Oduu 24

Oduu 24 24 hours News

US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde. Ameerikaan viizaa namoota Gaazaa irraa garas imalanii...
19/08/2025

US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde.

Ameerikaan viizaa namoota Gaazaa irraa garas imalaniif kennaa turte kennuu dhaabuu ibsite.

Jaarmiyaan dhimmi kun ilaallatu viizaa kennuun yeroof kan dhaabateef ''adeemsa jiru sirriitti qorachuuf akka ta'ee fi qajeeltoo yeroo ammaa tajaajila fayyaa xixiqqoo kennuuf jecha viizaan kennamu hubachuuf akka ta'e,'' X irratti ibse.

Murtee Ameerikaa kana gareen mirga namoomaa Filisxeemiif falman balaaleffataniiru.

Jaarmiyaan qarqaarsa daa'immanii Filisxeem- Palestine Children's Relief Fund jedhamu tarkaanfiin kun ''daa'imman Gaazaatti miidhaman gara US geessuun tajaajila fayyaa argatanii lubbuunsaanii akka baraaramu gochuu irratti miidhaa guddaa qaba,'' jedhe.

Ameerikaan dhimma viizaa jiraattota Gaazaa irratti jijjiirama imaammataa kan ibsite erga rogeettiin warra sirna duriitti cichanii (far right) dhimma viizaa kana irratti qeeqa jajjabaa irra deddeebiin X irratti barreessiteeti.

Viizaa namoota Gaazaa irraa imalaniif kennamu yeroof dhaabuutti Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo galateeffatte.

Jaarmiyaan qarqaarsa daa'immanii -Palestinian Children's Relief Fund sagantaa tajaajila fayyaa biyya alaan bara 2024 keessa daa'imman 169 Gaazaa keessaa baasuu ibse.

Daa'immaan tajaajila fayyaa barbaadan kunneen gara Baha Jiddugaleessaa, Awurooppaa, Afrikaa Kibbaa fi Ameerikaatti geessuu ibse jaarmiyaan kun.

Jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa dhiheessan erga Israa'el ji'a Bitootessaa keessa gargaarsa gara Gaazaa seenutti daandii cuftee nyaata ga'aa jiraattotaaf dhiheessuun hin danda'amne jedhu.

Tarkaanfiin Israa'el kun jaarmiyaaleen miti-mootummaa jiraattota Gaazaa beelaan dhumaa jiraniif dhaqqabuun akka hin baraarre taasise jedhan.

Mootummaan Israa'el ammoo gargaarsa namoomaatti karaa kan cufeef akka Hamaas nyaata hin fudhanneef jedhe.

Garuu nyaata dhabuun du'aa kan jiran daa'imman Gaazaati.

Jaarmiyaaleen gargaarsaa deeggarsa UN qaban hedduun, gareen mirga dhala namaaf falman fi gaazexeessitoonni Gaazaa keessatti beelaan uummanni dhumaa jira jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.

Xummura Adoolessa darbee kanatti miidiyaaleen idiladdunyaa kanneen akka AFP, AP fi Rooyitars Gaazaa keessatti gaazexeessitoonni beelaan dhumaa jiraachuu ilaachisuun wayita ibsan BBCn itti dabalamee ture.

''Ji'oota hedduuf gaazexeessitoonni waa hundarraa bilisa ta'an kunneen waan qabatamaan Gaazaa keessa jiru ijaa fi gurra addunyaan ga'aa turan.

Amma isaanis akkuma namoota waa'eesaanii gabaasaa turaniitti dararaa argaa jiru,'' jedhan miidiyaaleen kunneen.

Adoolessa darbe keessa Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp ''beelli inni sirriin Gaazaa keessa jira,'' jedhanii turan.

Haata'u malee ammas qondaala ijoollee Gaazaa beelessuun himataman Beenjaamiin Neetaaniyaahuu faana hiriiranii jiru.

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesseMootummaan Fulbaa...
18/08/2025

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesse

Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesseera.

