Tokkiichaa Ilmaa obboraa

Tokkiichaa Ilmaa obboraa Send messages

27/06/2024

Waliin Chalaa Mohammed – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

27/06/2024

Akka Naaf Hubattan…

Guyyaa muraasa dura dhimma konkolaataa Ummatni kabajaa Harargeen badhaasa seenaa naaf kennite ani gurguramuu fi karatti hafuu isii kaase irratti,yaadota dogoggora tahan hedduu argeeti dhagahe. Kanarratti har’aa fi seenaaf waa jechuu fedhe.

Gariin waan ani ulfinaa fi kabaja ummata Sikkoo fi mandoo gadi buusetti na ilaale. Gariin waan ani konkolaataa naaf galchaa mallaqa walitti naaf qabaa jedhee iyyadhe se’ee duula narratti bane…

Ilaamee…
Ani dargaggeessa wagga 30 gadiiti. Nama wallaalaa dha,beekumsaa fi dandeettii namarraa adda na taasise hin qabu. Ummata kanaaf oolmaa oole jedhee seenaa fi Qiyaamaaf waan lakkaa’adhe hin qabu. Garuu RABBIIN yeroo si qormaatuu fedhe suma zeeroo kana ija namaatti dhibba si godha! Tola RABBII waakkachuuf miti. Hanga kiyya of isiniif himuufi.

Beekkamtii fi galata ummataa argadha jedhee takkaa karooraan irratti yoo hojjadhe tahe,arrabni kiyya gaafa xumura jiruu tiyyaa shahaadaa na haa didu. Garuu ummata osoo ati hin hojjatin dursee mindaa siif kafalu irraa dhaladhe.

Ani Maaliif Sa’uudii Deeme ?

Ila akkana…
Gaafa jalqaba biyya Sa’uudii imalu,simannaa fi badhaasa ummataa argadha jedhee lafa san hin ejjanne,biyya Jaalallee kiyya Nabi Muhammad (Salawaatullaahi Wasalaamu Aleyhi) dheebuu bara dheeraa qabu habbuuqqachuuf achi dhaqe. Sagantaa fi badhaasa naaf godhaa jedhee namni ani dubbise yoo jiraate har’a haa dubbatu.

Garuu ummatni ani irraa dhaladhe ummatni sikkoo fi mandoo ani lafa Makkaa seenuu kiyya gaafa dhagahan,nu dubbiftee wal agarru malee hin galtu jedhan. Yeroo dheeraaf ani didus dirqama narra kaa’an.

Jalqaba Hararge Moo Sikkoo Fi Mandoofu Na Simate ?

Yeroo jalqabaatiif hawaasni na simate sikkoo fi mando,makkarraa Gara Riyaad xayyaaraan na yaaman,nama 30 jala waan gahuun manguddoo fi dargaggoon konkolaataa hiriirsanii dirree xayyaaraatti na simatan. Ani yeroo gadi bahee argu ni rifadhe. RABBITI na beeka guyyaa sna dhokadhee bo’e,himachuuf osoo hin taane himuufi. Akkas hin seene…

Booda Maaltu Ta’e !?
Hoteela qabanii sagantaa guddaa seenaa kiyya alaa keessatti jalqabaaf naaf godhan,badhaasni gatii qaaliin bitamee guyyaa san naaf kenname Wallaahi lakkoofsa isaa RABBI qofatu beeka.
Sagantaa akkasii yeroo lama naaf godhan.

Jalqabaaf seena kiyya keessatti biyya alaatti namni sagantaa ani isa hin geenye kan inni na caalu naaf godhe sikkoo fi mando. Hanga akka daa’imaatti harkaan nyaata afaan na kaa’anii na nyaachisanitti ulfina dur abboota irraa dhaalan natti argisiisan.

Akkatti irraanfadhuu fi itti waakkadhus hin qabu. Yoo ani isaan waakkadhe isaan osoo hin taane RABBIIN walitti dhufa. Tola RABBII waakkadhe waan ta’eef…

Ilmaan Afran Qalloo Harargeen Maal Goote ?

