Mul'ata Qabsoo Uummata

Mul'ata Qabsoo Uummata Garaaf Jenne Haqaafi Dhugaa Uummata Hin Dhoksinnu Har'a Maale Boruu Seenan Nu Gaafatii Ani Oromoodha Biyyi Tiyya Immoo Oromiyaadha

11/08/2025

FAAYDAA AANNANI QURUNFUDII/QURUNFULII WALIIN 🥛🌸

1️⃣ Dadhabuu onnee 🫀
2️⃣ Dadhabbina sammuu 🧠 fi waa hubachuu irratti gargaaruu
3️⃣ Dhukkuba Asmii 🤧
4️⃣ Dhukkubbi ilkaanii 🦷
5️⃣ Finniisaa ballessuuf 🌿
6️⃣ Nyaanni akka dakaamuuf 🍽️
7️⃣ Dhibee utaalloo / qufaa 🤒
8️⃣ Dhiiguu foon ilkaanii nurraa qolachuu 🩸
9️⃣ Hanga cholesterol qaama keenyaa to’achuu 🧪
🔟 Dhukkubbii jilbaa fi lafee 🤲🦵
1️⃣1️⃣ Foolii aannan gaarii akka qabaannuuf 🥛✨
1️⃣2️⃣ Dhukkubbi yeroo marsaa laguu 🤕
1️⃣3️⃣ Dhibee garaachaaf 🤢
1️⃣4️⃣ Dhukkubbi tiruuf 🩺
1️⃣5️⃣ Dhukkubbii ilkaaniif 🦷
1️⃣6️⃣ Dadhabbina ijaatiif 👀
1️⃣7️⃣ Kaansarii irraa of eeguu 🎗️
1️⃣8️⃣ Bareedina gogaa keenyaaf ✨🪞
1️⃣9️⃣ Dhibee sukkaaraa irraa of eeguu 🍬❌
2️⃣0️⃣ Hir’inna dhiigaaf 🩸
2️⃣1️⃣ Dhukkubbi Toonsilitif 😮‍💨
2️⃣2️⃣ Gogiinsa garaatif 🚱
2️⃣3️⃣ Rakko dhala dhabuu waliin walqabatee 🤰
2️⃣4️⃣ Dhiibba dhiigaa to’achuuf 🩺
2️⃣5️⃣ Bareedina rifeensaaf 💇‍♀️✨
2️⃣6️⃣ Infekshiinii qaama saalaa 🚻
2️⃣7️⃣ Feedhii nyaata dabaluuf 🍲
2️⃣8️⃣ Dhibee sombaa irraa of eeguu 🫁
2️⃣9️⃣ Xurii qaama keessaa qulqulleessuuf 🧼
3️⃣0️⃣ Onnee jabeeffachuuf ❤️‍🔥
3️⃣1️⃣ Guddina daa’immanii fi humna qaamaa 👶💪
3️⃣2️⃣ Dhibee sombaa fi qufaa dheeraa irraa of eeguu 😷
3️⃣3️⃣ Gogaa gogaa irraa of eeguu 💧
3️⃣4️⃣ Qaama qabbana qabu jabeessuuf ❄️🔥
3️⃣5️⃣ Madda calcium fi magnesium ta’uu 🦴🥛

Akkamitti Fayyadamna? 📝
✍️ Qurunfudii daakamee ta’e qabaachuu
✍️ Qurunfudii maanka/fal’aana shayii tokko 🥄 aannani kubbayya tokko 🥛 wajjin dhuguu
✍️ Torbanitti yeroo 2–3 fayyadamuu
✍️ Ganama ganamaa osoo ciree hin nyaatin sa’a 1 dura fayyadamuu

11/08/2025

Yaa Rabbii Nagaan Nu Oolchitee Ammas Nagaan
Nu Bulchii Halkan Tokkohu
Amatta Waan Taheef.

🤲

11/08/2025
22/04/2025

This version of Facebook uses less data and works in all network conditions.

22/04/2025

Qabsoo uummataa laga ceesisuuf dhaloonni ammaa siyaasaa bittaa fi gurgurtaa keessaa bahuu qaba jedhu Piroofeesar Mararaa Guddinaa.

Qabsoon siyaasaa Itoophiyaa waggoota shantamman darbanii dimookraasii dhugoomsuu hin dandeenye jedhu dura taa'aan KFO Prof. Mararaan.

Itoophiyaan maraammartoo jeequmsaa keessa bahuu hin dandeenye kan jedhan Piroofeesar Mararaan, kun immoo mootummaan fedha uummataan dhaabbatu dhugoomsuu dadhabuu irraa kan madde akka ta'e himan.

Waggoota 50 caalan darbaniif waldhaansoo siyaasaa keessa kan turan Piroofeesar Mararaan jijjiiramni dhugaa fi wabii qabu mootummaa fedha uummataa hundeessuu qofa jedhan.

