Abbaa Ogummootaa

Abbaa Ogummootaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abbaa Ogummootaa, Digital creator, Shaggar, Dukem.

18/02/2025
05/08/2024

BIRA DARBANII DEEEMUU DANDA'UU
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔻 Gosti allaattii, joobiraan morkuu barbaaddu 'Raven' qofaa dha. Dugda isaarra teessee morma isaa ciniinti. Haa ta'u iyyuu malee, joobirri deebii hin laatuuf lolees ofirraa hin qolatu. Baallee isaa bal'isee banee daran ol ka'uudhaan samii keessa asii ol bada. Hammuma joobirri ol fagaate 'Raven'tti wallaansoon kun itti ulfaata. Oksijiniin waan jalaa haphatuuf Raaveeniin harganuu hin dandeessu.

🟢 Kana irraa hubachuu kan qabnu lolli hundinuu akka hin lolamne fi Walfalmii hundaaf deebii laachuu dhiisuu akka barbaachisu hubanna. Kanaaf bakka dhaabbii kee jijjiiri, kanneen xiiqii siin qaban hundinuu ni dhabamu waan ta'eef. Kanneen akka Raaveenii waliin anniisaa kee hin fixin! Olka'iinsa kee dabalii ofirraa isaan hurgufi. Diinni dugda kee irra taa'ee morma kee ciniinuu danda'a, garuu lolaan osoo hin taane gulantaa kee dabaluudhaan ofirraa isaan fageessuu akka dandeessu yeroo mara yaadadhu.

04/08/2024

Things that only describe Africa:🤣

❶Cleaning the edge of the toilet.
❷The wife sleeps next to the She has to follow to the wheel.
❸When you get rich, society tells you it has a dragon.

11/06/2024

!.......
Barsiisaan dhaloota gahoomsuu bira darbee biyyi kun of barsiisaa malee jiraachuu hin dandeessu yoo jedhame waan dhugaa irraa fagaate natti hin fakkaatu. Sababni isaa 𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣;-
Hayyuu waa kalaquu(𝘽𝙚𝙚𝙠𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖), Nama biyya bulchuudha(𝙈𝙤𝙤𝙩𝙞𝙞), Eegduu biyya eeguudha(𝙒𝙖𝙧𝙖𝙖𝙣𝙖), Mirkaneessituu fayyaati(𝘿𝙤𝙤𝙠𝙩𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖), Sammuu namaa qotee kan misoomsudha(𝙌𝙤𝙩𝙩𝙪𝙪), Ka'umsa beekumsa dhala namaati(𝙆𝙞𝙩𝙖𝙖𝙗𝙖), Hubachiistuu mirga namummaati(𝘼𝙗𝙗𝙖𝙖 𝙎𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖), Balleessituu doofummaatii(𝘽𝙖𝙣𝙩𝙪𝙪 fi 𝘾𝙪𝙛𝙩𝙪𝙪), Waan egereef ta'u kan beeku(𝘼𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣𝙩𝙪𝙪 ykn 𝙍𝙖𝙖𝙜𝙙𝙪𝙪), Mi'a dheedhii kan jijjiirudha(𝙒𝙖𝙖𝙧𝙨𝙝𝙖𝙖), Agarsiistuu kallattii jireenyaati(𝙆𝙤𝙤𝙢𝙥𝙖𝙖𝙨𝙞𝙞), Falmaa mirga namaati (𝘼𝙗𝙪𝙪𝙠𝙖𝙖𝙩𝙤𝙤), Qusataa yerooti(𝘼𝙩𝙞𝙞𝙡𝙚𝙚𝙩𝙞𝙠𝙨𝙞𝙞), Dhaloota milkeessa, Karaa sirrii kan baasu(𝙏𝙞𝙧𝙖𝙠𝙩𝙞𝙧𝙖), Morkataa Gabrummaati (𝙌𝙖𝙗𝙨𝙖𝙖'𝙖𝙖), Argannoo haaraa kan maddisiisudha(𝙌𝙤𝙧𝙖𝙩𝙖𝙖) fi kkf waan baay'ee isaanitu kan ani hin tuqiin hafee jira. Kanaafuu barsiisaan mi'eessituudha yoon jedhe waan ittiin barsiisaa ibsu dhabeen itti fakkeessee jecha kanatti fayyadame.
Mi'eessituun yoo waan nyaatamu tokkoo keessaa dhibe maal akka ta'u hubachuun isaa nama hin rakkisu ifaadha.

Barsiisota 𝙗𝙞𝙮𝙮𝙤𝙤𝙩𝙖 guddatanii fakkeenya fudhanne yoo ilaalle iddoo guddaa 𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙞𝙨𝙖𝙖𝙛 qabu. Haala 𝙢𝙞𝙣𝙙𝙖𝙖 ykn 𝙠𝙖𝙛𝙛𝙖𝙡𝙩𝙞𝙞 isaanii illee yoo ilaalle hojjettoota jiran keessaa gatii olaanaatu kaffalamaaf. 𝘼𝙛𝙧𝙞𝙠𝙖𝙖 keessaa illee fagoo otoo hin deemin ollaa biyya keenyaa kan taate fknf #𝙆𝙚𝙚𝙣𝙞𝙮𝙖𝙖 yoo fudhanne gatiin barsiisaaf kaffalamu olaanaadha. Hojjettoota biyya ishee keessaa 𝐦𝐢𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 kan barsiisaati. Biyya kana keessatti garuu hangam akka ta'ee wal nama hin gaafachisu! Garuu, ani qofaaf mindaan haa dabalamu jechuu koo miti.....!
Barsiisaa abbaa ogeessota maraa!

