28/05/2025
Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Paappayyaan muduraa fi kuduraa keessaa tokko ta'ee kan Vaayitaminoota garagaraa kan akka Vitaayitamina C,A fi Albuudota garagaraan badhaadheedha.
Paappayyaan kuduraa Vaayitaamina ‘C’n haalaan badhaadhe hamma Koleestiroolii qaama keenyaa to’achuuf gumaacha olaanaa qabuudha.
Keessattuu albuudota akka Coopperii, Pootaasiyeemi, Maginiziiyeemii fi kanneen biroo hedduu of keessaa qaba.
Faayidaalee Paappayaa keessaa muraasni:-
1.Dhukkuba garaachaa fi guba lapheef hedduu gargaara
2.Gogiinsa garaa ittisuuf,akkasumas dhibee Kintaarootii ittisuuf
3.Fayyaa gogaa eeguuf
4.Rakkoo hirriba waliin walqabataanii dhufan qolachuuf
5.Daakamuu soorataa si'eessuun akka fedhiin nyaataa dabalu godha.
6.Dhukkubbii yeroo marsaa Laguu dabalatee rakkoolee marsaa laguu waliin walqabataan nurraa qolata
7.Ulfaatina madaalawaa akka qabaannuuf nu gargaara, akkasumas rakkoolee jeeqamuu Ulfaatina qaamaa waliin walqabataanii dhufan kanneen akka dhibee
onnee,olka'uu dhiibbaa dhiigaa, fi kkf akka hin saaxilamne ni ittisa
8.Dandeettii dhibee dandamachuu qaama (Madinuummaa) dabaluun akka Infeekshiinii garagaraaf hin saaxilamne ni gargaara,
9.Dhukkuboota sirna haargansu hubaan kan akka Asmii, Utaalloo,biroonkaayitii fi kkf hedduu gargaara,
10.Dhibee Kaanserii ittisuuf garagaraa,
11.Rifeensi namaa akka lallaafuu fi calaqqisu ni godha
12.Fayyaa lafee keenyaa fi ilkaan keenyaaf ni gargaara,keessattuu dhukkubbii ilkaanii ni fura,
13.Dhukkuba Sukkaaraaf akka hin saaxilamne, akkasumas erga dhibee kanaan qabamneen booda hamma 'glucose' qaama keenyaa to'achuuf hedduu nu gargaara,
14.Dhukkubbii mashaa fi buusaawwannif hedduu gargaara
15.Sirni bullaa'insaa nyaataa fi Ujummoon sirna bullaayinna nyaata akka fayya-qabeessa kan taasiisu ta’uu ibsameera.
16. Fayyummaa ijaaf daran murteessadha,
Dubartoonni wayita marsaa laguurra jiran Paappayyaa baay'inaan akka fayyadaman kan gorfamu ta’uu ogeeyyiin yaala fayyaa ni dubbatu.