10/07/2025
'Ballon d'Or' - Osmaan Dembeelee
*************
Taphataa haati warraa isaa bakka kufee kaastee hanga Ballon d'Or kaadhimamuutti geessifte - Osmaan Dembeelee
Caamsaa 1997 kan dhalate, Dembeeleen amma umuriin isaa waggaa 28ti.
Maqaa masoo 'The Mosquito' jedamuun beekkama. 'Mosquito'n ammoo Bookee Busaati.
Maqaa warrisaa baasaniif ammoo Osmaan Dembeelee.
Maqaa Mosquito jedhuun akka beekamu kan isa taasise saffisaafi collummaa tapha keessatti agarsiisudha.
Osmaan Dembeelee Firaans bakka Vernoon jedhamutti abbaa isaa Maaliirraa ta'ee fi haadha isaa Faaxumaa jedhamtu hiddi dhalootashee Moritaaniyaa fi Senegaal ta’erraa dhalate.
Dembeleen obbolaa dhiiraa lamaa fi obbolaa durbaa lama qaba.
Osmaan Dembeelee amma badhaasa guddicha kubbaa miilaa addunyaa 'Ballon d'Or' itti dhihaachaa jira.
Tapha gareen isaa PSGn Riyaal Maadiriidiin jilbeeffachiiseerratti ajaa'iba ture.
Amma PSGn Cheelsii waliin 'Club World Cup' waancaaf dhihaata.
Osmaan Dembeelee salphaatti as hin geenye.
Imalli isaa kan haati warraa isaa gahee guddaa keessaa qabdi.
Dembeeleen Mudde 2021 shamarree Morookoo miidiyaa hawasaarratti hordoftota miliyoonaan qabduu fi dhiibbaa uumuun beekamtu, Riimaa Edbooch jedhamtu waliin gaa'ela godhate.
Fulbaana 2022 ammoo mucaa intalaa godhatan.
“Nama jabaa tokko duuba dubartiin jabduun jirti” jechamni jedhu sun Osmaan Dembeleef hojjeteera.
Haati warraa isaa cimina kubbaa miilaa inni qabu deebisee akka goonfatu hedduu gargaarte.
Erga gaa'elaan jiraachuu jalqabee ciminni Demebelee deebi’ee fooyyaa'aa dhufe.
Jireenya isaa keessatti dirree irratti dadhabee yeroo manatti galu gammachuu fi aara galfiin mana keessatti isa eegu isa gargaareera jedhu hiriyyoonnii fi namoonni isa waliin hojjetan.
Taphataan kun badhaasa kubbaa miilaa guddicha Ballon d'Or Fulbaana keessa gaggeeffamurratti taphattoota badhaasa kana moo'achuu malu jedhamanii maqaan isaanii ka'aa jiru keessaa durarra jira. Odeeffannoon kan etvti ajab maal jettan?