
14/06/2025
Mu'ujizaawwan Nabiyyii Muhammad (SAW)
Keessattuu Namoonni Nabiyyiin Muhammad (SAW) dinqii hojjateera jettanii gaafattaniif deebii quubsaa ta'a jedheen amana. Dinqiin isaan hayyama Rabbiitiin raawwatan baay'eedha. Mu'ujizaawwan isaanii keessaa muraasni kanneen armaan gadii kana ta'a:
1. Ji'a Bakka Lamaatti Baqaqsuu (Shaqq al-Qamar): Gaaf tokko mushrikoonni Makkaa mallattoo akka isaanitti agarsiisan gaafatan. Nabiyyiin (SAW) hayyama Rabbiitiin gara ji'aatti akeekanii, ji'i bakka lamatti addaan baqaqee, gaarri Hiraa' jidduu isaatti mul'ate. Dhimmichi kun Qur'aana keessattis (Suurat Al-Qamar) ibsameera.
2. Imala Halkanii fi Ol-bahiinsa Samii (Al-Israa' wal-Mi'raaj): Halkan tokko keessatti, Rabbiin Nabiyyii (SAW) Masjid al-Haram (Makkaa) irraa gara Masjid al-Aqsaa (Jerusalem) geesse. Achirraas gara samiiwwan torbanii ol baasee, wantoota dinqisiisoo isa agarsiise. Imalli kun yeroo fi bakka ilmi namaa yaaduu danda'uun ol ture.
3. Quba Isaanii Jidduutii Bishaan Maddisiisuu: Yeroo waraanaa fi imalaa, Sahaabonni bishaanitti rakkatanii turan. Nabiyyiin (SAW) harka isaanii qodaa bishaan xiqqoon keessa jiru keessa yommuu kaa'an, quba isaanii jidduutii bishaan madda guddaa ta'ee yaa'ee, namni hundi irraa dhugee ittiin wadda'ate. Kun yeroo adda addaatti irra deddeebiin ta'eera.
4. Nyaata Muraasa Baay'isuu: Nyaata nama muraasa qofa quubsuu danda'u, fakkeenyaaf Lola Khandaq keessatti, Nabiyyiin (SAW) eebbisaanii, nyaanni sun garee waraanaa guddaa tokko quubsee irraas hafe.
5. Imimmaan muka Timiraa: Nabiyyiin (SAW) khuxbaa yommuu godhan, muka timiraa goggogee irra hirkatu turan. Booda yommuu minbarri (bakka khuxbaan irraa godhamu) hojjetameefii muka sana dhiisan, mukichi akka mucaa booyuutti sagalee dhageessisee imimmaan roobse. Ergasiis Nabiyyiin (SAW) irraa goranii, harka isaanii irra kaa'anii isa tasgabbeessan.
6. Dhukkubsataa Fayyisuu fi Madaa'aa Wal'aanuu: Namoota dhukkubsatan hedduu hayyama Rabbiitiin fayyisaniiru. Fakkeenyaaf, ija Sahaabiyyii Qataadaa ibn al-Nu'maan kan lola irratti baatee harka isaatti qabatee dhufe deebisaniifii, kan duraa caalaa iftee arguu jalqabde. Akkasumas, ija Aliyyii ibn Abii Xaalib kan dhukkubsatte tuqanii fayyisaniiru.
7. Beeyladootaa fi Wanta Lubbuu Hin Qabne Dubbisuu: Nabiyyiin (SAW) rakkoo beeyladootaa dhaga'anii furmaata kennuufii turan. Fakkeenyaaf, gaalli tokko dhufee waa'ee abbaa isaa kan ba'aa itti ulfeessuu fi nyaata ga'aa hin kennineef himate.
8. WaanvGara Gara Fuulduraatti Ta'u Dubbachuu: Waan isaan booda ta'u hedduu, kan akka bal'ina mootummaa Islaamaa, mormii (fitnaa) ummata keessatti uumamu, fi mallattoolee Qiyaamaa hedduu dubbatanii jiru, isaanis dhugoomaniiru.
9. Bokkaa Roobsuu fi Dhaabuu: Yeroo tokko namni baadiyyaa tokko gara Nabiyyii (SAW) dhufee, sababa hongeetiin beeyladoonnii fi namoonni akka miidhaman itti himee, Rabbiin bokkaa akka roobsuuf akka isa kadhatan gaafate. Nabiyyiinis (SAW) harka ol qabanii du'aa'ii godhan. Osoo isaan minbara irraa hin bu'in, duumessi walitti qabamee bokkaan cimaan roobuu eegale. Torban guutuu roobee, yeroo lammataas namichi dhufee rooba irraa kan ka'e rakkoon uumamuu himnaan, Nabiyyiin (SAW) ammas du'aa'ii godhan. Yeroo kana bokkaan magaalattii irraa ka'ee, naannoo isheetti roobuu itti fufe.
10. Muka Isaaf Ajajamuu: Namni baadiyyaa tokko ragaa nubuwwaa isaanii gaafannaan, Nabiyyiin (SAW) muka fagoo jiru tokko waamnnaan, mukichi lafa qotee of dura deemaa dhufee fuula isaanii dura dhaabbate. Ragaa bahumsa erga kenneefii booda, bakka duraan turetti deebi'e.
11. Dhagaan Nagaa Isa Gaafachuu: Nabiyyiin (SAW) akkana jedhaniiru: "Ani dhagaa Makkaa keessa jiru kan odoo ergama kiyya dura anaaf salaamtaa (nagaa) qara'u tokko beeka, ammas isa nan beeka." Kun uumamni lubbuu hin qabne illee sadarkaa isaanii beekuu agarsiisa. Kanneen males mu'ujizaawwan isaanii baay'eedha, Kumaatamaan laakka'ama. Bal'inaan kitaaba koo "Ifaa Addunyaa" jedhu keessatti bal'inaan barreesseera.
Mu'ujizaawwan kun hundi hayyama Rabbiitiin kan ta'an yoo ta'u, kaayyoon isaanii guddaan dhugummaa ergaa Nabiyyii Muhammad (SAW) mirkaneessuufi. Hunda caalaa garuu, mu'ujizaan inni guddaan, kan hin badne, kan yeroo hundaa nuuf ragaa ta'u Qur'aana Kabajamaadha.
Qopheessaan: Xaahir Galatoo