Akkuma yeroon deemu qabsoonis bal’achaa dhufuu kan ibsan hayyuun siyaasaa, hojimaanni badaanis babal’ateera, hanni babal’ataa dhufe, naamusa dhabuun sadarkaa olaanaan babal’ate jedhan. Ilaalchi bittaa gurgurtaan hamaan siyaasa keessatti dhufuu himu.

Dhaloonni kun siyaasaa bittaafi gurgurtaa keessa darbuu akka qabu dhaaman hayyuun siyaasaa kun.

Egeree biyyaaf waan saditu murteessaa dha kan jedhan hayyuun siyaasaa kun, Nagaa waaraa, siyaasaa qajeelchuu (uummanni mootummaa ofii akka filatu gochuu) fi guddina diinagdee dhugoomsuu dha jedhan turtii Mo’aa TV waliin tolchaniin.

Maraammartoo bu’aa siyaasaa hin buufne keessaa ba’uufi qabsoo sabaa laga ceesisuuf mooraan siyaasaa wal dhaggeeffachuu akka qabu dhaaman dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaan.

21/04/2025

Itoophiyaa keessatti maddi rakkoo siyaasa guddaan Masaraa Minilik kan Qawween gadi dhaabbate ta'uu obbo Mikaa'el Booran ibsan.

Namni siyaasaa hogganaa ABO keessaa tokko ta'an obbo Mikaa'el Booran fuula miidiyaa dhuunfaa isaaniin madda rakkooti kan jedhan akeekaniiru.

"Maddi rakkinoota Itoophiyaa keessa turanii fi jiranii guddaan rakkoo siyaasaa ti. Maddi rakkoo siyaasaa kun ammoo Masaraa Minilik keessa." Kan jedhan namni kun; Silaa Maddi aangoo siyaasaa mootummaa kamiituu ummatoota mootummicha jalatti bulan tahuu male. Sanatu takkaa tahee hin beeku." Jechuun ibsu.

"Aangoon siyaasaa masaraa Minilik qawweedhaan gadi dhaabbate. Qawweedhaan tikfamaa har’a gahe. Sanumatu itti fufaa jiraasi." Jedhan.

Akka Obbo Mikaa'el Booran jedhanitti "Waggoota 7 dura (2018) jijjiiramni Qabsoo Bilisummaa Oromootiin argame haala kana ni geeddara sehamee gariidhaan abdatamee ture." Sun garuu milkii dhabuu akeekan.

"Warri akka sanatti hin abadatinis qabsoon kana boodaa hanga duraanii ulfaataa hin tahu jedhanii tilmaaman. Sababni isaa kan wiirtuu aangootti dhufe OPDO warra Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalamnee jirraa, sabni keenyaa fi kaanis dhiifama nuuf godhaa jechaa turan waan tahaniifi. Isaan garuu aangoo harkatti galfachuu mirkaneeffannaan warra isaan duraa caalaa bulguu tahanii as bahan. Akkanaan maddi aangoo siyaasaa masaraa Minilik Ummata tahuun (mootummaa ummataa argamsiisuun) abjuu tahee hafe." Jedhu

"Amma dhugaan jirtu, sababa rakkoo siyyaasaa Itoophiyaa kanaan miidhaan biyyaa fi ummata irra gahe lubbuu dhala namaa fi qabeenya biyyaa gar-malee badeen yoo madaalame inni waggoota 7 dabranii kan waggoota 27 isaan dura turee dachaa hedduudhaan caala." Jedha barreeffamni kun

"Kuni tahuun ammoo hagasuma takka diddaan mootummaa irratti gaggeeffamus akka babal’atu taasise. Mootummaan diddaa golee biyyattii hedduu keessaa isa mudatan afaan qawweetiin tohachuu yaalus danda’uutti hin jiru. Danda’uufis hin deemu. Kun ammoo yoo akkanumaan itti fufe gama tokkoon sirna-dhablummaa, gama kaaniin abbaa-irrummaa dagaagsee badiisa waliigalaatti akka geessu tilmaamuun hin ulfaatu." Jedhan

Akka furmaataatti kan eeraniin ammoo "madda rakkinichaa beekanii akkaataa sun itti furamu irratti hojii hojjetamuu qabu hojjechuu ykn. sanaaf qabsaawuu qofatu daandii furmaatatti geessu taha. Kanaan achi miidhama suukanneessaa iddoo adda addaatti ummata irra gahaa ooluu fi yakkoota gurraan dhagahuun namatti ulfaatu dalagamaa oolan tokko tokkoon fuudhanii garuma fedhanii fi namatti fakkaatetti hiikkatanii burjaajawuu fi wal burjaajessuun ummata dhimmamnuufis tahe qabsoo haqaaf gaggeeffamu waan fayyadu hin qabu." Jedhaniiru

Dhuma barreeffama kanaan "Yoo rakkinichi madda isaa irraa hin furamin guyyaan boruu isa har’aa caalaa dukkana, hamaa fi jibbisiisaa tahaatuma deema" jedhaniiru

21/04/2025

Oduu: Barruun namoota bara 2025 addunyaa irratti dhiibbaa uuman 100 keessatti lammii Teediroos Adihaanoom filate

Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teediroos Adihaanoom namoota bara 2025 keessa sadarkaa idil-addunyaatti dhiibbaa uuman ykn dhageettii guddaa qaban 100 barruun Taayim (Time) ifoomse keessatti hammataman.

