Firomsa Saido

  • Home
  • Firomsa Saido
 ゚viralシfypシ゚viralシalシ
22/05/2025

゚viralシfypシ゚viralシalシ

Lammiileen Itoophiyaa 47 Sa'ud Arabiyaa magaalaa Naajiraan mana hidhaa Sijinal Ammi jedhamu keessatti hidhamani duut itti murtaa'e, murteen nama lama lamaan irratti fudhatamaa jiraachuu himan.

Caamsaa 20 bara 2025 namoonni lama kan maqaan isaanii Abdulsalaam Jamaal Mohaammad fi Abdulsamad Naggii Mohaammad jedhaman baafamanii murteen du'aa irratti raawwatamuu himan hidhamtoonni OMN dhoksaan dubbise.

Roobii kaleessaa Caamsaa 21, 2025 waaree booda namoota lama kan maqaan isaanii Badhaasoo Mohaammad Jundii dhalataa Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu Magaalaa Milqaaye ta'ee fi Abdulqaadir Mohaammad Siraj dhalataa Harargee bahaa Aanaa Malkaa Bal'oo ta'e irratti murteen du'aa itti murtaa'e raawwatamu himan.

Akka hidhamtoonni kun jedhanitti baay’inni hidhamtoota kanaa 47 yoo ta'u, isaan keessaa namoonni 6 godina Jimma, 9 godina Harargee Bahaa, 7 godina Harargee Lixaa, 7 godina Arsii Lixaa, 6 godina Arsii, 5 godina Baalee akka ta'an himani jiru.

Hidhamtoota kan dallaalonni baala sammuu namaa hadhoochu dhoksaa fi dirqamaan yeroo taaribaan gara Sa'udi Arabiyaa imalan itti fe'uun ergaa turan jedhame.

Yeroo isaan daangaa irra gahan humnoonni nageenyaa mootummaa Sa'ud Arabiyaa sakatta'iinsa taasisaniin baqattoota kana yeroo garaagaraatti baala sammuu namaa hadochuu waliin qabu jedhan.

Baqattoonni kunniin baala sammuu namaa hadhoochu baachuu isaanituu hin beekani, yoo beekanis dirqamaan itti fe'ani deemsisaniin jedhan.

Sababa kanaan mootummaan Sa'udii lammilee Itoophiyaa yeroo garaagaraa baala sammuu namaa hadhoochan waliin daangaa biyyattii irratti qabe Magaalaa Naajiraan keessatti hidhuun murtee du'aa itti murteessuu ibsan.

Hidhamtoonni kun mootummaan Itoophiyaa gidduu seenuun lubbuu keenya nu haa oolchu jechuun iyyataa jiru.

21/05/2025
21/05/2025

Dhaabbanni 'Action Aid' jedhamu jireenya hakimootaafi barsiisota Itoophiyaa ilaalchisee qorannoo haaraa baaseera.
Miindaafi jireenyi hakiimotaafi barsiisota Itoophiyaa hangam wal madaala?
Qorannoon kun kan mul'ise qaba.

Dhiyaadhaa ↪️↪️ https://bbc.in/3SfAfMM

21/01/2025

28/02/2023
Sweat honey
06/02/2023

Sweat honey

Salluu alla nabiyyii .........S.A.W
31/12/2022

Salluu alla nabiyyii .........S.A.W

Address


Telephone

+251903308335

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Firomsa Saido posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share