24/08/2026
Dorgomaa Seeddoo, “Falfalli narratti hojjetameera” jedhee Dorgommii dide, hanga waggaa tokkootti hidhaan adabamuu danda’a jedhame.
Dorgommii Ethiopia Fighting Championship (ETFC) jalqabamuuf guyyoonni muraasni yeroo hafanitti, dorgomaan Seeddoo, “Falfalli narratti hojjetameera” jechuun dorgommii irraa akka ba’e beeksisuun isaa, miidiyaa hawaasaa fi jaallattoota ispoortii biratti dubbii guddaa fi marii ijoo ta’eera.
Seeddoo, dorgommiif guyyoota afur dura ergaa dabarseen, morkataa isaa Johnny waliin falmii gaggeessuuf akka hin barbaannee ifa godheera.
Dorgomaan kun, falfalaa hanqaaquu fi sihrii (witchcraft) akka irratti hojjetame ibsuun, yoo nama biyya alaa irraa dhufe malee, Johnny waliin gara ringii akka hin seenne dubbate. Akkasumas, T-shirt dorgommichaa ofirraa baasuun, murtoo isaa beeksiseera.
Dhimmicha kana ilaalchisee yaada kan kennan ogeettii seeraa Abukaatoo Seble Asseffa akka ibsanitti, Seeddoo himata falfalaa inni dhiyeesse ragaa gahaa qabuun mana seeraatti yoo mirkaneessuu dadhabe, akka seera yakkaa Federaalaa Itoophiyaatti, maqaa fi kabaja nama tokkoo irratti odeeffannoo sobaa facaasuu fi maqaa balleessuu jedhamee adabamuu danda’a.
Kunis maqaa gaarii morkataa sanaa waan miidheef, seeraan hanga waggaa tokkootti hidhaa salphaa ykn adabbii maallaqaa fiduu danda’a jedhameera.
Gama biraatiin, daawwattoonni tikeetii dorgommichaaf bitatan fi ispoonsaroonni dorgommichaa mirgi isaanii seeraan waan eegameef, qopheessitoonni dorgommichaa (ETFC) dorgommii bakka bu’aa dhiyeessuu ykn maallaqa tikeetii deebisuu qabu.
Dabalataanis, qopheessitoonni dorgommicha addaan kutuu isaaniitiin kasaaraa maallaqaa fi kasaaraa isaan irra ga’eef, himata hariiroo hawaasaa (civil lawsuit) dhiyeessuun beenyaa gaafachuuf mirga seeraa guutuu akka qaban ibsameera.