Qalloo Media

Qalloo Media Our Media is your Entertainment, News, Sport, Music, Movies, Culture & Fashion Media

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)Afrikaan Kibbaa waggaa 13 booda  Waancaa Addunyaaf dabartee *********************...
14/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)
Afrikaan Kibbaa waggaa 13 booda Waancaa Addunyaaf dabartee
*****************************************************
Tapha gulaallii Waancaa Addunyaan Afrikaan Kibbaa Ruwaandaa injifachuun hirmaannaa Waancaa Addunyaa 2026 argatte.

Tapha gulaallii xumuraa halkan kana taphatameen Afrikaan Kibbaa galchii 3 fi 0'n Ruwaandaa injifatte.

Beeniin Naayijeeriyaan galchii 4 fi 0'n injifatamuu hordofee Afrikaan Kibbaa Waancaa Addunyaaf dabarte.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Afrikaa Kibbaa (Baafaanaa Baafannaan) erga bara 2010 gaafaa offii qopheessite turee asaa waggoota 13 booda hirmaannaa Waancaa Addunyaa argate.

Beeniin yeroo jalqabaaf hirmaannaa Waancaa Addunyaa argachuuf itti dhiyaattee turtus osoo itti hin fayyadamin hafteerti.

Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaa 2026’f kallattiin darban hundi har’a ni beekamu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)Ameerikaatti Maanguddoon waggaa 93 Rupert Murdoch ja'amuu jartii isaa Shanaffaa C...
14/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)
Ameerikaatti Maanguddoon waggaa 93 Rupert Murdoch ja'amuu jartii isaa Shanaffaa Cidhaa Guddaan fuudhee.
*****************************************************
Dureessi lammii Ameerikaa Rupert Murdoch, maanguddoon waggaa 93 yeroo shanaffaaaf cidha godhatee gammachuu isaa ibse.

Sirni cidha isaa haadha warra isaa haaraa, Elena Zhukova, kan lammii Raashiyaa taate waliin, Bel Air, Kaaliifoorniyaa keessatti, mana qabeenya isaa Moraga keessatti sirna Cidhaa raawatee

Elena Zhukova, umurii waggaa 67, biologist molekulaa Raashiyaa kan taate, haadha warra Murdoch haaraa taate Jirti.

Sirni cidha kun bakka qabeenya Murdoch, Moraga, Bel Air, Kaaliifoorniyaa keessatti geggeeffame.

Sirni cidha kun kan geggeeffame torban darbe, Iddoo namoota beekamoo akka Robert Kraft, abbaa qabeenyaa New England Patriots fi Robert Thompson, CEO News Corp, argamaniiti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)Itoophiyaan Komishinii Anniisaa Niyukilaraa hundeessiteef komishinara Muuduu ifoo...
14/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)
Itoophiyaan Komishinii Anniisaa Niyukilaraa hundeessiteef komishinara Muuduu ifoomsitee.
*****************************************************
Obbo Saandokaan Dabbabaa Komishinara Komishiinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa tahuu muudaman

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Onkololeessa 4, 2018 irraa eegalee Obbo Saandokaan Dabbabaatiin Komishinara Komishiinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa gochuun muuduu isaanii, odeeffannoon Waajjirri Ministira Muummeetii argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)"Ammammoo waraana Yuukireen haa dhaabsisnu" jechuun waamicha dhiyeessan Pirezidaa...
14/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)
"Ammammoo waraana Yuukireen haa dhaabsisnu" jechuun waamicha dhiyeessan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp.
*****************************************************
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraana Raashiyaafi Yuukireeniin dhaabsisuuf tattaaffii akka godhan ibsaniiru.

Israa’el Tel Avivitti, waraana kana dhaabsisuuf ammallee akka hojjatan kan himan Pirezidaant Tiraamp, yoo karaan nagaa kunis hin milkoofne misaa’ela “Toomaahaawuk” ja'amuu gara Yuukireenitti akka erguu danda’an himaan.

Meeshaan waraanaa ammayyaa Kiiloo meetira 2,500 imaluu danda’u kun haleellaa Yuukireen taasistuuf gahee olaanaa akka bahatu himameera.

Tiraamp daawwannaa Israa’el booda wayita Ameerikaatti deebi’an, buufata humna qilleensaa isaanii “Air Force One” jedhamutti gaazexessitootaan, gosa misaa’ela kanaa gara Yuukireenitti erguu maltuu? “ jedhamuun gaaffii gaafatamaniif, “Mee ni ilaalla jechuun deebisaan.

