18/10/2024
Abbaa Jabaa ilma Jabaateetu Beeke.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Qaroomni, beekkumsi, gootummaan , arjummaan akkasumaas baheessuummaan waan dhaloota keessaa argachaa dhufaniidha. Oromoon ammoo waggoota dhibba lamaaf gadadoo maddii maddi asiin hin beekkamne takkaan dhibamtee dhiibamuun dandeeytii fii ogummaa akkasumaas ammoo kennaa Abbootii isaanii keessaa as dhufte dabarfachuu dadhabuudhaan rakkoon hawaasummaa keessatti oolmaa walii dagachuun dhufteeti jirti.
Haa tahuu malee dhugaan Abbootii keenyaa isaan ifaa arraatiif qabsaawaan keenya ni dahatame malee kan irraanfatamee hafuu miti. Akkuma beekkamu Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa dhukkube Kan Reeffa isaanii biyyatti galche Juneeydiiti. Yaadataan Eega biyya isaa Oromiyaa keessatti dhufee daldala isaa eegalee booda Deegarsa lamummaa, kan sabummaa akkasumaas Ammoo kan biyyummaa godhuun Arjummaa oromoon Seenaa keessatti qabu nuuf tarkaanfachiisee Jira.
Sooreessi Yaadataa Juneeydii gaafa Abbaa qubee Afaan oromoo Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee foundation isaa bakka Itti dhabnu naafii Kuulanii Boruu (Maryam Ahamed) rakkoo kana itti himnaan yeruma San Darbii isaa tan Adaamaa Boolee qabu bilisaan Akka waajira Dhaabbata Foundation Dr. sheek. Mahammed Rashad Abdullee Akka tahu nuuf kenne. San qofaa miti, Seenaa kitaaba Gooticha kana Ammoo Akka maxxanfamuuf baajata baasuun kitaaba lama maxxansiisee, Seenaan Abbaa keenyaa Akka Dhalootatti dabartu godhe. Kanafuu oolmaan Sheek. Mahammed Rashad Abdullee Abbaa Qubee Afaan oromoo Kun seenaan isaa Akka ittiin baraamtuufii barsiifamtu godhuu keessatti gaheen Yaadataa Juneeydii laayyoo miti.
Duuba kitaabni Seenaa Abbaa Qubee Afaan oromoo kan Ilma isaa Khalid Rashad Mahammed Rashad Abdulleetiin barreeffame baajata Yaadataan baaseen maxxanfamee Amma waggaa 2ysoodha. yeroo adda addaa Ammoo kitaabicha kana sadarkaa Oromiyaati eeybisiisuuf sochiin goone milkaahuu hin dandeenye. Amma Ammoo bifa haarayaan Seenaa kitaaba Gooticha Qubee Afaan oromoo Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee eeybisiisne galii isaa kitaabichaa Ammoo foundationichaa oolchuuf sochii irra jirra.
Dhimma kana ilaalchisee Ammoo Sheekkan , ustaazoota, ulamaahiifii darasoonni Deegarsa Seenaa Akka gootan khabajaan isin gaafanna. Sheekkan yeroo jennu, Namoota Akka Sheek. , Ustaaz ' Ustaaz fii kkkf Sochii eeyba kitaaba barsiisaa keeysan Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee irratti makamuun seenaan Kun Akka mul'atu godhuu qabdan.
Karaa biraatiin Barreessitoonni, barsiisoonni, akkasumaas Aartistoonni Oromoo gaheefii oolmaa Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee Seenaa kitaaba isaa Kanaan kaanaan dhaamsa inni Dhaloota qubee Afaan Oromootti dhaammate Akka hojii irra oolchinu jechuun dhaamsa isaa galmaan akka geenyu Oromoo guutuun dirqama Oromummaa Akka baanuun waamicha isinii dhiheessina.
miseensa Koree Foundation Sheek. Mahammed Rashad Abdullee.
Horaa Bulaa !!
Raabaa Doorii (Iskuu Hamzaa)
okkol. 18/2024
Adaamaa Oromia