Dilo Woreda Communication

Dilo Woreda Communication Riqicha Mootummaa Fi ummata.

10/06/2026

Mootummaan jiruu fi jireenya hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruf xiyyeeffannaan hojjachaa Jira.

Hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjachuun bu'uura badhaadhinaa lafa qabsiifna! Godina Booranaa Àan...
23/05/2026

Hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjachuun bu'uura badhaadhinaa lafa qabsiifna!

Godina Booranaa Àanaa Dillootti,
Pirojeektoonni misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan 7 Qarshii Miliyoona digdamii torbaa fi kuma dhibba tokkoo fi jaatamii torbaa 27,167,178.81 ijaaramaa turan xumuramuun tajaajila ummataaf banaa ta'an.

Aanaa Dillootti,inisheetiiviiwwan kilaastara furdisa beellada,horsiisa horii aannanii,horsiisa lukkuu,ijaarsa Buufata biqiltuu Ganda Qancaroo,ijaarsa Dalla mana baruumsa fi keellaa fayyaa horii dilloo magaalaa fi ijaarsa pirojeektii mana fayyaa beellada Ganda Omorree,bara 2018 keessa ariitii fi qulqullinaan hojjataman xummuramuun bakka bulchaa Aanaa Dilloo Obboo Abduuba Hullufaa, Hoggansa Godinaa Obboo Jeemaa Wocheee fi koree qindeessituu Aanaa Dilloo argamanittii eebbifamaniiru.

Pirojektoonni misoomaa hojjataman kunneenis carraa hojii babal'isuu,badhaadhina maatii mirkaneessuu, qaala'iinsa jireenyaa hir'isuu, gabaa tasgabeessuu,fayyadamummaa Uummataa mirkaneessuu, aadaa hojii fi qusannaa dagaagsuu,diinagdee cimsuu fi milkaa'inoota aadessuu keessatti ga'ee olaanaa kan qaban ta'uun eerameera.

21/05/2026
Misoomni Beeyladaa Faayidaa Diinagdee Biyyaaf.Godina Booranaa Aanaa Dillootti,jiraatonni Ganda Arbaalee fi Qaadhimi Wald...
20/05/2026

Misoomni Beeyladaa Faayidaa Diinagdee Biyyaaf.

Godina Booranaa Aanaa Dillootti,jiraatonni Ganda Arbaalee fi Qaadhimi Waldaan Gurmaa'un Raaddeen 161 ta'an Raanciitti galfatanii hojjachaa jiraachuu himan.
I
Ittianaa bulchaa fi itti gaafatamaa Waajjira Qonna horsiisee bulaa fi Lafa Aanaa Dilloo Obboo Boruu Dhokkoo,Fayyadamummaa horsiisee bulaa mirkaneessuuf Bu'aawwan beeylada irraa argamu dachaan dabaluudhaf mootummaan xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu kaasun,Raanchiin beeylada hawaasaa kun faayidaa dinagdee hawaasaa cumsuu,madda Galii,bu'aa Annaanii fi foonii irraa argamu guddisuu fi Dandamannaa yeroo Bonaatif kan gargaaru ta'uu ibsan.

Jiraatoonni Ganda Qaadhimii fi Arbaalee,Haala horii isanii itti horsiisaa turan irraa fayyadamaa akka hin turin kaasun,yeroo ammaa bu'aawwan horii irraa argatan dabaluuf Waldaan Gurmaa'anii Lafa dheedumsa beeyladaf qophaa'e irrattii horii isaanii kunuunfachaa jiraachuu ibsuun,raanchiin Kun bu'aa isaaniif buusun cinaatti jireenya namoota biros jijjiirufis shoora Ol'aanaa qabaachuu dubbatan.

19/05/2026
Duula sosochii qusannaa guyyaa tokkootin Hawaasi Ganda Goorrayi qarshiin miliyoona Afurii olii baankii siinqeetti qusata...
19/05/2026

Duula sosochii qusannaa guyyaa tokkootin Hawaasi Ganda Goorrayi qarshiin miliyoona Afurii olii baankii siinqeetti qusatan.

Godina Booranaa Aanaa Dillootti,Horsiisee bultoonni Ganda Goorrayi duula sosochii qusannaa geggeeffamen guyyaa tokkotti qarshii Miliyoona Afuriif kuma dhibba tokkoo fi kuma jaatami torbaa fi dhibba lama(4,167,200) Baankii Siinqee damee Dillootti qusachuu itti gaafatamaan Waajjira Daldaala,Carraa hojii Uumuu fi investimentii Aanaa Dilloo Obboo Galma Godaanaa himan.

Bulchaan bulchiinsa Aanaa Dilloo Obboo Abduuba Hullufaa Sagantaa kana irra argamuun Dinagdee hawaasaa keenyaa guddisuun, hawaasni jireenya fooyya'aafi gammachuu qabu akka jiraatuuf,hardha aadaa qusannoo isaa cimsuun barbaachisaa ta'uu kaasuun,Gama biraatiin galma badhaadhina hunda galeessa akka biyyaatti qabame dhugoomsuuf aadaan qusannoo hawaasa cimuun ga'ee olaanaa qabu Waan ta'eef hawaasi Kenna horii isaa raasaa qofa Keessatti qusachuu osoo hin taane baankittis qusachuu akka qabu dhaaman.

Dulaa sosochii qusannaa geggeeffame kana irrattis hoggansa Godina irraa deeggarsa hojiitif dhufan Obboo Jeemaa Wocheee fi bulchaa Gandicha Obboo Saara xaxachee dabalee Qooda fudhattoonni Garagaraa argamaniiru.

Ol kaa'an malee, ol ka'anii hin fuudhan

17/05/2026

Address

Dilo

Telephone

+251954659971

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dilo Woreda Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share