Misaa’elootni kunneen haleellaa Yuukireen Raashiyaa irraatti taasistuuf tarkaanfii haaraadha” jechuun, akka meeshaa waraanaa kana erguu malan yaada akeeku dubbachuu isaani BBC’n gabaaseera.

Pirezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii Pirezidaant Tiraamp wajjin bilbilaan yoo haasa’anis dhimmi irra deddeebiin gaafataa jiran, deggersa meeshaa tahuus himameera.

Pirezidaantotni lamaan Jimaata dhufu Waashingtan DC’tti wal arguun dhimmuma kanaa irratti akka mari’atan eegama.

Zeleniskiin Jimaata gara Waayit Haawus yoo dhaqan, waggaa tokko yeroo hin guutne keessatti daawwannaa isaanii isa 3ffaa tahaa.

Raashiyaan misaa’elotni akkasii Ameerikaa dabalatee eenyuufuu waan balaafamaa taheef “Tiraamp erguu hin qaban, kanas yoo taasisan hariiroo Ameerikaa waliin qaban akka balleessan beekuu qabu” jechuun akeekkachiisaa laateetti.

Gama biraan, milkaa’inni Tiraamp Gaazaatti nagaa deebisuun argatan Yuukireeniifi Raashiyaa jidduuttis akka dabalamu Pirezidaantiin Yuukireen marii bilbilaan Tiraamp wajjin taasisaniin kasuu Anaadoolun gabaaseera.

Zeleniskiin “qoqqobbiiwwan dabalataa Raashiyaa irraa kaa’uun akka daandii nagaatti dhuftu taasisuu mala” yaada jedhu dhiheessaniruu.

Ameerikaan misaa’eloota fageenya dheeraa imaluun barbadeessan ergiti moo daandii nagaa biyyootniifi dhaabbileen idil-addunyaa gaafataa jiran akka milkaa’uuf dhiibbaa taasisti laata? Fulduraa kan ilaaluu tahaa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)Hantuutni tapha Weelsi fi Beeljiyeem yeroof dhaabde! ****************************...
14/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)
Hantuutni tapha Weelsi fi Beeljiyeem yeroof dhaabde!
*****************************************************
Gulaallii Waancaa Addunyaan taphni Weelsiifi Beljiyeem sababa hantuutni dirree seenteef yeroof dhaabbate.

Tapha Beeljeem goolii 4-2'n injifatte kana irratti hantuutni daqiiqaa 65ffaarratti dirree seenuusheeen taphichi adda citee ture.

Hantuutni kun dirreedhaa haga baatuttis abbaan murtii lammii Jarmanii Daani'eel Siyeebert taphicha addaan kutanii turani.

Taphataan Weelsifi Tootenaam Bireenaan Joonsan hantuuta kana dirree keessa osoo hari'uu ilaaluun deeggartoonni bashannanaa turani.

Karra eegaan Beeljiyeemiifi Reyaal Maadiriid Tiiboo Koortowaanis hantuuta kana harkaan qabee baasuuf yoo jedhu harkaa miliquun rakkisaatii turte.

Daqiiqaa muraasaafis iji kaameeraa fi miirri deeggartootaa hantuuta kanarra ta'uun, boodarra ofuma isii gaafa baatu taphichi itti fufuu danda'eera.

Deeggartootni yaadota nama seeqqachiisan laachaa turan. Inni tokko "Gooliin Koortowaarratti lakkoofsifame kan Hantuutaati" jedhe. Deeggaraan biraa ammoo, "Hantuutni taphataa cimaa (Man of the Match) taate" jedhee maxxansuu The Sun dubbisiiseera.

Kana dura dirree Oldi Tiraafoorditti hantuutni mul'achuun ijoo dubbii miidiyaalee ture. Adurreefi Sareenis guddistoota harkaa miliquun dirree yeroo seenan amaleeffatamaadha.

