Adinan Taju Mahamed

Adinan Taju Mahamed ๐˜๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข ๐๐š๐๐ก๐š๐›๐ข ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ž,
๐˜๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐๐š๐๐ก๐š๐›๐ข๐ง!!
(1)

Gatii Kee BeekiWaca gamaa gamanaa hin dhaggeeffatiin Gurra jechoota hamilee si buusanii fi si dadhabsiisanii hin qabaati...
08/07/2025

Gatii Kee Beeki

Waca gamaa gamanaa hin dhaggeeffatiin
Gurra jechoota hamilee si buusanii fi si dadhabsiisanii hin qabaatiin!Gurra jechoota lafa galma keetii fi mul'ata kee isa ganamaan laphee keessaatti uumame Sana bira si qaqqabsiisanii qabaadhu.

Namni gatii isaa hin beekne karoora ormi baase keessa,karaa namni tolcheef irra imala,ofii isaatiif karooraf karaa kalaqee uumu akka hin dandeenyeetti waan of ilaaluf mataa isaatiin yaadee haala jijjiiruu hin danda'u!Jireenyi ammoo warra gatii ofii isaanii beekanii jiraataniif fuula ishee ibsiti.Warra sadarkaa ofii isaanii awwaara keessa kaa'aniif teessoo hin kennitu@Warraa bakki gaariin naaf Mala jedhanii jireenyaan falmaniif garuu harka guuttee arjoomtiif.

Gatii kee beeki si beekuuf si caala kan dhiyoo sitti jiru hin jiru waan ta'eef!Namoonni gatii kee akka kofoo gabaa irraa takka ol kaasanii takka gad buusanii akka ibsaniif carraa hin kenniniif.

Of ta'i Gita gatii keeti jiraadhu;Qubaa keen seenaa jabaa katabi!Hojii dubbatu hojjaadhu hojii dubbifamu bara keessatti boci!Akka waan yaaddee hojjachuu dandeessutti of yaadi!Gatii ofii wallaluun eegas balbala banamuu danda'uu gonkumaa akka banamuu hin dandeenye nutti fakkeessa.

Gita gatii keetii jiraadhu.

08/07/2025
Jireenya jibbitu jiraachuuf mirga malee dirqama hin qabdu!   hattuu miti kan dhokatee jireenya kee lixu... Fuuluma fuula...
08/07/2025

Jireenya jibbitu jiraachuuf mirga malee dirqama hin qabdu!

hattuu miti kan dhokatee jireenya kee lixu... Fuuluma fuulatti si dura dhaabatee Ani si waliin jiraachuun fedha naaf heeyyamtaa sin jedha. Tole jennaan ni seena, Lakki jennaan sirraa gara galee fagaata!

Jireenyi filannoodhakaa! Soorummaniis lootoorii miti kan akka carraa gara Kee dhufu; bu'aa dafqaati! Ati heeyyamnaaniif mana Kee keessa baraan jiraata! Jireenyi dhimma filannooti malee, carraa miti. Waa'ee soorummaafi hiyyummaa haasa'uufii miti, Ani kaniin jechuu fedhu; jireenya filattee jiraachuuf mirga akka ati qabdu siif ibsuuf!

Tokko jiraatta, lama hin dhalattu! filannoo badde keessa jiraattuus, filannoo tolte keessa jiraattuus jiraachuuf kan siif kennamees jireenya tokko! Maal siif wayya? Filannoo jireenyaa toltee jireenya gaarii jiraachu moo?, Maal na dhiibdeen of huutee bara lakkaa'uu? Filannoon keeti! Utuu yeroof humna qabduu har'a jireenya keef murtee sirrii fudhu. Dogoggorri guddaan filannoo jireenyaa baduudha!

jireenya jibbitu jiraachuuf mirga qabduus, garuu dirqama hin qabdu!

Maaf jireenya isa akka ajaa'ibaa, Isa keessi Kee jiraachuuf dheebotu hin jiraanneree?

Shakkiif sodaa irraa kan ka'e jireenya kee tarree jireenya jibbitu keessa hin galchin; Jireenya ija qabu jiraachuuf mirga qabdaa jiraadhu!

