26/01/2023
.
.
Seerri Bakka lamatti qoodama.
1, Seera Hin jijjiiramne.
2, Seera Musee.
👉Seerri Musee bakka saditti qoodama.
1, Seera Amantii.
2, Seera hawwaasummaa
3, Seera Abboommii.
Hubachiisa:- Namoonni tokko tokko Abboommiin seera keessa hin galfamu jedhanii barsiisu. Kun dogoggora. Abboommiin kutaa seeraati. Walumaa galatti beektonni akka jedhanitti seeronni kun baay'inni isaanii 623 akka ta'an dubbatu. Seeronni kun namaaf jireenya kennuu dadhabani. Maaliif yoo naan jette, seerri irra daddarbaa baay'ise. Akkasuma namni cubbuu dhaalaa qabatee waan dhalatuuf seera otoo eeguu danda'eeyyuu karaa Isa dhaala Sanaa du'uu danda'a. Haa ta'u malee matumaayyuu namni sababii dadhabaa ta'eef seera eegee qajeelaa ta'uu hin danda'u. Kana malees namni seera hundumaa eegee tokko yoo cabse abaaramaa waan ta'uuf namni Seeraan fayyuurra ittiin du'e. Yaahiqoob 2:10 dubbisi. Akkasuma seerri cubbuun akka baay'atu godha. Rom7:7, Rom3:23, seerri cubbuun akka baay'atuuf karaa bana. Galaatiyaa 5:1-6 ...Warri seera eeguudhaan qajeelota taatanii lakkaa'amuu barbaaddan kiristoos ofirraa kuttaniittu Ayyaana Waaqayyoorraas kuftaniittu... Jedha. Kanaafuu kiristoos seericha iddoodhaa kaasuudhaaf fannifame.
?
Lakki seerichatu xuraa'aadha ykn nama xureessa miti. Cubbuutu karaa seerichaa dhufee nu ajjeese malee seerichillee qulqulluu fi qajeelaadha. Haa ta'u garuu dildila ittiin cubbuun nu ajjeesedha.
.
Kun bakka lamatti qoodama.
1, Seera Haqame. Kan haqame jiraa? Eeyyeen Ani seera diiguufan dhufe Kan jedhameef kana.
2, Seera Gabatee lapheerratti barreeffame.
Seerichi gabatee dhagaarraa, gara gabatee laphee keenyaatti dabarfame. Iddoodhaa butame jechuu fi Nii haqame jecha jedhu Gidduu Garaa garummaa hedduutu jira.
Ermi31:31 irratti akka nuuf ibsutti seericha Kan Taabota keessa kaa'amu Kan gabatoota Dhagaa lamaanirratti barreeffame dhagicharraa kaasee gabatee laphee keenyaartatti akka caafu ifa godhee lafa kaa'a. Ibiroota9, 10, 11 Boqonnaawwan kana sadan yoo dubbifne akka gaariitti hubachuu Nii dandeenya. Seera keessaa fayyina eeggachuun Ayyaana Waaqayyoo akkasumaan gochuudha. Namni seera eegee fayyuu waan dadhabeef kiristoos fannifame. Egaa fannifamuu gooftaa keenyaa Gatii maaliif dhoowwinaree? 2Qor3:6-10 Rom7:5-6, Rom3:3-4, Rom4:1-8 dubbisi hubachuudhaaf. Gooftaan seera jala akkati jiraattu hin barbaadu. Galaatiyaa5:1... Maal jala malee? Ayyaana jala malee.
.
Ayyaanni Waaqayyoo akka seerichaa miti. Seerichi du'a hin farada ayyaanni Waaqayyoo garuu jireenyaaf nama qopheessa. Rom5:15-21, 1Yoh3:4-6, Rom3:23, 2Qor5:21. Ayyaanni Waaqayyoo birmadummaatti akka jiraannu godha. Isas yaalii mataa keenyaan waan arganne Nutti hin fakkaatiin tola Waaqayyoo fi Jaalala isaa Isa gadi fagoon Kan nuuf kennamedha. Ayyaanni tola Jechuun riskiidha jechuu miti. Gatii Isa madaalutu waan hin jirreef tola ta'e jechuudha.
? Yuudaa3...5 ...Ayyaana Waaqayyo keenyaa argachuun gadhiisiitti jiraachuudha jedhanii warri yaadan nu gidduu lo'anii galaniiri... Jedha. Egaan walumaa galatti Ayyaana Waaqayyootiif Abboo mamuun qajeelaa nama godha. Warreen Ayyaana Ayyaana jechaa sobaa, hataa, Ejjaa jirtu Gatiike Eeggadhu gooftaan Si fudhee dhufa. Seerichi gaaddidduu waanta dhufuu jiruuti jedhamee barreeffameera. Lafa qaamni jirutti gaaddidduu maal goona. Ayyanichatu nu booji'ee nu keessa jiraata. Isa nuyi taanuuf yaallee dadhabne akka taanu Isa godhudha. fufa... godhaa.