Ermias Tolosa

  • Home
  • Ermias Tolosa

Ermias Tolosa BIBLE LEARN BIBLE

Ilaalchi keenya bu’uura jireenya keenyaati. Akkamitti yaadnu, haala rakkoo ilaallu, akkasumas carraa of keessatti ilaall...
04/05/2025

Ilaalchi keenya bu’uura jireenya keenyaati. Akkamitti yaadnu, haala rakkoo ilaallu, akkasumas carraa of keessatti ilaallu — hundi isaa ilaalcha keenyaan murtaa’a. Vidiyoo kana keessatti, akkaataa itti ilaalcha keenya jijjiirree, jireenya keenya keessatti gara guddinaa fi milkaa'inaatti ceenu dandeenyu ni ilaalla.





Ilaalchi keenya bu’uura jireenya keenyaati. Akkamitti yaadnu, haala rakkoo ilaallu, akkasumas carraa of keessatti ilaallu — hundi isaa ilaalcha keenyaan murt...

Jireenya keenya keessatti wanti baay'een ilaalcha keenya irratti hundaa'a. Ilaalchi keenya akkaataa yaaduu, dubbachuu fi...
01/05/2025

Jireenya keenya keessatti wanti baay'een ilaalcha keenya irratti hundaa'a. Ilaalchi keenya akkaataa yaaduu, dubbachuu fi of ilaalu keenya murteessa. Vidiyoo kana keessatti, akkaataa ilaalcha badaa irraa gara ilaalcha fooyya’aa fi abdachiisaa geeddaruu dandeenyu irratti haala salphaan siif ibsina.

Jireenya keenya keessatti wanti baay'een ilaalcha keenya irratti hundaa'a. Ilaalchi keenya akkaataa yaaduu, dubbachuu fi of ilaalu keenya murteessa...

Ilaalchi keenya jireenya keenya akkamitti akka qajeelchuu fi jijjiiru baradhaa. Vidiyoo kana keessatti faayidaa ilaalcha...
18/04/2025

Ilaalchi keenya jireenya keenya akkamitti akka qajeelchuu fi jijjiiru baradhaa. Vidiyoo kana keessatti faayidaa ilaalchaa irratti xiyyeeffanna — ilaalchi sirrii jireenya keenya keessatti boqonnaa, guddina sammuu fi miira, akkasumas furmaata garaa garaa nuu fida. Yeroo rakkinaa fi murtee guddaa keessa jirtu illee ilaalchi kee murteessaa dha.

Discover the powerful impact of perspective in shaping our thoughts, actions, and lives. In this video, we explore how changing the way we see the world can ...

13/03/2025

Jesus loves you ♥️

Dogoggorri kee Waaqayyoon Hin dhibuPheexiroos (Simoon Pheexiroos) dura barataa Yesuus ture, boodarra ergamaa cimaa fi ho...
28/02/2025

Dogoggorri kee Waaqayyoon Hin dhibu

Pheexiroos (Simoon Pheexiroos) dura barataa Yesuus ture, boodarra ergamaa cimaa fi hogganaa Kiristaanota jalqabaa ta’e. Inni yeroo tokko Yesuus ni haale, garuu Yesuusitti amanuun jijjiirama cimaa keessa darbe. Mee seenaa isaa haa ilaallu.

Maqaan isaa jalqabaa Simoon ture, Yesuus garuu maqaa isaa Pheexiroos jechuun jijjiire (Yohaannis 1:42).

Hojiin Isaa qurxummi kiyyeessuu ture.

Obboleessa isaa Andiriyaas waliin Yesuusiin hordofe.

Pheexiroos yeroo Yesuus barsiisaa fi dinqii hojjetu waliin ture.

