28/09/2025
📜🖌___||°. Dhimma Gurguddaa Lamaan Kana irraa Dagataa hin ta’in
Balbaloowwan beekumsaa gurgudda lama Osoo Muslimoonni hundi keessaafuu Barattootni beekumsa shari’aatii fii Du’aatootni Yeroo isaanii gara isaan lamaaniitti deebisanii, isaanitti yaadda’uu jabeessuu fii dhimmoota Jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchuu yaalanii Silaa haalli isaanii tolteeti, samii beekumsaa fii iimaanaa keessatti Sadarkaa Guddoo irra ga’u.
Irra hedduun balaalee fii rakkoolee kan Muslimtootni baay’ee ta’an keessa bu’anis sababni isaa dhimmoota lamaan kana irraa Dagachuu, itti dhimmamuun xiqqaachuu fii Miil-jalee Sagantaalee biraa kaa’uudhaani.
Osoo Sadarkaa wanti lamaan kun Shari’aa keessatti qabanii fii baay’ina Ragaalee Dhimma kana keessatti dhuftee akkasumas kan isiittii yaadda’uu irratti Nama kakaastuu fii isaan lamaan Mirkaneessuutti Dhimmamuu irratti Nama qajeelchitu Fudhannee ilaallee, Namoota biraa dhiisiitii jireenya barattoota beekumsa shari’aa keessatti bakka guddaa qabaachu dhabuu isaan lamaanii irraa Dhamaasuutu Nama qaba.
➡️Dhimmi 1ffaan Beekumsa waa’ee Hojii qalbii, Isii hubachuu fii hiikkaalee isii keessa Gad-Fageenyaan keessa lixuudha.
Qalbiin bakka Rabbiin جلً علا ilaaluudha. Toliinsi jirma haala Namoota Damee toliinsa Qalbii isaaniiti. Qalbiin sirraa’ee toluudhaani haalli namoota fii hojiin isaanii sirraa’ee bareeda. Rasuulli صلئ الله عليه وسلم akkana Jedhan” Dhaga’aa! Qaama keessa Muraa Foonii tokkootu jira. Yeroo isiin tolte Qaamni hafe hundi tole,yeroo isiin badde Qaamni hundi bade. Dhaga’aa isiin QALBII dha.” Jedhan. Badii fii Dhukkubni qalbii Kheeyrii irraa Dhoorkamuu fii hoonga’uu Nama Dhaalchisa. Garagaliinsa Dhugaa Gara Rabbii جلً علا garagaluu irraa nama dhoorkeeti, Sadarkaalee ol’aantuutti gahuu irraa Nama hagooga.
Kanaaf Jecha ibaadaan ulamaa Dhugaa kanneen beekumsa isaaniitti Dalagan, xiqqaachuu isiitii wajjiin Ibaadaa Namoota biraa irra harka baay’een caalti. Kuniis Sababaa Qulqullina qalbii isaaniitii fii dhukkuboota garagaraa irraa Nagaya ta’uu dalagaa isaaniiti. Ibn Rajab رحمه الله akkkana Jedha” irra caalaan namaa ibaadaa keessatti giddugaleessa ta’uu fii haala qalbii keessatti jajjabaachuu keessatti ; nama karaa Rasuulaa صلئ الله عليه وسلم fii deemsa sahaaboota isaa deemeedha. Imalli Deemsa aakhiraa Deemsa qaamaatiin osoo hin taane Deemsa qalbiitiin deemamee murama”. Akkana Jechuun isaa Deemsi qalbiin Godhamu akkaan akka malee bakka guddaa qabaachuu fii Qaama dura isii dursuun dhimma durfamuu qabu akka ta’e nuu hubachiisa.
➡️Dhimmi 2ffaan Maqaalee Rabbii جلً علا babbareedduu hubachuu, gad-fageenyaan beekuu fii wanta isiin kennituu fii of keessa qabdu keessa gad lallaaluu.
Ibn al-qayyim رحمه الله akkana jedha” Namni Maqaalee, bifootaa fii hojiilee isaatiin Allaahaa beeke Isa jaalachuu irraa hafiinsi hin jiru.” Kanaaf jecha namni karaa Maqaalee, sifootaa, isaan hubachuu fii wanta isiin of keessatti qabattuun Rabbi جلً علا gabbare; burqaan iimaanaa fii beekumsaa isarratti gad burqite, Mi’aa rabbiin bohaaruutiis Dhandhame.” Namni obsi isaa, yaqiinni, Rabbirraa جلً علا jaalachuu fii Murtiilee rabbi جلً علا jala butamuun isaa xiqqaatte Sababa Dhimma kana irraa Dagachuutiini.
Sheikhul islaam bn teymiyaa رحمه الله akkana jedha” Beekumsa waa’ee maqaalee fii sifoota rabbi جلً علا beekuun bu’uura diinii fii hundee qajeeluminsaati. Irra guddaa wanta qalbiin hojjettee, lubbuun argamsiifattee fii sammuun itti Dhaqqabdeeti”
🎁 Dhumarratti kitaaboota Dhimmoota lamaan jenne keessatti akkaan fayyadan kan nama Beekumsa dhimma kanaa barbaaduuf ga’uu fii Irra bareedaa kitaaba dhimmicha keessatti barreeffamee kanneen ta’an lamaan Fudhadhu;-
1ffaan أعمال القلوب للشيخ حالد الثبت
2ffaan فقه الأسماء الحسنئ للشيخ عبد الرزاق البدر