuraa "Misooma Magaalaa fi Ijaarsa Itiyoophiyaa" jedhu gaggeessineerra. Hojii misoomaa magaalota keessatti hojjetamaa jiru irratti lammiileen hubannoo waloo akka qabaatan gochuudhaan miira jaalala biyyaa fi aadaa marii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Akka biyyaatti hanqinni mana jireenyaa magaalota hedduudhaaf rakkoo waan ta’eef, waldaalee, mootummootaa fi invastaroota waliin ta’uun filannoowwan misooma mana jireenyaa babal’isuuf hojjechuun bu’aa arguu dandeenyeerra.
Mul'ata biyya keenyaa karaa damee ijaarsaa fi misooma magaalaa ilaalcha keessa galchuun magaalota keessatti jijjiirama hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf hojjechaa jirra.

Rakkoo hawaasummaa fi dinagdee jiraattota magaaloota itiyoophiyaa misooma koridooriitiin furuuf hojjechaa jirra.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan taphataa kilaba Noorwiich Siitii Alii Ahimad simachuun waliin mari’atanFinfinnee, Adoo...
21/07/2026

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan taphataa kilaba Noorwiich Siitii Alii Ahimad simachuun waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa taphataa maatii Oromoo irraa dhalate Alii Ahimad Waajjirasaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Hojii Aliin kubbaa miilaa keessatti hojjachaa jiruun akka biyyaafi naannootti itti boonuu kan dubbatan Pireezidaanti Shimallis, Aliin seenaa waancaa Addunyaa irratti garee biyyaalessa Kaanaadaa waliin galmeesseef baga gammadde jedhaniiru.

Pireezidaanti Shimallis, Alii Ahimad Akkaadaamii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa keessatti banuuf fedhii qabaannan deeggarsa barbaachisu akka godhan dubbatan.

Simannaa isaaf godhametti gammaduu kan hime Alii Ahimad, iddoon ka’uumsa koo Itiyoophiyaa, aadaafi duudhaa Oromoonan guddadhe waan ta’eef iddoo ka’uumsa koo hin dagadhu jedhe.

Gara Itiyoophiyaa dhufuu kootti gammadeera, kanaan ol maqaa Itiyoophiyaa waamsisuufis nan hojjedha jechuu isaa OBN’n gabaasera.

“Bara Baajataa 2018 Ijaarsi Dhaabbilee fi Sirna Dimokraasii Mirkanaa’eera” - Obbo Adam Faaraah**************************...
21/07/2026

“Bara Baajataa 2018 Ijaarsi Dhaabbilee fi Sirna Dimokraasii Mirkanaa’eera” - Obbo Adam Faaraah
*******************************
Marii raawwii bara 2018 fi karoora bara 2019 Paartii Badhaadhinaa Finfinneetti taa’amaa jiru irratti, Pirezidaantii Itti Aanaa fi Hogganaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, barri 2018 ijaarsa dhaabbilee, sirna dimokraasii fi guddina misoomaa keessatti bu’aa guddaan kan itti galmeeffamedha jedhan.
Qabxiiwwan gurguddoon isaan kaasan;
✅ Paartichi gurmaahinsa, hojmaata fi dandeettii raawwachiisummaa isaa cimsuu danda'eera. Uummata hirmaachisuun filannoo waligalaa 7ffaa irratti bu'aa boonsaan galmeeffameera.
✅ Misooma fi dimokraasii wal cinaa oofuu fi naamusni hogganummaa mirkanaahuu isaatiin bu’aawwan gurguddaan argamaniiru.
✅ Qulqullina hogganaa fi miseensotaa mirkaneessuu, yaada tokkummaa biyyaalessaa cimsuu fi sirna dhaabbatummaa paartichaa olkaasuu irratti xiyyeeffannoon ni hojjetama.
Mariin guyyaa lamaaf itti fufu kun raawwii bara 2018 fi karoora bara 2019 irratti bilchinaan mari'achuun kallattii fuulduraa ni kaa'a.

"Abdii Haa Dhaabnu!” Har'a, hoggantootaa fi hojjettoota Mana Maree Daldalaa fi Damee Waldaalee Itoophiyaa waliin ta'uudh...
18/07/2026

"Abdii Haa Dhaabnu!” Har'a, hoggantootaa fi hojjettoota Mana Maree Daldalaa fi Damee Waldaalee Itoophiyaa waliin ta'uudhaan, mata-duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun sagantaa dhaaba biqiltuu Ashaaraa Magariisaa waliin gaggeessineerra. Galma Ashaaraa Magariisaa kan waggaa kanaa milkeessuuf, guutummaan hawaasa daldalaa fi abbootiin gahee hundi waloomaan bahaanii hirmaannaa ho'aa akka taasisanii fi ashaaraa magariisaa isaanii akka kaayan waamicha kiyya nan dabarsa. Itoophiyaa magariistu, jireenyaaf mijattuu fi badhaatuu dhalootaaf darbitu ijaaruuf gamtaan hojjechuu keenya itti fufna!

Address

Bishoftu
Debre Zeyit

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Peace Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share