– Yesuus bishaan irra deemuusaa argee, innis bishaan irra deeme. Garuu sodaachun ni kufe, Garuu Yesuusiin gargaarsa kadhate . (Mat 14:28-31)

Yesuusiin haale – Yeroo Yesuus qabamee ture, Pheexiroos “Ani isa hin beekuu” jechuun si'a sadii Isa haale. (Luqaas 22:61-6 Utuu hin turinis Qalbii geeddarateera.

Boodarra hafuura Qulqulluudhaan guutamee lallabaa WANGEELA ta'e

Hojii Ergamootaa 2 keessatti, guyyaa Pheenxeqositti lallabee namoonni 3,000 YESUUSITTI amananiru.

Erga Yesuusiin hordofee WANGEELA Utuu itti hin yeella'in lallabe.Sababa kanaanis

Bara Mootii Nero keessaa, Roomaa keessatti hidhame.

Akka seenaa jedhuutti, Pheexiroos boolla irraa morma gadi qabuun fannifame.

Fannisamu isaa dura, “Ani akka Gooftaa kootiitti fannifamuun naaf hin malu” jechuun gadi garagalfamee fannifamuuf murteessee.

Jireenya isaarra Waan guddaa baranna.Innis

Yesuus namoota dadhaboo Gara namoota ciccimootti jijjiira – Pheexiroos yeroo jalqabaatti sodaa qaba ture, garuu boodarra amantii cimaa qabaate.

Dogoggorri namaa Waaqayyo hin dhiibu – Pheexiroos Yesuus haale, garuu Yesuus isaaf dhiifama godhe.

Amantii fi obsa qabaachuun Wangeela lallabuuf murteessaadha .

Galatoomaa!!!

YESUUS NAMA KAMUU GEEDDARUU NI DANDA'A!!Phaawuloos seenaa isaa keessatti nama gara jabaa fi Kiristaanota ari'aa ture, ga...
27/02/2025

YESUUS NAMA KAMUU GEEDDARUU NI DANDA'A!!

Phaawuloos seenaa isaa keessatti nama gara jabaa fi Kiristaanota ari'aa ture, garuu Yesuusitti amanee guutumaan guutuutti jijjiirame. Mee seenaa isaa haa ilaallu.

Maqaan isaa jalqabaa Saa'ol ture.
Sanyii Yahuudotaa gosa Benyaamin irraa dhalate.
Barumsa seeraa fi amantii Yahuudotaa cimaa qaba ture.
Kiristaanota ari'uu fi hidhuun Kan Isa gammachiisu ture.

Hojii Ergamootaa 9:1-19 keessatti, Saa'ol gara Damaasqoo deemuuf karaa deemaa ture.
Daandii irratti, Yesuus gara isaa ifaan mul’ate.
Yesus Saa'oliin, "Saa'ol, Saa'ol Maalif na ari’atta?" jedheen.
Saa'olis rifatee, ifa guddaatiin ija jaame.
Yesuus gara Damaasqoo akka deemu fi achitti nama Ananiyas jedhamu akka isa dubbisu ajaje.
Ananiyas dhufee, Phaawuloos irratti harka kaa’ee, Phaawuloos ija isaa isaaf baname, hafuura qulqulluun guutame, booda cuuphamuun Kiristaana ta’e.

Phaawuloos Yesuusitti amanee lallabaa cimaa fi ergamaa saboota ta’e.
Macaafa Qulqulluu keessatti xalayaa hedduu barreesse (Roomaa, Qorontoos, Galaatiyaa, Efesoon, , fi kkf).
Rakkoo fi dararaa hedduu keessa darbee, garuu amantii isaa hin dhiisne.
Wangeela Yesuus biyyoota hedduu keessatti barsiise.

Phaawuloos Kiristaana ta'uun Yesuus irratti amanee guutumaan guutuutti of kenne.
Ergamoonni Yahuudaa fi mootummoonni Roomaa isa jibbu turan.kanaaf Mootichi Roomaa isa ajjeesuuf murteesse.
Seenaa tokko akka jedhutti, morma isaa muranii ajjeesan.

