Dilo Communication Office

Dilo Communication Office Riqicha Mootummaa Fi ummata.

Walqixxummaafi Obbolummaa Dhugaan Itiyoophiyaa Fakkeenya Badhaadhina Afrikaa Taate Ijaarra!
21/11/2025

Walqixxummaafi Obbolummaa Dhugaan Itiyoophiyaa Fakkeenya Badhaadhina Afrikaa Taate Ijaarra!

Aadaa Hojii keenyaa jijjiiruun Dargaggoo pootenshaala jiru qixaan beekee Dinagdeetti jijjiiru horachuun murteessadha.God...
09/11/2025

Aadaa Hojii keenyaa jijjiiruun Dargaggoo pootenshaala jiru qixaan beekee Dinagdeetti jijjiiru horachuun murteessadha.

Godina Booranaa Àanaa Dillootti leenjiin Interprinarshippii Dargaggoota Aanichaatif guyyoota lamaaf kennamaa ture xummurame.

Leenjii kunin aadaa hojii dargaggoonni keenya qaban akka fooyyeeffataniif,ilaalcha hiyyummaa mo'achuuf taasifamuuf xinsammuu ni danda'a jedhu akka qabaataniif akkasumas haalota mijataa mootummaan jijjiiramaa yeroo ammaa dhiheessaa jirutti fayyadamuun of jijjiiruun diinagdee isaanii cimsuun akka danda'amuu fi ijaarsa biyyaa keessattis ga'ee isaanii adda-durummaan Akka ba'aniif kan kennameedha.

Dargaggoonni leenjii kanarratti hirmaatanis leenjii kenname irraa waan gurguddoo milkaa'inoota hojii uumtummaaf isaan gargaaru hedduu argachuu dubbatanii, waan hubatan gochatti jijjiiruuf kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.

Gurmaa'insa Gandaa Wirtuu BadhaadhiinaatiBu'uurri Mootummaa Gandoota!‎Bu’uurri Mootummaa Gandoota ta’uun gochaan kan mir...
25/10/2025

Gurmaa'insa Gandaa Wirtuu Badhaadhiinaati
Bu'uurri Mootummaa Gandoota!

‎Bu’uurri Mootummaa Gandoota ta’uun gochaan kan mirkanaa’u yoo ta'u Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo Loojistikii gandootaa Furuu fi hawaasaaf tajaajilli si’ataan akka kennamu kan dandeessisu Caasaa Gandoota Baadiyaa Aanaa Dillootiif Motoroota 12 kenname ture guyyaa hardhaa nagaan Aanaa Dilloo dhaqqabuu isaa waajjirri Maallaqaa Aanichaa beeksise.

‎Motoorotii kunneen yeroo gabaabaa keessatti Gandoota Aanichaatif Kan raabsaman ta'uus himan.

Humni  Nageenyaa Cimaan Olka'insa Biyyaaf. KAD-11-2018-Godina Booranaa Àanaa Dillootti Leenjii humna Dandeetti Milishoot...
21/10/2025

Humni Nageenyaa Cimaan Olka'insa Biyyaaf.

KAD-11-2018-Godina Booranaa Àanaa Dillootti Leenjii humna Dandeetti Milishootaa cimsuuf kennamaa ture xumuruun bakka Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa obboo Abduuba Hullufaa fi qaamoleen Nageenyaa Garagaraa argamanittii eebbifaman.

Humna Dandeetti Milishaa cimsuun nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi misooma hunda galeessa milkeessuudhan.

Bulchaan Aana Dilloo Obboo Abduuba Hullufaa sagantaa Eebba kana irrattii argamuun akka jedhanitti,Misoomaa eegalamee itti fufsisuuf humna miliishaa ijaaruufi humna waloo qindeessuun nageenya amasiisaa fi tasgabbii qabu fiduuf gurmaa'insa cimaa uumuudhaan hojiin bu'a qabeessa ta'e sadarkaa Aanaafi Gandatti hojjatameen misoomaafi nageenyi bu'a qabeessa ta'e argameera jedhan.

Nageenyi itti fufinsa qabu akka jiraatuu fi hawaasni yaaddoo malee misooma keessatti qooda akka qabaatuuf humni nageenyaa baay'inaafi gahumsaan ijaaramaa jiru biyya jabduu waan hundaan gahoomte ijaaruuf ciminnaan hojjatamaa jiraachuu,Itti gaafatamaan waajjira Nagaa fi milishaa Aanaa Dilloo Obboo Mallichaa Kuulii hima.

Dhuma sagantichaatti qaamolee hojii Nageenyaatif gahee isaan irraa eegamu adda durummaan ba'aa turaniif beekkamtii waraqaa ragaa kennameera..

16/10/2025

Tokkummaafi obbolummaan utubamna.
marii fi marabbaan qajeelfamna.
Gamtaadhan gara ol ka'iinsaa.waloodhan
gara galaana diimaatti.

16/10/2025
"Carraa qabnu hundaan gargaaramnee tarkaanfilee haaraa  hojiirra oolchuun fayyadamummaa ummataaf hojjachaa jirra" Obbo M...
16/10/2025

"Carraa qabnu hundaan gargaaramnee tarkaanfilee haaraa hojiirra oolchuun fayyadamummaa ummataaf hojjachaa jirra" Obbo Mahammadi Guyyee

‎Jiraattonni Godina Booranaa Aanaa Taltallee hojii Qonna idileen biratti tarkaanfii haaraa jallisii xixiqqaa hojiirra oolchaa jiraniin kuduraaf mudura misoomsuun fayyadamaa jiraachuu himani.

‎Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneen Oromiyaa Obbo Mahammadi Guyyeefi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Booranaa Obbo Gammachuu Dhaabbii hojiilee misoomaa qe'ee horsiisee bultootaatti misoomaa jiru daaw'achuun facaasaa qamadii eegalchiisani.

‎Hojiilee hirmaannaa ummataan hojjatamaa jirani hoggansi sadarkaa Aanaafi gandootaa hordofii deeggarsa ogummaa laachuun badhaadhina maatii dhugoomsuu qaba jedhan Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneen Oromiyaa Obbo Mahammadi Guyyee.

23/07/2025

Address

Dilo

Telephone

+251954659971

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dilo Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share