Dr. Teediroos Adihaanoom filatamuu isaanii ilaalchisee barreeffama fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxasaniin, “tarree dhiibbaa uumtoota keessatti hammatamuun koo ogeessota kaayyoo fayyaa hundaaf jedhu galmaan ga’uuf magaalaa, baadiyyaa, fi naannoo walitti bu’iinsi itti uumame keessatti halkanii fi guyyaa hojjetaniif beekamtii kennuudha” jedhan.

Barruu kana irratti waa’ee Dr. Teediroos ragaa bahuun kan barreessan ogeessi dhibee daddarbaa beekamaa Piroofeesar Laarii Briiliyaant, Dr. Teediroos Adihaanoom “nama mul’ata qabu, murtee saayinsii irratti hundaa’e kennuudhaaf deeggarsa guddaa godhu” jechuun ibsaniiru.

Pireezidaantiin Doonaald Tiraamp, abbaan qabeenyaa Elon Mask, Muummichi Ministeeraa Yunaayitid Kingidam Ker Staarmar namoota bara kana keessatti dhiibbaa guddaa uuman jedhamuun barruu kana keessatti filataman keessaa argamu.

21/04/2025

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itiyoophiyaa fooyya'iinsa labsii miidiyaa falmisiisaa ta'e raggaasise.

Fooyya'iinsi kun Labsii Miidiyaa keewwata 9(5)(a) haquun Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa akka bocu himama.

Keeyyatichi boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa irratti waldaalee siivikii fi dameelee miidiyaa irraa bakka bu’ummaan addaa akka kennamu tumee ture.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, labsiin haaraan kana yaada waliigalaa "qaamolee miidiyaa waliin walqabataniin" jedhuun bakka buusuun iftoominaa fi madaallii damichaa irratti balaa fida.

Fooyya’iinsi kun hayyama kennuu, dhorkaa fi adabbii maallaqaa dabalatee aangoo dambii ijoo boordii irraa gara abbaa taayitichaattis dabarseera.

Qondaaltonni Abbaa Taayitaa Miidiyaa Ityoophiyaa haaromsi kun bulchiinsa sirreessuu fi gahumsa hojii fooyyessuuf ni gargaara jedhu.

Fooyya'iinsi kun gaazexeessitoota, waldaalee siivikii fi taajjabdoota idil-addunyaa mormiin cimaan mudateera.

Gurmuun Waldaalee Miidiyaa fi Siiviikii Itiyoophiyaa 14 akkasumas falmitoota Bilisummaa Miidiyaa Idil-addunyaa kana qeequun, madaallii walabaa fi marii hunda hammate malee fooyya'iinsi taasifamee jedhe.

Fooyya'iinsi kun Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa dhiibbaa qaama raawwachiistuu jalatti akka kufuuf akka saaxiluu akeekkachiisu.

Inistiitiyuutiin Pireesii Idil-addunyaa fooyya’iinsa kana mormuun, miseensonni mana maree akka hin fudhanne gaafateera.

21/04/2025

Breaking news

Hangafa Dr. Lammaa Magarsaa kan ta’e Obbo Darajjee Margarsaa dabalatee maatiiwwan Dr. Lammaa hedduun mana hidhaatti guuramaa jiraachuu beekameera. Namoota hidhaman keessaa ilmaan eessumman Dr. Lammaa Magarsaa namoonni lama jechuunis Obbo Addaam Fayyisaa fi Obbo Geetuu Tashoomee akka jiran mirkaanaa’eera. Maatiin jumlaan hidhamaa jiran kunneen mana hidhaa Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Gudayyaa Jareetti yeroo geeffaman “isin maatii Lammaa Magarsaati” jedhamuun akka hidhaman beekameera. Obbo Darajjee Magarsaa ogummaa isaaniitiin bara dheeraaf sadarkaa aanaatti tajaajilaa akka turaniifii ji’a jaha dura immoo akka hojiirraa ariyatamanii qonna qotachuutti deebi’an mirkaneeffanneerra.

Ji’oota muraasa dura Dr. Lammaa Magarsaa bakka jiran Awurooppaa irraa qabanii biyyatti deebisuuf yaaliin mootummaan Abiyyi taasise akka hin milkoofne ni beekama.

Address

Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mul'ata Qabsoo Uummata posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mul'ata Qabsoo Uummata:

Share