Bulchiinsa M. Dambi Dolloo

Bulchiinsa M. Dambi Dolloo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bulchiinsa M. Dambi Dolloo, Digital creator, Dambi Dolloo, Dembi Dolo.

27/10/2025

Obbo Tamasgeen Namee bara 2017 Deeggarsa Olaanaa qabeenya isaaniin Kilaboota Oromiyaa maraaf taasisaniin hirmaattoota Yaa'ii Kilaboota Oromiyaa 2018 fi Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaan galateeffamaniiru .

27/10/2025

Dooktar Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa kennu

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC)- Ministirii Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa boruu gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu.

Manni Marichaa guyyaa boruu ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree 6ffaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti ni gaggeessa.

Walga’ichaan haasawaa baniinsaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaaseen Fulbaana 26, 2018 walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti taasisan hordofee gaaffilee miseensa mana marichaarraa ka’aniif Dooktar Abiy Ahimad deebiifi ibsa ni kennu.

Kana hordofees manni marichaa ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.

Adeemsi walga’ichaas tamsaasa kallattiin kan darbu ta’uu manni marichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.

Walga’ii kanarratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Finfinneetti argaman, hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, bakka buutonni paartilee dorgomtootaafi keessummoonni biroon ni argamu jedhameera.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

01/10/2025
09/05/2025
01/05/2025

Address

Dambi Dolloo
Dembi Dolo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bulchiinsa M. Dambi Dolloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share