Gadaa Broadcasting Service

Gadaa Broadcasting Service Odeeffannoo qulqulluu fi haqa qabeessa argachuuf filannoon keessan GBS ha tahu

Pireezidantiin Ameerikaa Donald Tiraamp karoora Israa'iil mootii Iraan Ayaatolah Alii ajjeesuuf qabdu kuffisuu himeWaxab...
16/06/2025

Pireezidantiin Ameerikaa Donald Tiraamp karoora Israa'iil mootii Iraan Ayaatolah Alii ajjeesuuf qabdu kuffisuu hime

Waxabajjii 16/2025, GBS;

Tiraampi karoora Israa'el dhiheenya kana Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolah Alii Kaameenii ajjeesuuf baafte humna sagalee sagaleedhaan kuffisuu qabaniin dhorkuu qondaaltonni Ameerikaa sadii himaniiti jiran.

Qondaalli tokko akka jedhutti, Israa'eloonni carraa Ayaatolah Kaameenii ajjeesuu kan argatan yoo tahu, Tiraamp ammoo kun ''yaada gaarii'' akka hin taane ministira muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuutti himuudhaan fashalsuu himan.

Mariin Netaaniyaahuu fi Tiraamp jidduutti taasifamaa ture kun erga Israa'el torbee dabre Iraanirratti haleellaa cimaa raawwatteen booda akka taheetu himama.
Lola Iraanii fi Israa'eel jiddutti deemaa ture kana jalqaba kan eegale Israa'iil yoo tahu , Israa'iil haleellaa guyyaa jalqabaa Iraan irratti taasisaniin saayintistoota Niwukilaraa dabalatee hoggantoota Iraan mataa biyyaa tahan jajjaboo galafachuun halkan tokkotti lubbuu namoota 100 galaafatte.
Haleellaa san kafalachuuf halkan 2'ffaatti misaa'eeloota jajjaboo Israa'eel irratti dhukkasuu tan jalqabde Iraan bu’uuraalee misoomaa Israa'iil keessaa hedduu barbadeessaniiti jiru. Haleellaa halkan 3'ffaatti raawwataniinis Magaalaa Tel Aviv dabalatee iddoo kuusaan bobaa Israa'iil itti argamu Ha'iif caccabsuun bu’uuraalee misoomaa hedduu barbadeessan.
Haleellaa Israa’eel fi Iraan kanaan olaantummaa Misaa'eeloota dhukkaasuu Iraan haa qabaattuu malee jaboo kan miidhamte Iraani.
Israa'eel haleellaa dabaree eeggattee raawwattuun hoggantoota Iraan ijoo galaafatte.
Eda galgala qofa Israa'iil haleellaa iraan irratti raawwateen hogganaan basaasaa humna waraanaa Iraan Leetenaal Jeneraal Mohaammad Kaazimiifi itti aanaa isaa meejar jeneraal Hassan Mohawwee
ajjeesuun himame.
Hanga ammaatti haleellaa Israa'iil Iraan irratti raawwattuun lubbuun namoota 220 olii ajjeefamuun ibsame.
Garuu haleellaa Iraan Israa'iil irratti raawwattuun qabeenyi hedduun haa barbada'uu malee hoggantoota ijoo biyyaa kan ajjeefte hin qabdu.
Haleellaan Iraan raawwachaa jirtu Addunyaa muddama keessa galcheeti jira.
Haleellaa biyyoota lameenii kana hordofee biyyoonni Akka Paaakistaanii fi Kooriyaa Kaabaa Iraan kan deeggaran tahuu ifaan ifatti dubbataniiti jiru.
Ameerikaan Israa'iil deeggarti .
Israa'eel biyyoota Miseensoota NATO hedduu of duubaa qabdi.
Biyyoonni Baha jiddu galeessa ammoo Chaayinaa dabalatee biyyoonni yaadaan Iraan deeggaru.
Haleellaan Israa’eel fi Iraan kun kan jalqabe eega Ministirri odeeffannoo Iraan Usmaa’iil Khaaxiib sanadoonni iccitii Israa'eel fi biyyoota dhihaa hedduun argadheera jedhee dubbateen booda yoo tahu, Israa'iil daguutti Iraan Waxxoobde.
Eda galgala ammoo Israa'eel yaada Ayaatolah ajjeesuu akka dhaabdu Tirasmpii dhoorkuu isaanii Miidiyaaleen addunyaa hedduun gabaasaniiti jiran.

Gadaa Broadcasting Service.

05/06/2025

Hordoftonni Amantii Islaamaa baga Ayyaana Iid Al-Adahaa kan Bara hijraa 1446 geessan!