Taateewwan knneen deeggartoota dhiphina keessa jiraniif akka madda bashannanaa ta'anis, tapha garuu yeroof gufachiisuun hin oolu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)Pirezidaantiin Masirii badhaas Naayil Koolaar Tiraampi badhaasuuf akka tahee hima...
14/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 14/2025(Qalloo Media)
Pirezidaantiin Masirii badhaas Naayil Koolaar Tiraampi badhaasuuf akka tahee himame, Tiraampis Hidha Haaromsaa ilaalchisee akeekkachiisa haaraa kenneera.
****************************************************
Pirezidaantiin Masirii Abdil-Fattaah Al-Siisiin ga’ee Doonaldi Tiraampi lola Gaazaa dhaabuu keessatti taphateef badhaasa akka biyya Masiritti kabaja olaanaa qabu Naayil Koolaar (Nile collar) kennuufiif ta’uu miidiyaaleen biyyichaa gabaasan.

Kana cinatti, Al-Siisiin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) ilaalchisee ergaa viidiyoon dabarseen, Masiriin “nagaa bishaanii ishee eegsifachuuf tarkaanfii barbaarchisu hunda ni fudhatti” jedhan.

Kana kan dubbatan ‘Cairo Water Week’ 8ffaa irratti yoo ta’u, “yeroo Itoophiyaan itti gaafatamummaa malee dhimma Abbayyaarratti murteessitu Masiriin harka marattee hin ilaaltu” jedhe.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaldi Tiraampi irra deddeebiin ijaarsaa Hidha Abbayyaa harka caalu maallaqa Ameerikaan hojjatame jechuun isaa ni yaadatama. Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa garuu dhugaan kan ijaarame maallaqa Ameerikaan osoo hintaane guutummaatti leecalloo biyya keessaafi arjooma lammiilee Itoophiyaatini. Nagaa bishaanii Masirii irras balaan geessisu hinjiraatu.

Akka gabaasni ‘The New Arab’ Adoolessa 20, bara 2025 ba’e agarsiisutti, bulchiinsi Doonaaldi Tiraampi dhimma Hidha Abbayyaa gidduu seenun furuuf yaada Masiriif dhiyeessanii turan. Kana gochuuf immoo Masiriin karoora Israa’el lammiilee Paalastaayin miliyoonotaan lakkaa’aman gara naannawaa daangaa Gaazaafi Masirii,Raafa, geessuf qabdu akka deeggartu gaafatamtee turte.

Akka gabaasichaatti, Masiriin yaada “ummata Gaazaa yoo gara Raafatti akka geessinu eeyyamte dhimma Abbayyaa gidduu seenun furmaata dhumaa ni laanna” jedhu kana kuffisuu, Ambaasaaddarri sadarkaa olaanaan Masirii miidiyaa Al-Arabii Al-Jadiiditti dubbate jechuun The New Arab wabeeffatee gabaase.

Badhaasni Naayil Koolaar kan kennamuuf namoota Masiriifi Namoomaaf shoora adda taphatanidha. Namoonni idil addunyaa kanaan dura fudhatan Impeerara Itoophiyaa Hayilasillassee, Mootii Joordan Husseen, Mootittii Elizaabeet II, fi Pirezidaantii Ameerikaa duraanii Jiimii Kaarteri.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)Biyyi xiqqoon Afrikaa Keep Verdeey seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Addun...
13/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)
Biyyi xiqqoon Afrikaa Keep Verdeey seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf Dabartee.
*****************************************************
Keep Verdeey tapha gulaallii xumuraan Iswaatiniin 3 fi 0n injifachuun waancaa addunyaa bara 2026ffaa yeroo jalqabaaf dabruun seenaa haaraa galmeessite.

Ramaddii Afuraffaa keessa kan ture Keep Verdeey biyya xiqqoo waancaa addunyaaf dabruu mirkaneeffatee lammaffaa tahuun seenaan galmooytee.

Biyyi odola xiqqoo tun qabxii 23'n ramaddii kanaan sadarkaa tokkoffaan kan xumurte yoo tahuu taphoota 10 taphatte keessaa torba injifachuun Kaameeruun qabxii 4 caaltee waancaa addunyaaf kan dabartee.