Baatii lama booda Ummatni Afran Qalloo harargeen Baabaa keenya Sheikh Amiin Ibroo wajjiin sagantaa nuuf goote. Akkatti Sheikh Amiin wajjiin na qixxeessanii sagantaa naaf godhan hanga har’aa na ajaa’iba. Achi qofatti hin dhaabne,ulfina tasa hin eegamne,konkolaataa na badhaasan. Oromoon hundi gaafa san gammadee akkatti gammachuu ibsatu dhabe..

Booda Konkolaataa Maal Tahe ?

Boodarra konkolaataa kana galchuuf balbala Shanii ol rukunne. Baatii sagal guutuu yaalii alaa fi keessaa godhee dadhabe,konkolaataa kana qaraxa isaa kafaluu waan hin dandeenyeef kana hunda arkifatte. Sunis sababa malee murtii RABBIITI.

Konkolaataa Kana Galchuun Yaaliin Mallaqaa Godhame Jiraa !?

Konkolaataa kana galchuuf akka jaalleewwan tiyya kan akka Sheikh Mubaarak Roobee,Sheikh Sa’ad Aliyyii,Abuu Mus’abii fi Sheikh Muhammad Amiin yaalii guddaa godhanii turan sunis hin mirgoofne.
boodarra karaan konkolaataan itti galtu mootummaa Itiyoophiyaatiin cufamnaan ummata harargee koree dhimma konkolaataa wajjiin mari’annee gurguruu murteessine. Gurgurtaan isii paarsantii 39 gadi tahee gurgurame.

Dhiyeenya Dubbii San Maaliif Kaase ?!

Konkolaataa eega gurguramtee gara mallaqaa deebifnee booda,jechootaa fi hamii fokkattuu dhagahuu eegale,gariin konkolaataa san akka waan warrumti na badhaase na jalaa gurgurateetti dhara haasayuu eegale,gariin akka waan isiin hatamtee baddeetti dubbate,gariin akka waan ani mallaqatti hajamuuf gurguradheetti dubbate,irra hedduun ummataa ammoo konkolaataa san eessa keessee jechuun gaafii guddaa ba’aa natti tahee na rakkise. Kanaaf sanis qulqulleessuuf karaan ani hawaasa kanattiin lallabadhu miidiyaa qofa,dubbiinis gaafa duraa miidiyaan tamsaate. Kanaaf dubbadhe.

Ani Sikkoo Fi Mandoon Ni Komadhee !?

Akka dhalootaatti ani sikkoo fi mandoo dha. Ani sikkoo fi mandoof ilma,komachuuf haqa guutuu qaba,waan haqa biyyomaa taheef,isaanis na komachuu haqa qabu,haqa ilmoomaa waan ta’eef. Kaleessa dabreef osoo hin taane boruufis ni abdadha. Isaanis na abdatu. Dadhabbii fi gumaata isaan naaf godhan garaa ittiin waakkadhuu fi sammuu ittiin dagadhu hin qabu.

Hubachiisa walii galaa;

Warra waan ani gargaarsaaf ummatatti lallabadhe se’uuf:

Ani akka kiyyatti ; kaleessa ummataaf akkas godhe,har’a ummatni akkana naaf godhuu qaba jechuu,qabsoo osoo hin taane daldalatti beeka. Bittaa fi gurgurtaa fakkaata. Qabsoo jalaan qorsoo funaanuu dha. Kuni safuu fi salphina. Amala har’a dhaloota kana keessaan mul’ataa jiruudha. Qabsaa’otni kaleessaa osoo dhaka boraafatanii muka nyaatan addunyarra deeme. Garuu dhaloonni har’aa laffaatii jaraattii account isaanii irraa nyaataa jira.

Ani dargaggeessa fayyaa qabu,hojjatadhee of danda’ee jiraachuuf fedha RABBIITIIN nama dirqamaa fi karoora guddaa qabu. Kuni barsiisa Rasuula RABBIITI (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) . Harka namaa nyaatuun bor foon fuularraa nama fixxi. Osoo dibata meeqa dibattu qaamni si daalachaa’a.