Godina Harargee Dhiyaa Aanaa Mi'eeysootti jiraattonni Magaalaa Asaboot rakkina Bishaan dhugaatii hamaaf saaxilamuutu dha...
21/05/2025

Godina Harargee Dhiyaa Aanaa Mi'eeysootti jiraattonni Magaalaa Asaboot rakkina Bishaan dhugaatii hamaaf saaxilamuutu dhagayame

Caamsaa 21/2025, GBS;

Aanaalee Harargee dhiyaa irra jireeysi rakkinoota akka karaa daandii Konkolataatii fi rakkinoota bu'uuralee fayyaa dabalatee rakkinoota bishaan dhugaatii kan qaban yoo tahu, Aanaalee Gammoojjii Godina Harargee dhiyaa rakkoo bishaan dhugaatii isaan mudatuun rakkoo cimtuu keessa jiran keessaa Aanaan Mi'eeysoo tokko.

Yeroo tokko kuufamni bishaanii humna Soolariitiin Magaalaa Asabootii darbamaa ture.
Kuufamni bishaanii humna Soolariitiin Magaalaa Asabootii darbamaa ture kun addaan cituudhaan jiraattonni Magaalaa Asaboot Bishaan Roobaa kan Harootti kuufame dhugaa jiraachuufi bishaan Haroo kanaas Magaalaarraa Amna za'aatii 2 deemanii kan waraabbatan tahuutu himame.

Kana malees rakkoon bishaan dhugaatii Araddaalee Aanaa Mi'eeysoo hundatti kan wal fakkaattuuf sababa bishaan qulqulluu dhabaaf jiraattonni Aanaa Mi'eeysoo dhibee Akka Garaa kaasaatiifi Koleeraaf waytii gannaa saaxilamaa turuu himameeti jira.

Sa'aan loonii tokko dhala tokkoon jabbiiwwan 5 dhaluutu dhagayame Caamsaa 17/2025, GBS;Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraa...
17/05/2025

Sa'aan loonii tokko dhala tokkoon jabbiiwwan 5 dhaluutu dhagayame

Caamsaa 17/2025, GBS;

Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti Saani tokko yeroo tokkotti jabbiiwwan 5 dhaluutu dhagayame.
Saani kun kanaan duras yeroo tokkotti jabbiiwwan 3 dhaluu abbaan Sa'aa kanaa obbo Aadam Ahimad ibseeti jira.
Jabbiiwwan 5n dhalatan keessaa 2 du'uudhaan 3 hafuunis ibsameeti jira.

Gaaffilee gaa'ilaaf naaf dhiyaatan hunda isaa  ilaaleen jira. Shamarran hundinuu ni ilaalti. Hanga The Lunchbox taheetti...
17/05/2025

Gaaffilee gaa'ilaaf naaf dhiyaatan hunda isaa ilaaleen jira.
Shamarran hundinuu ni ilaalti.
Hanga The Lunchbox taheettis 'namoota gaarii hawwaniif' fi namoota naannoo koo bal'aa jiran irraa mirkaneessaa fi beekamtii sana hin arganne Shamarree biyya Hindii
Tarii namoonni filannoo baayyisan gaa'ila raawwachuuf hangam milkaa'oodha qorannoon jettu, gaa'iila raawwachuun dura filannoo dangaa maleessa tahe gaa'iila malee dargaggeessa ykn Shamarraan hambisuu danda'u jedhu.

  GaddaaYunivarsitii Wallootti Barataan maqaan isaa Dajanee Dabalaa Ja'aamu barataa waggaa 4f'ssoo du’ee reeffi isaa arg...
16/05/2025

Gaddaa

Yunivarsitii Wallootti Barataan maqaan isaa Dajanee Dabalaa Ja'aamu barataa waggaa 4f'ssoo du’ee reeffi isaa argamuutu dhagayame

Caamsaa 16/2025, GBS;

Barataa Yuunivarsitii Walloo muummee Fayyaa Naannoo (environmental health)'tti du’uun reeffi isaa argame.
Caamsaa 15-2025 magaalaa Daseen deemaa maallaqa naaf liqeessaa jedhee hiriyoota isaa gaafate, hiriyoonni isaas maallaqa akka hin qabne kan itti himan yoo tahu, san booda barataan kun halkanii guyyaa odoo gara doormitti hin deebi'iin ture.

Hiriyoonni isaa eessatti akka badees iyyafataa turuun,ganama kaleessaa jechuun caamsaa 15/2025 tti hiriyoonni Dajanee, Dajanee barbaacha odoo deemaa jiranii reeffa isaa Boolla Qilee keessa ciisu arguu himan.
Erga reeffi barataa kanaa argamee kaafame qorannaan akka taasifamu gaafataniis garuu qorannoo malee yeroo ammaa reeffa barataa kanaa Yunibarsitiin gara Finfinnee erguun dhagayame.