Yesuus nama kamiyyuu, yeroo kamiyyuu jijjiiruu danda’a.
Amantii Kiristaanaa keessatti nama yakka hojjetaa tureyyuu gara lallabaa Wangeelaatti jijjiiruu danda’a.
Phaawuloos dhugaa baatii cimaa ta’ee Yesuus lallabuu hin dhaabne.

Seenaa isaa keessatti, namni Yesuusitti amane jijjiirama guddaa argachuu danda’a.
Yesuus nama kamuu jijjiiruu danda’a.
Jijjiirama dhugaa argachuun hojii fi jireenya namaa guutumaan guutuutti ni geeddara.
Jireenya amantii keessatti rakkoon fi qormaanni ni dhufa, garuu Waaqayyo nama waliin jira.
Phaawuloos fakkeenya obsa, amanamummaa fi hojii Wangeelaati.

Galatoomaa
Ermiyaas Tolasaa

Kiristaanonni Waaqa Meeqatti Amanu? Sadiimoo Tokko?Via Mark Yadata ===================Barumsi sadan tokkummaa bu’uura ba...
13/02/2025

Kiristaanonni Waaqa Meeqatti Amanu?
Sadiimoo Tokko?
Via Mark Yadata
===================
Barumsi sadan tokkummaa bu’uura barsiisa kitaaba qulqulluu yoo ta’e illee, namooti fi garewwan gara garaa dhimma kana irratti mormii fi falmii utuu dhiyeessanii ni mul’atu. Bu’uurri falmii isaanii garaagarummaa yoo qabaates, cuunfaan isaa sadeen tokkummaa Waaqayyoo ganuu dha. Warri kaan “Trinity amanuun Waaqayyoota sadii amanuudha” jedhu; warri kaan immoo Trinity-n Waaqayyoota sadii walitti dhufanii tokkummaa uuman waaqessuudha jedhu. Warri kaan immoo Trinitiin Waaqayyo tokkicha karaa sadiin ykn bifa sadiin of mul’iseedha jedhu. Lionel Hartley yaadota dogoggoraa Trinitiin wal qabatanii jiran fakkeenya afur fudhatanii ibsau:

1.Unitarianism: Barumsi warra Unitarianism hundee barumsa Ariwos irraa kan latee fi “Waaqayyo abbaan ilma Isaa uume” kan jedhuu dha.

2.Sebellianism: Barumsi warra sebellianism immoo: “Waaqayyo Abbaan Waaqa bara Kakuu Moofaati; Waaqayyo Ilmi waaqa bara kakuu Haaraati; Hafuurri Qulqulluun immoo waaqa bara kanaati” jedhu. “Waaqayyo tokkichatu jira, waaquma tokkicha kanatu yeroo gara garaatti kallattii gara garaa sadiin mul’ate” jedhu.

3.Tritheism: waaqota garaa garaa sadiitti amanuu jechuudha.

4.Swedenborgianism: Ilaalchi kun immoo “Elementoota sadiitu Waaqayyo keessa jira; akkuma nami tokko foon, lubbuu fi hafuura of keessaa qabu, Waaqayyo elementoota Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu jedhaman of keessaa qaba” jedha.

Ilaalchota kanneen keessaa kan sadan tokummaa (Trinity) kan bakka bu’u hin jiru. Sadan tokkummaa Waaqayyoo jechuun Waaqni tokkichi dhuunfaa sadii fi eenyummaa bu’uuraa (essence) tokko qabu, dhuunfaaleen sadeen utuu wal hin makin, Inni tokko isa tokko utuu bakka hin bu’in, utuu wal hin faallessin waliin jiraatan jechuudha. Sadan tokkummaa jechuun Unitarianism jechuu miti; Sadan tokkummaa jechuun isa sebellianism-n jedhu miti; Sadan tokkummaa jechuun Waaqota sadiitti amanuu jechuu miti; Sadan tokkummaa jechuun elementoota Waaqayyoo jechuus mi