13/04/2024
[Ergaa_Baga geessan Barsiisaan Taajuddiin Abuunaa  Kabaja Ayyaana Iid Al-Faxirii waggaa 1445ffaa sababeeffachuun hordoft...
09/04/2024

[Ergaa_Baga geessan Barsiisaan Taajuddiin Abuunaa Kabaja Ayyaana Iid Al-Faxirii waggaa 1445ffaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Islaamaatiif dabarsanii jiru.

" Hojiilee eebbifamoo miira namoomaa fi dhiifamaatiin baatii raamadaanaatti raawwataman yeroo kaanis aadeffachuun itti fufsiisuun barbaachisaadha"

Bu'uura tokkummaa fi obbolummaa, mallattoo araaraa fi dhiifamaa kan ta'e baatii Ramadaanaa gammachuun simattanii, turtii ji'a tokkoo galata galfachaa, soomaa fi salaataanis rabbii keessan kadhachaa, hiikaa baatii Ramadaanaa, kabaja Ayyaana Iid Al Faxir bara hijraa 1445ffaa dhaaf kan qaqqabdan hawaasni musliimaa Kutaa Magaalaa,naannoo fi biyya keenyaa, darbees guutuu addunyaatti argamtan baga guyyaa kabajamaa kanaan nagaan ittiin isin gahe, baga geessan jechuun fedha.

Baatiin ramaadaanaa baatii eebbifamaa hawaasni musliimaa uumaa isaa kadhachaa miira namoomaa fi dhifamaatiin hojiilee eebbifamoo fi arjooma dhalli namaa hundi itti gammadu itti raawwatu, gaarummaa qajeeltoo amantichaa ta’e gochaan kan itti mul’isu, araaraa fi dhiifamni dhugaas kan itti labsuudha. Kunis barsiifata jaalalaa fi tokkummaa dhugaa, gaarummaa fi obbolummaa ta’uurra darbee daandii milkaahinaarra imaluuf kan darbe dhiifamaan cehuu fi har’a waan gaarii dalaguudhaan galaa boruuf ta’u kaawwachuun murteessaa akka ta’e agarsiisa.

Baatiin kabajamaan kun yeroo turtii isaa raawwatee wayita xumuramu hawaasni muslimaa kan marsaa dhufuutiin nu gahi jedhee rabbiin kadhachaa, walitti dhufeetis salaata Iidaatiin waloomina ibsachaa ayyaana Iid Al Faxir kabajata. Ayyaanni Iid Al Faxir hordoftoota amantichaa biratti sirnoota garaa garaatiin miidhagee kan kabajamu yemmuu ta’u, kennaa Zakaatal Fxiriitiin duudhaan wal gargaaruu ifee kan itti mul’atu, inni tokko isa biraatiif madda gammachuu fi waloominaa ta’uun wal cinaa dhaabbachuudhaan kan ayyaaneffatamuudha.

Tamsaasaa Beekumsaa
Ebla 01 2016

  beekamtiin oliKevin Carter jedhama. Dhalataa biyya  Afrikaa Kibba ti. Beela sudaan mudate gabaasuu dhaqee joobira daa'...
08/04/2024

beekamtiin oli

Kevin Carter jedhama. Dhalataa biyya Afrikaa Kibba ti. Beela sudaan mudate gabaasuu dhaqee joobira daa'ima beelaan laaftee jirtu nyaachuuf otoo eeggataa jiruu suuraa kaase. Suuraan isaa kun addunyaa irratti beekamtii fi badhaasa guddaa argamsiiseef. Garuu isaaf gaddaa fi gaabbii guddaa itti ta'e. Suuraa kaasee deeme malee, mucaa sana nyaatamuu joobiraa jalaa hin baraarre. Yeroo badhaasa fudhatu, namni tokko isa dinqisiifachuun, "mucaa suuraa isaa kaafte kana lubbuu isaa baraarteettaa? jedheen. Kevin Carter suura kaase malee lubbuu mucaa baraaruu dhabuu isaatti gaabbee ani namummaa hin qabu jechuun badhaasa booda ofirratti murteessee wggaa 33 irratti ofiin of ajjeese.
fi badhaasa caala bakka olaanaa qaba.
Mee warri rakkoorraa fagoo jirtan, reenfa ilmaan iyyeessaan youtube irraa galii argachuurra lubbuu namaa baraaruuf youtube ti fayyadamaa.

Tamsaasaa Beekumsaa

Address

Shaggar
Dukem

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbaa Ogummootaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share