Osoo hawaasni kiyya oromoo waraa**naa fi beelaan dhumaa jiru,dhimma dhuunfaa kiyyaatiin cinqamuun dogoggora tahutti amana.
Har’as borus shilingii ykn farankaa tokko na gargaraa hin jennes hin jedhus,osoo rakkadhee biyyeellee kan nyaadhu tahee gargaarsa ummatarraa hin haajamu.

Amma duras hin haajamne. Birrii lakkaa’amu qabaadhee miti. Abbaa fi Haadha kadhachuu fi nama kajeelatuun osoo jiran du’uu dha jedhanii na barsiisan irraa dhaladhe.

Deeggarsi amma deemaa jirus fedha kiyyaa miti,hiriyyootaa fi jaalleewwan kiyyatu jaalalaa fi kabaja naaf qabanirraa kan hunda godhaa jiru.

Ammoo yeroo oromoon kiristaanaa si wajjiin dhaabannee nutu siif bita jedhanii bilbilaa fi barreeffamaan na jajjabeessan ijoolleen biyya tiyyaa tokko tokko kan na arrabsan arge. Isaanis na arrabsatan malee nan arrabsine. Baguma nama isaan arrabsanii garaa itti qabbaneeffatan taheef ani.

Taatee tanatu seenaa dha,tanaaf akka seenaatti barreesse.

Hunda keessan nan kabaja,nan jaalladha,isin hundi foonii fi lafee kooti. Waan isinitti balleesse dhiifamaa fi gorsaan na bira dhaabbadhaa.

Ibsaan Isin Jaalata!

S A W
28/05/2024

S A W

18/08/2023
Daqiiqaa 1 hin Caaluu mee Nabiyyii kee ﷺ irratti salawaata buusi!✍️❣
18/08/2023

Daqiiqaa 1 hin Caaluu mee Nabiyyii kee ﷺ irratti salawaata buusi!✍️❣

Sallaallahu          Alleyyhi                wasaallam 🙏🙏💚💚💚💚👍👍
30/06/2023

Sallaallahu
Alleyyhi
wasaallam 🙏🙏💚💚💚💚👍👍

Amiiiiiiiin Amiiiiiiiin 🤲☝️🙏🙏💚
30/06/2023

Amiiiiiiiin Amiiiiiiiin 🤲☝️🙏🙏💚

29/01/2023

"Nama yero 1 Salawaata narratti buuse RABBIIN yeroo 10 Isarratti buusa jadhan!(Ergamaan rabbii 💚 S A W 💚‼

Send messages

29/01/2023

"Nama Guyyaa qiyaamaa (Shafa'aa/Magantaa Nabi Muhammad)❣ S A W ❣Argatu RABBI Sihaataasisu!🤲

29/01/2023

As wr wb
1 AL Rahamaanu
2 AL Rahiimu
3 AL maliiku
4 AL Qudduusu0
5 AL ahadu
6 AL samadu
7 AL salaamu
8 AL razzaaqu
9 AL kariimu!
maqaa RABBII kana 9'n yoo nama 9f ergite yeroo gabaabaa keesatti wan si gamachisun ni milkofta yoo akka salphati ilaalte immoo carraa wagga 9f dhabda dafii ofira ergi!

28/01/2023

Send a message to learn more

15/01/2023

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim
Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin
Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami
Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali
Yaa rabbi adunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi
Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi

Yaa Rabbi waan nu jalaa bade Nuuf Mullisi
Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi

Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi.
Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi
Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi

Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif
Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni
Dhukkuba Keenya hunda nuuf fayyisi
Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahmata Nuuf godhi

Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli
Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi.

Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali
Tun nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti.

Aaaamiin Aaamiin Yaa Rabbal Aalamiin.

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149

15/01/2023

"Nama yero 1 Salawaata narratti buuse RABBIIN yeroo 10 Isarratti buusa jadhan!(Ergamaan rabbii 💚 S A W 💚‼

Address

K'OBO
Deder
OROMIA

Telephone

+251949235013

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tokkiichaa Ilmaa obboraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share