 !!! 💙“Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqni balleessaa keessan isiniif dhiise, isinis akka...
16/01/2025

!!! 💙
“Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqni balleessaa keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” - Bible

✅ Namni Waaqa irraa araara kan argatu nama biraatiif araara taasisuu yoo danda'e dha. Bu'aa ba'iin jireenya keessa jirru kamiyyuu hammam guddaa ta'us nuti guddina rakkoo sanaa oli dha. Waaqni waan nuti baachuu hin dandeenye nuuf hin kennu. Baduu/kufaatii/du'uu/raafama/rakkina namaatti ni gammadda yoo ta'e ati nama fayyaa fakkaatu garuu, dhibamaa dha. Namni of jaalatu nama biraas jaalachuu qaba. Namni du'uu nama biraaf fiigicha tolu, gufuu badiinsa sosocho'aa namoota dura bu'u ijji namoota hedduu ilaaltuu fi ijji muraasni argitu dha. Hamaa ta'ee namni dhalate kamiyyuu hamma hin jirretti hamaa ta'anii jiraachuuf wanti nama dirqamsiisu hin jiru. Addunyaa/dachee tokko kan taasise Waaqa dha. Iyyi ollaa keenyaa akkuma nu jeequ gammachuun isaaniis nu gammachiisuu qaba. Addunyaan kun namoota mirga isaanii baay'ee beekanii fi dirqama isaanii hedduu dagatan baay'ee baattee jiraatti. Namni kan jiraatu jaalatee qofa utuu hin taane dirqama dha. Jireenyi/jiraachuun dirqama dha.Kanaafuu dhiifama Waliif Gochaa jireenya itti haafufnu!

Via t.me@Gaggeessummaa

16/01/2025
Waan Gochaa jirtu dhaabii Daqiiqaa 2f kana Dubbisi    Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa ...
15/01/2025

Waan Gochaa jirtu dhaabii Daqiiqaa 2f kana Dubbisi

Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu!

si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef.

Kuntaala 1 odeessaa oolu irra hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi!

ati har'a hojjattu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!

ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef.

kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti.

tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin!

kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.

hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.

balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef!

kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin!

tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi!

qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef.

kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u!

yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi!
Via Malkaa Alamuu

✍️Galatoomaa!!!

09/01/2025

Ergaa Ajaayibaa kana Dhaggeeffadhaa

Chaarlii Chaapliin yeroo tokko daawwattoota isaa fuulduratti qoosaa tokko dubbate. Jalqabarratti namni hundi baay’ee kol...
09/01/2025

Chaarlii Chaapliin yeroo tokko daawwattoota isaa fuulduratti qoosaa tokko dubbate.

Jalqabarratti namni hundi baay’ee kolfe. Irra deebi’uudhan qoosuma sana yeroo 2ffaaf isaanitti hime, namoonni muraasni qofti kolfan. Ammas itti dabaluudhan yeroo 3ffaaf qoosuma san yommuu himu namni kolfe tokko hinjiru ture. Hunduu ni callisan.

Achii booda Charlie Chaplin ammasumatti nuffanii callisuu isaanii erga hubatee booda akkana jedhe…“Qoosaa tokkoon irra deddeebitanii kolfuu fi gammaduu erga dadhabdanii gaddaa fi rakkina tokko qofaan Maalif irra deddeebitanii boossuu ree! Jireenya wanti hundi dhaabbii hinqabne tana keessatti miidhama takkaan yeroo hunda gadduu fi boo’uu dhiisaa. Yeroo jireenya keessanii hundatti gammadaa!” Jechuun namoota gaafas isa fuuldura turan qofaaf miti dhala namaa hundaaf dhaamsa hanga dhumaatti barnoota ta’u kaa’ee darbe!

Via Biyya Gootaa

Address


Telephone

+251967392366

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ermias Tolosa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ermias Tolosa:

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share