28/01/2023
Namoota lamatu Waaqayyoon kadhatu turan🙇♀🙇♂. Isaanis waan isaaniif akka godhamu barbaadan mara erga Waaqatti himatanii booda kadhata isaanii xummuranii gara dhufaatii isaaniitti deebi'an🚶♂🏃♂. Turtii yeroo muraasaan boodas Kadhatni nama isa tokko raawwatameefii argame🕺. Kan isa tokkoo garuu deebii malee ture🤷♂. Namichi kadhatisaa deebii dhabe kunis Waaqayyoon "Maal ya Waaqayyo, walumaanoo si kadhannee, Sobeehoo miti garaakoohoo beektaa! Maaf kan isa tokkoo deebistee kankoo calliste?" Jedheen. Waaqayyos deebisee "Ilaamee, dhalako Inni yoo isa kadhate dhabe in du'a, siif garuu isa kadhatte yoon siif kenne si ajjeesa" jedheen..
🔏Waaqayyo waan siif ta'u si caalaatti siif beeka waan ta'eef, yeroo kadhannikee deebii dhabutti hin gaddiin. Waanti si dhibu yoo jiraatemmoo Kadhatakee deebisuunsaas ta'e si jalaa callisuun Waaqayyoo " "❤️❤️✝️
✍️Waan siif ta'eefis ta'e, hin taaneef Waaqayyoon galateeffadhu.