08/06/2026
“Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaaf qophii gahaa taasisaa jirra”
- Barattoota Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaa
+++++++++
| Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baatii ittaanu kennamuun qabxii gaarii galmeessisuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu barattoonni Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaa ibsan.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaa biyyaatti onlaayiniitiin kennamuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu barattoonni mana barnootaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Dodolaatti argamu kanaa turtii kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
Barataa Iyyoob Masfin qormaata jahan fudhatu guutummaatti deebisuuf sagantaa baafatee hiriyyootasaa wajjin qophiii cimaa taasisaa jiraachuu beeksiseera.
Firii qormaataa bara darbeetiin barattoonni mana barnootaasaanii akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisuus yaadachiisee, innis muuxannoosaanii qooddachuun qabxii caalu fiduuf ykn riikardii cabsuuf qophii guddaa taasisaa jiraachuu ibseera.
Kanaafis barnootaa kutaa 9ffaa kaasee dubbisaa jiraachuu eeree, qormaata karaa onlaayinii kennamuufis of qopheessaa jiraachuufi barsiisonnisaaniis barnoota dabalataa kennuufii fa’iin isaan qopheessaa jiraachuu dubbateera.
Barattoonni qormaataa karaa onlaayinii fudhachuuf dursanii qophaa’uun barbaachisaadha kan jette ammoo barattuu Hikimaa Mahaammadi.
Akka barattuun tun jettutti, hanga ammatti qormaata bifa moodeelaan waraqaafi karaa onlaayinii irra deddeebiin shaakaluun hojjetaa jirti. Qormaatichaaf qophaa’ummaan xiinsammuus barbaachisaadha jechuun himtee jirti.
Qabxii olaanaa bardheengaddaa dhiirotaan galmaa’e barana shamarran mana barnootaasaaniin akka galmaa’uuf karoorfatanii qophii cimaa taasisaa jiraachuus ibsiteetti.
Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaatti barsiisaan Ingiliffaa Kabboo Qaabatoo gamasaaniin, barattoota ciccimoo akka biyyaatti dorgomoo ta’an horachuuf bakka hanqina barattootaa adda baasuufi haalota adda adddaatiin barattootasaanii sirnaan qopheessaa jiraachuu dubbataniiru.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa inisheetivii addaa Mootumman Naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa hanqina qulqullina barnootaa naannichaa furuuf mul’ata guddaan hundaa’e ta’uu kan himan ammoo dura bu’aa mana barnootichaa Obbo Deetuu Dibooti.
Manni barnootaasaanii qormaata baranaatiin qabxii olaanaa qalmeessisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuus himanii, meeshaalee akka kompiyutaraafi jenereetaraafaa qopheessuun haalduree xumuraa jira jedhaniiru.
Barattoonnisaanii hundi akka darbaniif qormaata shaakallii bifa moodeelaatiin yeroo lama sadii karaa onlaayinii qopheessuun qoruu, barnoota dabalataa (tiitooriyaalii) kennuufi haala itti fayyadama teklonojiirratti hojii hubannoo babal’inaan kennamuu eeraniiru.
Manni barnootaasaanii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara darbe kennameen qabxii olaanaa, 592 galmeessisuus yaadachiisanii, manni barnootasaanis barattootaa saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaan dhiira 74fi dhalaa 33 walumaagalatti barattoota 107 qormaaticha akka fudhataniif qopheessaa jiraachuu ibsuun, baranas qabxii caalu galmeessisuuf ykn riikardii cabsuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Asaffaa Tolasaatiin
Maxxansa Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 30 bara 2018
Detu Dibo