23/01/2026
Jechoota Dinqisiisoo:
1. Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha!
— (Helen keeler)
2. Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati!
— (Naappooliyoon Hill)
2. Muka ija qabutti dhagaan baay'ata!
— (Shiiv Keeraa)
4. Yoo dandeesse barrisi yoo barrisuu dadhabde fiigi! Yoo fiiguu dadhabde daddafii deemi! Yoo daddaftee deemuu dadhabde tiradhu! Yoo tirachuu dadhabde daa'imi! Yoo daa'imuu dadhabde foqoqi! Akkam yoo ta'ellee sochoo'uu hin dhaabiin!
— (Maartiin Luuter Kiing)
5. Aangoon Naachaa bishaan keessattiidha!!
— (South African)
6. Daandii bosona keessaa jaldeessa dulloomaa gaafadhu!!
— (Congulese people)
7. Namoonni "ni danda'ama" jedhanii yaadan, murtoon kamiyyuu hamma ta'e rakkina akka qabu ni beeku!
— (Roobert H. Chuuler)
waan dubbise irraa muraasa