10/08/2026
YAA RABBI, MURTII KEE JAALADHEE OBSA NAAF KENNI
Yaa Rabbi…
waan ani barbaadu osoo hin taane, waan Ati naaf filatte jaallachuu na barsiisi.
Yeroo murtiin Kee fedhii koo faallaa ta’u,
qalbiin koo akka hin cabne obsa naaf kenni.
Waan na jalaa fudhatteefiis gadda daangaa dabre na hin gaddisiisin,
waan naaf kenniteefis Nama Boonee Shukrii tee dagatu nan taasisin;
waan hundumaa keessatti hikmaa Kee amanuu naaf kenni.
Tarii waan ani har’a hawwu,
boru na miidhuu danda’a.
Tarii waan ani har’a jibbu,
boru rahmata Kee ta’uu danda’a.
Kanaaf Yaa Rabbi…
Murtii Kee irratti qalbii naaf tasgabbeessi,
qooda naaf qoodde irratti na quubsiisi,
waan na mudatu hundatti obsa naaf kenni.
Nuti waan arginu qofa beekna;
Ati garuu waan dhokate hundumaa beekta.
Murtii Kee nan jaalladha Yaa Rabbi…
Obsa naaf kenni;
qalbii koo immoo Si irratti naaf Irkachiisi.
Yaa Rabbiiiii😢
✍️ jaber