Bara 1975 A.L.A koolanii Poorchugaal jalaa walabummaa kan argatte Keep Verdeey waggoota dhiyoo asitti waraaqsa kubbaa miilaa gaggeessaaniin bu'aa gaarii galmeessuun gareewwan gurguddoof hundaaf qormaata tahuun isii mirkaneessuu dandeesseetti.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Keep Verdeey Bubiistaan ​​hojjii leenjisummaa garee kanaa erga jalqabee waggaa shanaffaa isaa kan lakkoofsise yoo tahuu yeroo gahaa argachuun isaa garee cimaa ijaaruun Keep Verdeey seenaa keessatti yeroo jalqabaaf waltajjii guddaa kan tahee Waancaa Addunyaaf dabarsuun Addunyaan walbarsiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)Sirna waliigaltee dhukaasa dhaabuu irraatti ammaa sodaa waraanni addunyaa 3ffaa b...
13/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)
Sirna waliigaltee dhukaasa dhaabuu irraatti ammaa sodaa waraanni addunyaa 3ffaa bahaa jiddugalaa eegalaa ja'uu hambisneeraa ja'aan Pirezdaant Tiraamp.
*****************************************************
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Shaarm el Sheekitti dureewwan biyyaa hedduu waliin yaa'ii gaggeessu yoo eegalu sanada waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa mallatteesseera.

Yeroo mariin dhukaasa dhaabuu kun gaggeeffamu deeggarsa godhaniif dureewwan kana galateeffateera.

Ammoo ''hunduu gammadaadha'' jedhe. ''Amma dura waliigalteewwan hedduun ta'aniiru kuni akka rookkeettii dhuka'e'' jedhe.

Amma dura waraanni addunyaa sadaffaa Baha Giddugalaatti eegala sodaan jedhu ture '' kuni ta'uuf hin jiru'' jedhe.

Sanada kana yoo mallatteessu ''wanti kun sadarkaa kana gahuuf waggoota 3,000 fudhate, ni amantuu? jechuunis gaafate.

Waliigaltee kana dureewwan akka Al Siisii, mootii Kataariifi Pireezidantii Tarkii wal harkaa fuudhuun mallatteessaniiru.

Marii kanarratti dureewwan biyyoota adda addaa hedduun Tiraamp waliin suura ka'aniiru.

Pirezidantii Filisxeem Mahaammud Abbaas waliinis harka walfuudhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)Dursaan taphattoota Arsenaal Martiin Odegaard ji'a tokko oliif dirreerraa akka fa...
13/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)
Dursaan taphattoota Arsenaal Martiin Odegaard ji'a tokko oliif dirreerraa akka fagaatu himame.
*****************************************************
Dursaan taphattootaa Arsenaal Maartiin Odegaard miidhama jilbasaa mudaterraa kan ka'e hanga Sadaasa gara dhumaatti Arsenaaliif akka hin taphanne mirkanaa'e.

Odegaard Onkololessa 4 tapha Arsenaal Westihaamiin injifaterraatti jilbasaa miidhamni mudate. Arsenaal guyyaa itti aanu ibsa baaseen taphataan sarara gidduu kun morkii gulaallii waancaa addunyaarratti biyyasaa Noorwaay bakka bu'ee akka hin taphanne mirkaneessee ture.

Amma ammoo Odegaard tapha Arsenaal Fulhaam, Kiristaal Paalaas, Barnileey fi Sandarlaand waliin godhu, morkii Shaampiyoonsi Liigiin ammoo tapha Atileetikoo Maadriidiifi Slaaviyaa Piraag waliin qaburratti hin hirmaatu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)Mootummaan Israa'el hiidhamtoota Filisxeemota 1,968 gadhiisu ifoomsee. **********...
13/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)
Mootummaan Israa'el hiidhamtoota Filisxeemota 1,968 gadhiisu ifoomsee.
****************************************************
Tajaajilli amala sirreessaa Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabu Gaazaarratti hundaa'iin waljijjiirraa hidhamtootan Filisxeemota 1,968 hidhaarraa gadhiisuu beeksise.

Garee lamaan gadhiifaman. Kan jalqabaa mana hidha aOfer jedhamurraa kutaa Weesti Baank isa kan biraatti ergaman.

Gareen inni lammataa ammoo mana hidhaa Ketziot jedhamurraa gara Kibba Israa'el Kareem Shaaloomitti gadhiifaman. Bank kun daangaa Gaazaaarratti argama.

Ibsi waajirichaa hidhamtootni kun poolisiin dabaalamanii gaggeeffaman.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)Dhaabbatni Siinootiraakii omishu konkolaatichi gabaa Itoophiyaarraa ugguramuu hor...
13/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)
Dhaabbatni Siinootiraakii omishu konkolaatichi gabaa Itoophiyaarraa ugguramuu hordofee sirreeffama taasisaa akka jiruu dhaga'amee.
****************************************************
Sababa rakkoo qulqullinaa fi teeknikaa cimaa yeroo hedduu muliseen gara Itoophiyaa akka hin seenne kan dhorkamee Konkolataan Sinotraakii, dhaabbatni konkolaaticha omishu hojii qulqullina isaa fooyyessuu akka jalqabe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii Itoophiyaaf himuun dhaga'amee.

