ABDII SABAA

ABDII  SABAA SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
(1)

Arsenal daqiiqaa 14 keessatti goolii 4 kan galche yoo ta'u Victor Gyokeres daqiiqaa 3 keessatti goolii 2 galcheera.Daqii...
21/10/2025

Arsenal daqiiqaa 14 keessatti goolii 4 kan galche yoo ta'u Victor Gyokeres daqiiqaa 3 keessatti goolii 2 galcheera.

Daqiiqaa 70

Arsenal 4 - 0 Athletico

21/10/2025

🇪🇺Taphoota Shaampiyoons Liigii torbee 3ffaa amma taphatamaa jiran

⏱Xumurame
Arsenaal 4-0 Atleetikoo Maadriid
⚽️Maagales 57'
⚽️Martineelii 64'
⚽️Yokeresh 67' 70'

B. Livarkusaan 2-7 PSG
⚽️Garsiya 38' ⚽️Pachoo 7'
⚽️Garsiyaa 54' ⚽️Duwee 41' 45+
⚽️Kavariskeliyaa 44'
⚽️Mendez 50'
⚽️Dembelee 66'
⚽️Vitinhaa 90+

Kopeenhaven 2-4 Doortumaand
⚽️Anton (og) 33' ⚽️Nmecha 20' 76'
⚽️Ramy 61'
⚽️F. Silvaa 87'

PSV 6-2 Naapoolii
⚽️Alesandro (og) 35' ⚽️S. Maaktomney 31' 86'
⚽️Sabari 39'
⚽️Maan 54' 80'
⚽️Peepi 87'
⚽️Durecha 89'

Sent Gloose 0-4 Inter Milaan
⚽️Damfris 41'
⚽️L. Maartinez 45'
⚽️Chalangulu 53'
⚽️Fransisko 76'

Viyaariyaal 0-2 Maanchister Siitii
⚽️Haalaand 17'
⚽️B. Silvaa 40'

Niwkaastil 3-0 Benefikaa
⚽️Gordaan 32'
⚽️Barnis 71' 83'

Baarseloonaan goolii darzana walakkaa galchuun injifateera.Barcelona 6 - 1 OlympiacosFermin lopez haatirikii dalageera,M...
21/10/2025

Baarseloonaan goolii darzana walakkaa galchuun injifateera.

Barcelona 6 - 1 Olympiacos

Fermin lopez haatirikii dalageera,Marcus Rashford goolii 2 galcheera.Lamine Yamal 1 galcheera.

Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Sirna Barnootaa Darbee fi Haaraa Irraa Kan Qophaa'u Ta'uun Beekame.Qormaat...
21/10/2025

Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Sirna Barnootaa Darbee fi Haaraa Irraa Kan Qophaa'u Ta'uun Beekame.

Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Qabiyyee Sirna Barnootaa Barattootni Baratan Irratti Hundaa'ee Kan Qophaa'u Yoo Ta'u,
bara 2015 sirna barnootaa haaraa (yaalii irra ture) baratan kutaa 9-12 qabiyyee sirna barnootaa haaraa keessatti baratan irratti akka qophaa'an,
Qabiyyee Sirna Barnootaa Haaraa bara 2016 irraa jalqabdan, qabiyyee sirna barnootaa haaraa kutaa 10 -12 fi qabiyyee Sirna Barnootaa moofaa kutaa 9ffaa irratti akka qohaa'an,
kutaa 9ffaa qabiyyee sirna barnootaa moofaafi haaraa keessaa kan qopha'u qabiyyeefi ( sirna barnootaa lamaanuu keessa kan jiru) keessaa waan qophaa'uf, barattootni qabiyyee sirna barnootaa baratan irratti akka qophaa'an Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

✅Tilmaamaa Badhaafama ‎✅nama 3 dursee tilmaama sirrii tilmaameef badhaasa kaardii ‎1ffaa 50,‎2ffaa 25,‎3ffaa 15‎✅tilmaam...
21/10/2025

✅Tilmaamaa Badhaafama
‎✅nama 3 dursee tilmaama sirrii tilmaameef badhaasa kaardii
‎1ffaa 50,
‎2ffaa 25,
‎3ffaa 15
‎✅tilmaama sirrii nama dursee argate 3 tu badhaafama
‎✔️ULAAGAAN
share/ follow gochuun dirqama👌
‎Tilmaama edit gochuun dhorkaadha❌
Vs
‎Galgalaa kana 4:00tti

Leenjisaan duraanii Liivarpuul Yargan Kiloop irra deebiin Liivarpuul leenjisuu akka danda'u akeekeYargan Kiloop Ingilaan...
21/10/2025

Leenjisaan duraanii Liivarpuul Yargan Kiloop irra deebiin Liivarpuul leenjisuu akka danda'u akeeke

Yargan Kiloop Ingilaand keessaa waan fedhe ta’eyyuu kilaba kamiyyuu hin leenjisu jedhan.

Liivarpuul yoo ta’e garuu ta’uu danda'a jechuun deebisan.

