29/10/2025
Akkataan qooda gabaa oomishaalee boba’aa magaalalee gurguddoo ifoome
Lami Media,(Onkoloolessa 29/2025), ramaddiin gabaa boba’aa kun haala sochii dinagdee magaalootaa, baayyina ummataafi wantoota kanaan wal qabatan irratti hundaa’uun
ramaddii 5'nitti hoggaa qoodu,Magaalalee murteessoo tahan ramaddii gurgurtaa boba'aa jalatti argaman ifoomseeti jira.
Ramaddii gurgurtaa boba’aa kanaan ramaddii 1'ffaan Magaalaa Finfinnee Naanna isii jiran Galaan, Lagaxaafoo, Sulultaa, Buraayyuu fi Sabbataan kan hammatan yoo tahu,
Magaalonni gurguddoon naannoolee Baahir Daar, Dirree Dhawaa, Hawaasaa, Maqalee, Gondar, Adaamaa, Samaraa,
2'ffaan Bishooftuu, Jimmaa, Shaashamannee, Dasee, Moojoo, Kombolchaa, Harar, Wolayitaa Sooddoo, Dawwaalle, Awaash Torba fi Gaambeellaa.
gosa ramaddii 3'ssaa Dabra Birhaan, Arbaa Minch, Hosanna, Sardoo, Baalee Roobee, Naqamtee, Miizaan Amaan, Asallaa, Wallisoo, Asoosaa, Maayilii, Woldiya, Amboo, Debre Maarqos, Dabra Taabor, Buttaajiraa, Galaafi, Walqixxee, Matahaaraa, Waraabbee, Boongaa, Warattaa fi Enjibaraa gosoota ramaddii 4'ffaa Magaalonni ramaddii 4"ffaa keessaa jiran magaalalee Godinaalee faa yoo tahan, kanneen ammoo maqaan isaanii hin yaamamiin magaalalee buufataalee Gaazaa qaban tahuun ibsame.
Sirni haarayni ramaddii buufataalee boba’aa bahe kun dhaabbileef odoon taane irra caalaatti hawaasaaf boba’aa haqa qabeessa ta’e uumuun qormaata damee boba’aa keessatti mul’atu ni fura jedhamee kan yaadame tahuunis ibsameeti jira.