Koomishiniin Siiviil Sarvisii Federaalaa ibsa baaseen, mootummaan haala jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii dandeettiin biyyaa eeyyamu fudhachaa jiraachuu ibseera.

Haaluma Kanaan mootummaan hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteessuu beeksiseera.

Fooyya’iinsa Kanaan miindaan hojjetoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 4 fi 760 irraa gara Birrii kuma 6’tti akka guddatu ibsameera.

Miindaan hojjettoota mootummaa inni olaanaan ammoo Birrii kuma 21 fi 492 irraa gara Birrii kuma 39’tti kan guddatu ta’uun eerameera.

Miindaan ka’umsa eebbifamtoota digirii jalqabaa Birrii kuma 6 fi 940 irraa gara Birrii kuma 11 fi 500’tti fooyya’a jedhameera.

Miindaan hojjettoota mootummaa siiviil sarvisiin ala dameewwan garaagaraa keessatti bobba’anis kan fooyya’u ta’uu komishinichi beeksiseera.

Fooyya’iinsi daballii miindaa kun baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol gaafachuu kan ibse komishinichi, baasii mootummaa waliigala waggaatti miindaaf bahu Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 60’n gahuu hubachiiseera.

Oduu 24

Kabajamtoota ummata Oromoo kan biyya USA jiraattanii fi hirmaattota OSFNA hundumaaf. Dokumantariin keenna Ateetee: Ayyaa...
28/07/2025

Kabajamtoota ummata Oromoo kan biyya USA jiraattanii fi hirmaattota OSFNA hundumaaf. Dokumantariin keenna Ateetee: Ayyaana Haawwotaa magaalaa Siyaatil USA tti Roobii, Adoolessa 23, 2017 agarsiisaaf ni dhiyaata.

Hundi keessan irratti argamtanii akka daawwattan kabajaan guddaan isin Affeerra.

Honorable Oromo community members living in the USA and all OSFNA participants, Our documentary film “Ateetee: Ayyaana Haawwotaa” will be screened in Seattle, USA on Wednesday, July 30, 2025.

You are all warmly and respectfully invited to attend and watch the screening.

📍 Address: Embassy Suites by Hilton Seattle Tacoma International Airport
15920 West Valley Highway, Seattle, WA 98188

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Karoora Bara Baajataa 2018 Beeksise.Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa karoora mootummaa Naann...
25/07/2025

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Karoora Bara Baajataa 2018 Beeksise.

Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa karoora mootummaa Naannoo bara baajataa 2018 beeksise.

Biirichi karoora mootummaa naannichaa bara 2018 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibss mootummaa kan kennan Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa mootummaan naannichaa qonna arfaasaa bara 2017/2018'n lafa heek.mill 1.7 uwwisuuf kan karoorfate yoo tahu kanarraas callaan mil.41 kan eegamu tahuu ibsaniiru.

Qonna gannaa 2017/2018'n ammoo lafa heek.miil.11.8 uwwisuuf karoorfameera. Kanarraas callaan kuntaala miil.368 kan abdatamu tahuu ibsanii, qamadii boneen lafa heek.miil.4 irraa callaan kuntaala miil.163 ol kan eegamu tahuu miidiyaatti himaniiru.

Obbo Hayiluun piroojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu 2826 ijaaramaa jiran keessaa bara baajata 2018 keessa pirooktoota 2602 xumursiisuun nama miil.1.6 fayyadamaa gochuuf kan hojjetamu tahuu eeran.

Bara baajatichaatti hojii dhabdootaaf miil.2.7'f carraan hojii uumamuuf karoorfamuu kaasanii, milkaa'ina kanaafis haal-dureewwan barbaachisan qophaa'uu ibsaniiru.
Leenjiin dhaweessummaa (entrepreneurship) namoota miil.4.2f kan kennamu tahuu ibsaniiru.

Sochii investimantiirratti ammoo dureeyyii 10,500 kan kaappitaala birrii biil.200 galmeessisaniif kan simataman tahuus obbo Hayiluun ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa keessattuu gama nagaafi nageenya tiksuun xiyyeeffannoo addaa kennuun kan hojjetu tahuu kaasaniiru.