Badii lubbuu namaafi qabeenya yeroo baayyee irraan gaheen irraa kan ka’e, baatii Caamsaa 27, 2017 irraa eegalee Konkolaattotni Sinotraak akka biyyatti hin seenne koomishinii gumuruuk uggurri irraa ka’amuun kan yaadatmudha.

Kana hordofuun Ministir deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Itoophiyaa obbo Baaroo Haasan torban darbe warshaa dhaabbata Sinotraak daawwachuun sakatta’iinsaa fi hordoffii gaggeessera. kanaanis rakkoolee teeknikaa keessattuu konkolaattota gabaa irra jiran fooyya’uun akka hojii irraa oolaan Ministirrichii haasaa taasisaniin mirkaneessaniiru.

Rakkoolee kanaan dura sababa hanqina teeknikaatiin balaa tiraafikaa gurguddaa fidaa turan sirreessuu, keessumaa hanqina teeknikaa fi kutaalee ijoo konkolatichaa kanneen akka fireenni konkolatichaa dabalate qaama konkolaata kan duraan adda baafaman irraatti sirreeffama gochuuf waliigaluu Ministir Deetan Ministeera geejjibaa fi loojistikii kuni ibseera.

Konkolatonni kunneen kaameraa digrii 360 naanna’uu kan keessaa fi alaa agarsiisuu, irraatti ida'aamun, cimina Fireenni sirreessuus akkasumas alarmii ykn sagalee damaqsituu yeroo ulfaatinni humna olii itti fi'aamu akeekkachiisu fi kutaalee biroo kan of keessa qabuudha ja'aan sirreeffamnii taasifamaa jiruu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)Hamaas booji’amtoota Israa'el 7 yeroo jalqabaa fi gadi lakkisuun dhaga'amee. ****...
13/10/2025

D.DH/Onkoloolessa 13/2025(Qalloo Media)
Hamaas booji’amtoota Israa'el 7 yeroo jalqabaa fi gadi lakkisuun dhaga'amee.
*****************************************************
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas fi Israa’el gidduutti taasifame hordofuun, Hamaas guyyaa hardhaa booji’amtoota Israa’el torba yeroo jalqabaaf gadi gadhiisuu beeksise.

Hamaas namoota toowwannoo isaa jala ture kana koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa dabarsee kana kennee yoo tahuu koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Israa’eliif dabarsee kennuu ibsameera. Raayyaan Ittisa Israa’el ibsa kenneen akka beeysisetti, namoonni 7 booji’aman kunneen Fannoo Diimaaf dabarfamuu isaanii fi yeroo ammaa gara Raayyaa Ittisa Israa’elii fi ejensii nageenya Israa’el Gaazaa keessatti argamutti dabarfamaa akka jiran ifoomseera. Itti dabaluunis namoota booji’aman dabalataa fudhachuuf qophii'aa jiraachuu Sagaleen Raadiyoo Jarman gabaaseera.

Oduun kuni namoota torba booji’aman kun gadhiifamuu Israa’el keessatti gammachuu guddaa kan uume yoo tahuu namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman adeemsa walharkaa fuudhinsa irra kan jiran tahuu ibsamera. Israa’elii fi Hamaas dhiheenya kana waraana Gaazaa xumuruuf waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’uun kan yaadatamudha.

Waliigalteen kun waraana waggoota lamaa fi dhiigaa lammillee dhangala’aasaa, lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman galaafatef akkasumallee kutallee bahaa giddugaleessaa harka caalu kan barbadeesse xumura itti godha jedhamee abdiin eegama jira

Odeeffannoowwan waqtaawaa fi madaalawaa argachuuf-: fuula miidiyaa hawaasaa Keenyaa hordofaa
Feesbuukii-:https://www.facebook.com/oromaaymultimedia?mibextid=ZbWKwL
Seenaa Goototaa fi Artistoota keenyaa Gameeyyii beekuuf Yuutuubii https://youtube.com/?si=3Fo2HrvR6M3-9PiM Subscribe
Nu filatanii waan nu hordoftanii fi
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin Galateeffanna.

Address

Dire Dawa

Telephone

+251912295665

Website

https://qalloomedia20.wordpress.com/

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qalloo Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Qalloo Media:

Share