28/10/2023
UN Walgahii ariifachiisaa geggeesse!
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waldhabdee Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti uumame ilaalchisee Jimaata galgala walgahii ariifachiisaa fi addaa geggeesse.
Haala kanaan murtoon "Jordaan" Gaazaatti "dhukkaasa namoomaa dhaabuu" gaafatuu Yaa'ichaaf dhiyaate.
Murteen dhukkaasa namoomaa akka dhaabbatu gaafatuu Kan Jordaaniin dhihaate:
- Deeggarsa 120 waliin,
- Mormii 14
- Namoonni 45n kan hin hirmaanne ta'uun raggaasifameera.
Haaluma kanaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Gaazaatti dhukkaasa namoomaa dhaabuuf murtee dabarseera.
Garuu biyyoonni Akka: Ameerikaa, Israa’el mataan ishee, Haangaarii, Oostiriyaa warra murtee kana morman keessaa tokko.
Warra Sagalee kennurraa of qusatan keessaa:
- Itoophiyaa,
- Jarman ,
- Kanaadaa,
- Giriik,
- Finfinnee,
- Deenmaark,
- Siwiidin,
- Iraaq,
- Jaappaan,
- Xaaliyaan,
- Hindii ,
- Yunaayitid Kingidam,
- Yukireen,
- Tuuniziyaa, Sudaan Kibbaa fi Zaambiyaa fa'aadha.
Walgahiin hatattamaa fi addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kun kan gaggeeffame lola Israa’elii fi Hamaas gidduutti hammaatee itti fufee jiru ilaalchiseeti.