Fu'aad Abdurahmaan M

Fu'aad Abdurahmaan M Islam ☪️ is peace
You Tube keenya Muti Tube Subscribe godhaa

📚 Eebba Kitaaba “NAMA COLLEE”⏳ Guyyaa guddaan dhufaa jira!Kottaa waliin kabajna hojii guddaa kana 🎉🗓️ Guyyaan: April 5, ...
28/03/2026

📚 Eebba Kitaaba “NAMA COLLEE”

⏳ Guyyaa guddaan dhufaa jira!
Kottaa waliin kabajna hojii guddaa kana 🎉

🗓️ Guyyaan: April 5, 2026 (27/07/2018 E.C)
📍 Bakka: Chellenko
⏰ Sa’aatii: 2:30 PM (8:30 Local Time)

✨ Kitaaba nama kakaasu fii yaada namaa jijjiiru—hin hafinaa!

🙌Eskander Abdulakim milkaa’i obboleessa keenya qaalii!🌱

📖 YOO NAMA taate, nama collee nama🫡 tahi!🌿

Eid Mubarak Iida Milkii Tan Badhaadhina Isiniif Haa Ta'u Eid Mubarak
19/03/2026

Eid Mubarak Iida Milkii Tan Badhaadhina Isiniif Haa Ta'u Eid Mubarak

  Ramadaana Halkan 25ffaa Raayyaan Jaalalaa fi Tokkummaa Aanaa Gooroo Muxii Aboorradee Mana Bulchaa bulchiinsaa Aanaa Go...
14/03/2026



Ramadaana Halkan 25ffaa Raayyaan Jaalalaa fi Tokkummaa Aanaa Gooroo Muxii
Aboorradee Mana Bulchaa bulchiinsaa Aanaa Gooroo Muxii Kabajamoo Obbo Jaafar Yuusuuf fi IA Bulchaa Kabajamoo Obbo Fu'aad Shaafii Abooradee jirra.
🙏Aboorradee kana
Haala Addaatiin Kennaa Qaalii Ji'a Ramadaanaa ji'a Qur'aanni keessa bu'e WAAN taheef Kitaaba Quraanaa Kabajamoota lamaaniif kenninee Jirra.
🤲 Alhamdulillah jechaa
Warra Baranaa kan bara Hedduu nu haa godhu.

Kunoo ammaas oduu gurraaf toltu
07/03/2026

Kunoo ammaas oduu gurraaf toltu

Tan akkanaati dubbiin jara keenya
07/03/2026

Tan akkanaati dubbiin jara keenya

Yaa nama muslimaa kan Rabbi sodaatuyoo aqlii qabaatte jiini keessa jirtu ji'a ramadaanaa kan keeyrii baayyatuta'uu saa h...
07/03/2026

Yaa nama muslimaa
kan Rabbi sodaatu
yoo aqlii qabaatte
jiini keessa jirtu
ji'a ramadaanaa
kan keeyrii baayyatu
ta'uu saa hubattee
Kaate akka jabaattu
kudha torba dabree
muraasa kan haftuu
yoo arra hin jabanne
yoomi kan jabaattu

ji'a ramadaanaa
kan irraa barattu
ji'a hojii keeyrii
keessatti leenjituu
ji'a isii keessa
keeyriin siif tirfooytuu
ji'a du'aa'iin tee
keessa qeebalamtu
ji'a ibiddarraa
ittiin najaa baatuu
ji'a baabu rayyaan
isaan siif banamtuu

irra guddaan dabree
muraasa kan haftu
ta'ullee kan hafe
kanaatu irra caaltuu
kurnan boodaa sani
kan akkaan ulfaattuu
kurnan keessa jiru
halkan kabajamtuun
halkan tokko taate
ji'a kuma caaltu
halkanuma tokkoon
umrii jaarsaa guutuu
waggaa 83
irra umrii caaltu
siif qabamti hojiin
tee tan keeyriidhaatu