07/07/2025

โ•ฑโ—ฅโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ—ฃ
โ”‚โˆฉโ”‚๐Ÿ–ผ๏ธโ–คโ”‚โ–คโ–คโ”‚
Addunyatti mana ballaa Aakhiraatti firdowsiin ollaa rasuulaa{๏ทบ}Rabbiin nuuf haakennu ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ

Guyyaa qiyaamaa Namni akkaan natti dhiyaatu nama akkaan salawaata  narratti buusuu baay'isuudha jadheen jaalalleen Khaal...
07/07/2025

Guyyaa qiyaamaa Namni akkaan natti dhiyaatu nama akkaan salawaata narratti buusuu baay'isuudha jadheen jaalalleen Khaaliqaa fi khalqii Mee har'a of qabaa yeroo dhibba tokko Salawaata buusaa ofuma biratti Ah_baabii FILLAAH ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ู‰ ูˆุณู„ู… ูˆุจุงุฑูƒ ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ูˆุญุจูŠุจู†ุง ู…ุญู…ุฏ โฃ๏ธโฃ๏ธkeessattuu guyyaa juma'aa kana akkaan Salawaata narratti buusuu baay'isaa je'an Nabiin keenya ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ูŠู‡ โฃ๏ธ
.

06/07/2025

"Jireenya kee keessatti milkaa'ina yoo barbaadde, Waa lama qabaadhu.

1, Oduu namaa quba hin qabaatin!

2, Ofitti amanamummaa guddaa qabaadhu.,,

06/07/2025

Itoophiyaa keessatti dureessaa fi hiyyeessaan kabajamoo maammila keenya jedhee hunda kan kabaju Etiho Telekoom qofa ๐Ÿ˜๐Ÿฅฑ๐Ÿค 

Saayintistii ta'uu irraa mana isaanii gurguranii gara saambusaa gurguruutti.  IRRA DEEBIIN KAN MANXAFAMEMaqaan isaa Shik...
06/07/2025

Saayintistii ta'uu irraa mana isaanii gurguranii gara saambusaa gurguruutti.

IRRA DEEBIIN KAN MANXAFAME

Maqaan isaa Shikhar jedhama, saayintistii qorannoo fi barsiisaa Yunivarsiitii ' Biocon Bangalore' Indiyaa keessatti argamuti.

Haati warraa isaa Needhim saayintistii qorannoo kaffaltii guddaa argattuu fi warshaa qorichaa keessa hojjettuudha.

Lamaanuu namoota kaffaltii gaarii argatan turan.

Shikhaar yeroo hunda hojii irraa yeroo deebi'u bakka sambusaan jiru goree yoo bite malee mana hin galu.

Ijoollummaa isaa irraa kaasee sambusaa ni jaallata. Kanaafi haati manaa isaa sambusaa qopheessitee yeroo innii mana galu isa eegdi turte.

Gaaf tokko immoo waa'ee kanaa haasa'an.

Namoonni baay'een sambusa akka gaariitti qophaa'e bitachuutti gammadu, garuu kana gochuuf manni Akka gaariitti qopheessu hin jiru jedhan.

Kanaafuu maaliif bal'inaan hin hojjenne? Jedhani Maarii godhani

Adeemsa hojicha eegaluu lirrattis dudubbatan.
"hojjetaa qacaruu qabna moo...akkami goonaa
Hojjettoota ni qacarra, garuu waa'ee hojjettootaa qofa osoo hin taane, nuti ofii keenyaa hojii gadhiisuu qabna" yaada jedhu irratti waali galani.

Ergaa walii galanii booda hojii isaanii dhiisuuf murteeffatan.Amma wanti hafe qarshii ka'umsaati.
Mana keenya gurgurree qarshii argachuu qabna jedhanii murteeffatan.

Achumaan lamaan isaaniiyyuu hojii kaffaltii guddaa qabu irraa hojii gadhiisan. Mana isaanii gurguranii mana kiraa keessa seenan.