Haala Liivarpuul tibbana keessa jiru irratti kan gaafataman leenjisichi, taphattoonni amma Liivarpuul qabu warra dandeettii guddaa qaban akka ta’an himan.

''Warri waan hamaa dubbatan arguuf jirtu. Filooriyaan Wiirz taphataa dandeettii akkamii qabu akka ta’e arguuf jettu. Hin dogoggoriinaa'' jedhan Kiloop.

Kiloop waggoota sagal Liivarpuul turee otoo jaalatamuu kilabicha keessaa bahe.

Odeeffannoon kan BBCti

   Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Mattuutti ramadamtan hundaaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin ...
21/10/2025




Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Mattuutti ramadamtan hundaaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 17 fi 18 bara 2018 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Iddoowwan galmee;

➫ Barattoota haaraa bara 2018 ramadamtaniif Mooraa guddichatti

➫ Bara 2017 sagantaa reemeediyaalii turtanii darbitaniif Kaampaasii Baddallee fi Kaampaasii Mattuutti kan darbitan Kaampaasii Mattuutti.

Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan;

➫ Sartafikeettii kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Suuraa gurdii afur
➫ Ansoolaa, uffata boraatii, uffata qorraa fi hidhannoo ispoortii.

   Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Samaraatti ramadamtan hundaaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin...
20/10/2025




Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Samaraatti ramadamtan hundaaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 19 fi 20 bara 2018 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan;

➫ Sartafikeettii kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Suuraa gurdii afur
➫ Lakkoofsa TIN fi National ID
➫ Ansoolaa, uffata boraatii, uffata qorraa fi hidhannoo ispoortii.

   Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Wallaggaatti ramadamtan hundaaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaali...
20/10/2025




Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Wallaggaatti ramadamtan hundaaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 20 fi 21 bara 2018 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Iddoowwan galmee;

➫ Barattoota haaraa bara 2018 ramadamtaniif Mooraa guddicha (Kaampaasii Naqamtee)

➫ Bara 2017 sagantaa reemeediyaalii kan qabxii darbiinsaa fiddan Kaampaasii turtanitti.

Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan;

➫ Sartafikeettii kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Suuraa gurdii afur
➫ Ansoolaa, uffata boraatii, uffata qorraa fi hidhannoo ispoortii.

   Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Arsiitti ramadamtan maraaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin ba...
20/10/2025




Barattoota haaraa bara 2018 Yuunivarsiitii Arsiitti ramadamtan maraaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 19 fi 20 bara 2018 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Iddoowwan galmee;

➫ Saayinsii Hawaasaatiif Kaampaasii Boqqojjii

➫ Saayinsii Uumamaatiif Koolleejjii Qonnaa fi Saayinsii Naannoo fi Mooraa guddicha

Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan;

➫ Sartafikeettii kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Suuraa gurdii lama
➫ Ansoolaa, uffata boraatii, uffata qorraa fi hidhannoo ispoortii.

   Bara 2018 barattoota haaraa Yuunivarsiitii Dambi Doollootti ramadamtan maraaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediya...
20/10/2025




Bara 2018 barattoota haaraa Yuunivarsiitii Dambi Doollootti ramadamtan maraaf akkasumas bara 2017 sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 18 fi 19 bara 2018 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.
Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan;

➫ Sartafikeettii kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
➫ Suuraa gurdii afur
➫ Ansoolaa, uffata boraatii, uffata qorraa fi hidhannoo ispoortii.

19/10/2025

❗️

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Hojjattoota Mootummaaf tajaajila liqaa karaa 'Digital' hanga Birrii Kuma dhibba tokkoo fi shantamaa (150,000) qopheessee jira.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa wabii tokko malee hojjattoota civil service'tiif karaa digitala ''CBE BEJE tiin liqaa hamma birrii 150,000 ni liqeessa.

Tajaajilli kunis, baayyee salphaa fi saffisaa yoo tahu, tajaajilicha argachuuf ulaagaaleen barbaachisan:-

1.Biiroo itti hojjattu irraa Mindeeffamaa mootummaa tahuu kee waraqaan ibsu dhufuu qaba.
2. Waraqaa eenyummaa Digital ID (FAYDA) qabaachuu qabda.
3. Liqichi yeroo kennamus yeroo debi'us karaa digital waan taheef, fayyadamaa CBE-BIRR tahuu qabda.

👍Dhumarrattis, yeroon liqichi itti deebi'u Ji'a tokkoo (1) hanga Waggaa tokko (1) yoo tahu,

A. Namni walakkaa Miindaa isaa liqeeffate yeroon kaffaltii guyyaa 30 (Ji'a 1)
B. Namni Miindaa ji'a 1 liqeeffate yeroon kaffaltii guyyaa 90 (Ji'a 3)
C.Namni Miindaa Ji'a 2 liqeeffate yeroon kaffaltii isaa guyyaa 180 (Ji'a 6)
D Namni Miindaa Ji'a 3 liqeeffate yeroon kaffaltii isaa guyyaa 270 (Ji'a 9)
E. Namni Miindaa Ji'a 4 liqeeffate yeroon kaffaltii isaa guyyaa 360 (Waggaa 1) taha.

Address

Deder

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ABDII SABAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category