SιɱႦιɾƚυυ

  • Home
  • SιɱႦιɾƚυυ

SιɱႦιɾƚυυ Miidiyaa oduu ariifachiisaa. Oduu ho'ituu.

Gareen Jila Pirezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Fi Itti Gaafatamaa Giddugalaa Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookir...
27/10/2024

Gareen Jila Pirezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Fi Itti Gaafatamaa Giddugalaa Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraahiin durfamu Beejiingi Chaayinaa jira.Jilichi Wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Beejiingi gahu hoggantoota Olaanoo Paartii Koministii Chaayinaa fi Chaayinaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboon simatamaniiru.

Jilichi turtii isaan mariiwwan gamlame akka taasiu, muuxannoo waljijjiiruu fi daawwannaa garaagaraa akka taasisu ibsameera.Dabalataan hariiroo paartilee biyyoota lamaanii cimsan hundeessuuf tumsa tarsiimawaa n itaasisaan kan eegamu ta’uu ibsamuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa'ii BRICS irratti hirmaachuu fi daawwannaa Maaleezhiyaatti taasisaa turan...
27/10/2024

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa'ii BRICS irratti hirmaachuu fi daawwannaa Maaleezhiyaatti taasisaa turan xumuruun Finfinnee deebi'aniiru.Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaanii Yaa'ii BRICS irratti hirmaachuu fi Maaleezhiyaattis daawwannaa hojii guyyoota lamaa taasisaa turuun ni yaadatama.

Daawwannaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hojiilee misooma Magaalaa Kuwaalaalaampuuritti taasisan.
26/10/2024

Daawwannaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hojiilee misooma Magaalaa Kuwaalaalaampuuritti taasisan.

Israa'eel iddoolee qabiyyee Waraanaa Iraan filatamoo ta'aan humna qilleensaan haleeluu beeksifte.Iraanii fi deeggartoonn...
26/10/2024

Israa'eel iddoolee qabiyyee Waraanaa Iraan filatamoo ta'aan humna qilleensaan haleeluu beeksifte.Iraanii fi deeggartoonni ishee haleellaa irra deddeebiin Israa'eelirratti raawwataniif duub deebii ta'uu Humni Waraanaa Israa'eel ibseera.Halkan walakkaa eegalee Lixaa fi Kibba Lixaa magaalaa Teeraanitti haleellaa dhaabbilee waraanarratti qiyyeeffate raawwachuu himeera. Iraan gama isheen dhukaasawwan Israa'eel gariin qolachuu ibsuun, buufatawwan waraanaashee bakka sadii jiran miidhamuu ibsiteerti. Xiyyaaronni Israa'eel haleellaa milkaa'aa rawwwachuun nagaan deebi'uu Raayyaan Ittisaa Israa'eel himuu BBCn gabaaseera.Haleellan kun Israa'el gatii guddaa kan kaffalchiisu ta'uu Iraan akeekkachiifterti.

Yaadni Itiyoophiyaan Yaa’ii BRICS 16ffaa irratti kaafte hedduun isaa fudhatama argachuu Daayrektarri Jeneraalaa Nageenya...
25/10/2024

Yaadni Itiyoophiyaan Yaa’ii BRICS 16ffaa irratti kaafte hedduun isaa fudhatama argachuu Daayrektarri Jeneraalaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.Yaa’ichaan cinaatti mariin waloo hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru.Itiyoophiyaan qooda naannawaa Baha Afrikaatti qabduun walqabatee biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qaban agarsiisuu dubbataniiru.Ergaawwan Itiyoophiyaan waltajjii BRICS irratti dabarsite harki caalu fudhatamu argachuu isaa ibsaniiru.Akkasumas yaadni Itiyoophiyaan dhiyeessite ajandaa waltajjichaa ta’uu eeraniiru.Mariin waloon gaggeeffames hariiroo Itiyoophiyaa biyyoota kanneen waliin qabdu caalmatti cimsuuf carraa kan uume marii daraan bu’aa qabeessa ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan himaniiru.

Mariin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy hoggantoota Miseensa BRICS waliin taasisan qajeeltoo kennanii fudhachuu Itiy...
25/10/2024

Mariin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy hoggantoota Miseensa BRICS waliin taasisan qajeeltoo kennanii fudhachuu Itiyoophiyaa fi fedhii karra Galanaa argachuu kan calaqqisiise ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.Yaa’iin 16ffaa hoggantoota BRICS Raashiyaa Kaazaanitti gaggeeffamuun ni yaadatama.Yaa’icharratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jila Ministiroota isaanii waliin hirmaataniiru.Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laaggasaa Tulluun hirmannaa Itiyoophiyaan yaa’icharratti taasifteerratti ibsa laataniiru. Yaa’icharratti Dooktar Abiy marii gamlamee fi hundagaleessaa bu’aa qabeessa taasisuu himaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad  daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Maaleezhiyaa galaniiru.Dooktar Abiy Ahimadii...
25/10/2024

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Maaleezhiyaa galaniiru.Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyachoon turtii Yaa'ii BRICS xumuruun jila Ministirootaa isaaniin durfamu waliin daawwannaa hojiif Maaleezhiyaa Magaalaa Kuwaalaalaampuur galaniiru.

24/10/2024

Raashiyaatti Oolmaa Guyyaa 3ffaa MM Dooktar Abiy Ahimad fi Jila Isaanii

Raashiyaatti Turtii Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad .
24/10/2024

Raashiyaatti Turtii Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad .

BRICS dhaabbata sirna gamhedduu addunyaa mirkaneessu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahmad ibsan.Dhaabbatichi...
23/10/2024

BRICS dhaabbata sirna gamhedduu addunyaa mirkaneessu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahmad ibsan.Dhaabbatichi sirna gamhedduu addunyaa hojiirraa oolchuun rakkoolee biyyoota mudatan furuu akka danda'u abdiin jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahmad yaa’ii BRICS 16ffaa Raashiyaa Magaalaa Kaazaanitti gaggeeffamaa jirurratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Itiyoophiyaan miseensa biyyoota BRICS ta’uu isheen tumsa gamhedduu qajeeltoo haqa qabeessummaa fi biyyoota guddaataa jiran giddugaleessa taasiise akka babal’atu kan hojjettu ta’uu himaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahmad Yaa’ii BRICS 16ffaa cinaatti Pireezidaantii Emireetoota Araba Gamtoomanii Mah...
23/10/2024

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahmad Yaa’ii BRICS 16ffaa cinaatti Pireezidaantii Emireetoota Araba Gamtoomanii Mahaammad Zaayid Al Naahiyaan waliin mari’ataniiru.Yaa’ichi obboleessa koo Pireezidaanti Mahaammad Zaayid Al Naahiyaan waliin akka mari’annuuf carraa nuuf uumeera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru.Yaa’i...
23/10/2024

Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru.Yaa’ii 'BRICS’ cinaatti dhimmoota gamlamee fi naannawaarratti mari’achuu Dooktar Abiy gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when SιɱႦιɾƚυυ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share

SIMBIRTUU.COM

Kan ariifattan,oduu dhugaa fi waqtawaa kan barbaaddan yoo jiraattan fuulbarruun SIMBIRTUU filannoo keessan jalqabaa ta’uu qaba. Ganama guyyaa fi galgala oduu maddeen addaa addaa soquun bifa gara garaatiin isin qaqqabsiisuuf qophiidha. Waanti isin irraa eegamu filannoo keessan peejii keenya godachuun hiriyoota keessanii fi maatii keessan hunda affeeruu qofa. Simbirtuu news!