01/09/2026
D.DH / Amajjii 1 /2026 (Qalloo Media)
“Gabaan jijjiirraa taphattoota hanga xumuramutti taphattoota mallatteessisuuf hojjechaa jirra” - Mikeel Arteettaa .
*****************************************************
Gabaan jijjiirraa taphattootaa gannaa kan Piriimiyer Liigii Ingilaandi bara 2026/27 har'a halkan sa'aatii 6:00 irratti cufama.
Guyyaa xumuraa jijjiirraawwan gurguddoon eegaman kanatti, Arsenaal hojii manaasaa isaa hin xumuriin hafe raawwachuuf sa'aatii 18tii gaditu isa hafe.
Arsenaal taphataa Huliiyaan Alvaareez Atlantikoo Maadriid irraa mallatteessisuuf marii erga eegalee kan ture yoo ta'u, marichas dhuma irratti har'a xumura itti gochuu danda'a jedhameet eegama.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa yaada kennaniin, gabaan jijjiirraa taphattootaa hanga cufamutti taphattoota haaraa gara garee isaaniitti fiduudhaan kilabicha cimsachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Maartineelii fi Gaabri’eel Jeesuus kan gurgure Arsenaal, sarara fuuldura irratti taphataa cimaa kan barbaadu yoo tahuu keessattuu sarara bitaa irratti Alvaareez dursa irratti qabatanis yoo jijjiirraan kun milkaahuu baate Maaliik Fofaanaa, Maarkas Raashifoordii fi taphattoota biroo akka filannootti qabatee jira.
Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.