Sambusaa tolchuuf manaa fi suuqii banatan.

Dhaabbata isaanii 'Samusa Singh' jedhanii moggaasuun sambusa mi'aawaa jalqabani.

Magaalaa dhaloota isaanii Bangalore keessatti gurguruu jalqaban.

Abbaan warraa fi haati warraa saayintistii Shikhaar fi Nidhi hojii isaanii dhiisanii mana isaanii gurguruun daldala saambusaa isaanii yeroo gabaabaa keessatti jaallatamaa ta'e itti fufan.

Waggoota muraasa booda, har'a Samusa Singh dameelee beekamoo dhibbaan lakkaa'aman guutuu Hindii keessatti qaba.

Kanaaf Itti gaafatamummaa fudhatanii hojii isaanii dhiisan. Ija jabaatani mana isaanii gurgurani. Har'a garuu maatiin Kun hojiin isaanii guddatee Abbootii qabeenyaa ta'anii jiru.

Maadii :Indian Times

 ๐Ÿ‘Œโฃ๏ธโฃ๏ธ๐Ÿ’™๐Ÿ’™โค๏ธโค๏ธโค๏ธThe Evolution of  : A Legacy of Engineering ExcellenceIntroductionBayerische Motoren Werke AG, commonly kn...
04/07/2025

๐Ÿ‘Œ
โฃ๏ธ
โฃ๏ธ
๐Ÿ’™
๐Ÿ’™
โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
The Evolution of : A Legacy of Engineering Excellence
Introduction
Bayerische Motoren Werke AG, commonly known as BMW, is a renowned German automobile and motorcycle manufacturer celebrated for its performance-oriented vehicles and cutting-edge technology. Founded in 1916, BMW has become synonymous with luxury, innovation, and driving pleasure. This article explores the history, evolution, and impact of BMW on the automotive landscape.
History and Foundation
BMW was established in Munich, Germany, originally as a manufacturer of aircraft engines during World War I. The company's first product was the BMW IIIa aircraft engine, which gained acclaim for its performance and reliability. However, the end of the war in 1918 led to a ban on aircraft engine production in Germany, prompting BMW to diversify its offerings.โ€” bersama Tasty Besty Food 1M.
In 1923, BMW shifted its focus to motorcycles, launching the R32, which featured a revolutionary flat-twin engine and shaft drive. This motorcycle laid the foundation for BMW's reputation in the two-wheeled segment, eventually leading to several racing successes in the years that followed.
The Automotive Era
BMW entered the automotive market in 1928 with the acquisition of the Fahrzeugfabrik Eisenach. The first BMW car was the BMW 3/15, based on the Austin Seven. The introduction of the BMW 328 in the 1930s marked a turning point for the company, establishing it as a manufacturer of high-performance sports cars. The 328 gained recognition in motorsports, winning the Mille Miglia in 1940.
However, World War II led to significant challenges for BMW. The company was forced to redirect its production to support the German war effort, resulting in severe damage to its factories and infrastructure. After the war, BMW faced the daunting task of rebuilding and redefining its identity.
Post-War Recovery and Growth
In the post-war years, BMW focused on producing small, affordable cars.

Big shout out to my newest top fans! ๐Ÿ’Ž Aneso Abdii, Ikraamuddiin Musxafaa, Hashar Hashar, Surur Aliye, Gadisa Mohammad, ...
04/07/2025

Big shout out to my newest top fans! ๐Ÿ’Ž Aneso Abdii, Ikraamuddiin Musxafaa, Hashar Hashar, Surur Aliye, Gadisa Mohammad, Sicale Yaya, Mohamed Kouedi, Magarsa Ahmed Yousf, Kadiiree Jamaal, Muba King Man, Mahmad Iti Fufa, Yahya Abdala, Abdurahiim Bilisummaa Bilisummaa, Erduwan Kedir, Nuruu Aliyyi, Mar Abdu, Abdullahamiid Tamaam

Drop a comment to welcome them to our community,

Address

Oromiyaa
Deder
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adinan Taju Mahamed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Adinan Taju Mahamed:

Share