ofitti doofinii
jabaadhu obboleessa
lubbuun yoo hin to'anne
hallaya si geeysaa
bilaash of hin godhin
jaarsaa dargaggeessaa
soomana deebi'uu
kee rabbii murteessaa
tarii soomni arraa
jiruu tan tee keessaa
soomana xumuraa
siif ta'uu dandeessaa
soomana as deemuun
bareeffadha tasaa
bara kana firraa
dubraan kotaasisaa
jettee yoo karoorte
doggogorte tasaa
carraan jiruu teetii
bara kana keessa
qofa ta'uu malaa
mee yaadi obboleessa
ani dhaamsa kan koo
kaniin gabaabsaa
sii keessa filata
akka irra baayeessaa

Fu'aad Abdurahmaan

Yaa Rabbii koo Sumaatu dureessaaSumaatu beeka bar Waan qalbii too keessaaTaan tootiin si kadha Haajaa irra keessaaTarkaa...
06/03/2026

Yaa Rabbii koo
Sumaatu dureessaa
Sumaatu beeka bar
Waan qalbii too keessaa
Taan tootiin si kadha
Haajaa irra keessaa
Tarkaanfii too mara
Siitu naaf murteessaa

Tanaa sani ja'anii
Waa sitti himanii
Ati bar ni beekta
Yaada gabroottanii
Yaa Rabbii koo guddaa
Allaahu Rahamaanii
Haajaan tan too baay'ee
Bar saniifii sanii
Quba siitti laadhee
Si garsiise anii
Naa gufti arjaa koo
Humaa si hin dhibanii

Si kenne yaa Rabbi
Arraa mitii turee
Sumaan eegu jira
Obsee akkaan sabbaree
An waa jalaa hin kaane
Figeellee jarjaree

Na dhaqqabdaan beeka
Rabbii kiyya mootii
Yooniif si kadhatan
Akka ilma namaatti
Hifadhe hin jettuu
Mootii Rahamataati
Hogginiin dhagahu
An afeerraa teetii
Kottaa na kadhadhaa
Mee gabrottan kootii
An tana dhagaheen
Deddeebi'a sittii
Deddeebi'ee dhofnaan
An balbala teetii
Narraa banamuu sii
Niin beeka sirrittii
Kanaafiin dhufee bar
Arrallee kunootii

Bakka ati na keeyse
Tan gaafaa duraatii
Sii beeka bakkattoo
Hamtuuf toltuu siitii
Obseetumaan ta'aa
Hunda dandayeetii
Si dhufeetiin ture
Ni beekta abeetii
Arra ammoo dhufni koo
Arkuuf malsii tootii
Kan ol qabe harka
Gama kee abeetii
Qullaa waa hin deebisuun
Baallama kan keetii
Harka koo ol qabee
Kunoo gama keetii
Arkadhu je'itii
Naaf kenni ammatti
Qalbii too kajeeltuu
Gammachiisi atii

Na baasiifiin dhufe
Fagoo mii ammattii
Bakka yaada kiyyaa
Tan karoora kootii
Sani na dhaqqabi
Harka koo qabiitii
Harka koo si laadhee
Ni garta kunootii
Na tahi naaf guuti
Mee muraada kooti
Gabricha kee laafaa
Ana Fu'aadiitii
Ni beekta yaa Rabbi
Akka yaada kootii
Olchiteellee hin bulchin
Ammuma dafiitii
Na rawwadhu dhimmaan
Dhufeef gama keeti
Je'etiin xumuraa
An iyyannaa tootii

Fu'aad Abdurahmaan
Naaf godhi

Ajaa'iba Akkanaa kana ilaalaa mee
04/03/2026

Ajaa'iba Akkanaa kana ilaalaa mee

Address

Muti
Dire Dawa
0986

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fu'aad Abdurahmaan M posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share