Artist Qamar Yusuuf albama isaa 7'ssaa fi kan xumuraa Waxabajjii 23 bara 2025 eebbisu ibseCaamsaa 15/2025, GBS;Waggoota ...
15/05/2025

Artist Qamar Yusuuf albama isaa 7'ssaa fi kan xumuraa Waxabajjii 23 bara 2025 eebbisu ibse

Caamsaa 15/2025, GBS;

Waggoota 50f hojii damee artii keessa kan jiru Artist Qamar Yusuuf albama isaa 7'ssoo fi kan xumuraa Waxabajjii 23 bara 2025 Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayititti akka eebbisu guyyaa arraa ibseeti jira.

Eebba albamichaa ilaalchisuun ibsa guyyaa arraa Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayitiitti kannerratti, artistoonni, dinqisiifattonniifi keessummoonni gara garaa argamaniiru.

Koreen qindeessituu eebba albamichaa akka ibsetti, Qamar imala muuziqaa waggoota 50 keessatti sirboota qeenxee 50fi albamota torba baaseeti jira.

Sirboota isaa waltajjiiwwan biyyoota addunyaa 48 irratti dhiheesseti jira.

Qamar jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2018 Fulbaana 23 ammoo konsartii Wallee Finfinnee, Galma Barkumeetti kan dhiyeesse yoo tahu, achi booda ammoo biyya keessaa magaalota akka Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Dirree Dhawaafi Hararitti akkasumas biyyoota Arabaa, Ameerikaa, Awustiraaliyaafi kaanitti kan dhiyeessu tahuunis ibsameeti jira.

  GaddaatiinHarargee Dhiyaa Aanaa Shanan Dhungootti balaa Konkolataa dhaqqabeen lubbuun namoota 11 dabreCaamsaa 13/2025,...
13/05/2025

Gaddaatiin

Harargee Dhiyaa Aanaa Shanan Dhungootti balaa Konkolataa dhaqqabeen lubbuun namoota 11 dabre

Caamsaa 13/2025, GBS;

Godina Harargee Dhiyaa Aanaa Shanan Dhungootti balaa Konkolataa mudateen lubbuun namoota 11 dabruufi namoota 28 irratti ammoo balaa cimaan mudachuu Poolisiin Aanaa Shanan Dhungoo beeksise.

Konkolaataan balaan kun irra dhaqqabe ISUZU lakkooysi gabatee SUM 3-05025 jedhamu magaalaa aanichaa Waldaayaa irraa seeraan ala meeshaa gubbaatti nama 42 fe’ee osoo gara aanaa Masalaa imalaa ture ta'uu ibsameera.

Konkolaataan kun ganda Abbaa Amaan jedhamutti eda halkan keessaa sa'aatii 2:30’ttii daandirraa maquun hallayyaa meetiraa 50 hanga 70 gadi fageenya qabu bu’uun lubbuun namoota 11 battalumatti yoo darbu, namoota 28 irratti ammoo balaa cimaan mudachuu Waajjira Poolisii Aanichatti Itti Gaafatamaan Qorannaa Yakkaa Inispeektara Itti Aanaa Rabbirraa Ayyaalaa himaniiru.

Namoota balaan cimaan mudatees Hospitaala Sadarkaa Jalqabaa Hirnaa fi Hospitaala Waliigalaa Cirootti yaalamaa jiraachuu Inispeektarri Itti Aanaan Rabbirraan himaniiru. Sababni balaa kanaas of eeggannoo dhabuufi humnaa ol fe'uu akka tahe himaniiti jiru.
AS

Pireezidantii Ameerikaa Donland Tiraampiin dawwannaa guyyaa Afuriitiif Sa'ud Arabiyaa jira. Dawwaannaa Su'uud Arabiyaatt...
13/05/2025

Pireezidantii Ameerikaa Donland Tiraampiin dawwannaa guyyaa Afuriitiif Sa'ud Arabiyaa jira.
Dawwaannaa Su'uud Arabiyaatti taasisu tanaan Mootii biyya Sa'udii Muhammad Bunt Saalmaan wajjiin haala invastimantii irratti marii gama lameenii taasisaniiti jiru.

12/05/2025

Gootichi ardii Afrikaa haasawa Ibraahim Tira'ooree taasise keessaa kan fudhatame.

Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un pireezidantii Burqinaa Faasootiif Humna waraanaa kumaandoo ramaduuf murteess...
12/05/2025

Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un pireezidantii Burqinaa Faasootiif Humna waraanaa kumaandoo ramaduuf murteesse

Caamsaa 12/ 2025, GBS;

Gooticha Gurraachootaa dhiheenya oftultoota Lixaa kokkee qabe pireezidantii Burqinaa Faasoo Ibraahim Tira'ooreetiif pireezidantii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun humna waraanaa kumaandoo addaa 700( Dhibba torba) ramadee erguufii murteessuu beeksise.

Kimi Joong Uun odoo nuti jirruu biyyoonni Lixaa kan biyyoota adda addaa weeraruu baran hin tuqan jechuudhaan deeggarsa meeshaalee Waraanaatiis kan deeggaru tahuu dubbate.

Address

Finfinnee
Finfinnee
ADAMA

Telephone

+251902512720

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Broadcasting Service posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category