Mootummaan naannichaa egeree ummataa ijaaruuf yaadamuun manneen barnootaa bu'uura boruu 2,853, M/barnoota sad.1ffaa 170, sad.2ffaa 22 fi manneen jireenyaa barsiisootaa kuma 30 ol humna waloofi baajata mootummaan kan ijaaraman tahuun eerameera.

Hirmaannaa barattoota naannichaas gara mii.13 olitti butuufis kan hojjetamu tahu dubbatan.

Dhaqqabummaa fayyaa fooyyeessuufis manneen qorichaa moodeelaa hawaasaa 127 ijaaruufis kan hojjetamu taha jedhame

Oduu 24

24/07/2025

Hanga addoolessa 24 bara 2017 keessatti Roobni giddugalleessaa fi Roobni cimaan ni rooba jedhame.

Magaalaa Finfinnee,Dirree Dhawaa, Naannoo Hararii fi bakkeewwan biroo keessatti hanga Adoolessa 24 bara 2017 keessatti Roobni giddugalleessaa fi Roobni cimaan ni rooba jechuun Inistiyuutiin Raaga qilleensa Itiyoophiyaa beeksissee jira.

Finfinnee dabalatee iddowwan biraa keessatti Robni gidduu galleessaa hanga rooba cimaa( Mili meetira 11 hanga mili meetira 30) akka ta'u danda'uus ibsame jira.

Guyyaa kalleessa Roobni cimaan magaalaa Finfinnee keessatti kan roobe yoo ta'u lubbuu namaa irrati balaa hin dhaqabsiisne, haa ta'u male loollaan yeroo konkolaataa uwwisuu suuraan miidiyaa hawaassaa irra naana'aa ture jira.

"Kana Booda Beenyaa Namoota Dhuunfaaf hin Kaffallu" Pireezidaant Shimallis AbdiisaaShimallis Abdiisaa Mootummaan naannic...
23/07/2025

"Kana Booda Beenyaa Namoota Dhuunfaaf hin Kaffallu" Pireezidaant Shimallis Abdiisaa

Shimallis Abdiisaa Mootummaan naannichaa kana booda pirojektoota naannicha keessatti raawwatu kamiifuu beenyaa namoota dhuunfaaf akka hin kaffalle, yaa’ii caafee tibbana taa’een beeksiseera.

Pireezidaant Shiimallis gaaffii miseensonni Caffee Oromiyaa pirojektootni misoomaa naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiran harkifachuun walqabatee kaasani ilaachisuun yoo deebii kennan, ‘pirojektoota, maallaqa gibiraa fayyadamuun beenyaa olaanaa kaffaluun fedhii misooma ummataa guutuu hin dandeenyu’ jedhan.

Yaa’ii kana irratti pireezidaatichi akka dubbatanitti Ummanni keenyas kan hubachuu qabu hospitaala gaafachaa beenyas gaafachuun sirri miti jechuun “kana dura beenyaa kaffalee hin beeknu, amma boodaas hin kaffallu” beenyaan nuti kaffalluu piroojektii nuti hojjennu caalaa baasii olaanaa nuu gaafaata kunis pirojektiwwan misooma yeroodhaan akka hin xumuramneef gufuu ta’u jedhan.

Fedhiin misoomaa kan guutamuu danda’u pirojektoonni beenyaa irraa bilisa ta’anii yoo hojiirra oolan qofa jechuun cimsanii dubbataniiru.

Akka fakkeenyaattis, bu’uuraalee misooma akka dirree xiyyaaraa, misooma jallisii, hospitaalaa fi kaan gaafataa, yeroo misoomawwan ijaaramuuf jalqabaman beenyaa gaafachuun wal dhahaa jechuunis dubbatanii, kana miseensonni caffees, hawaasnis ilaaluu qaba jedhan.

Gama biraatiin ‘beenyaa ilaalchisuun manneetii murtee kan haammate saamicha qindaa’aatu gaggeeffamaa jira’ kan jedhan Prazadanti Shiimallis ‘mootummaan tarkaanfii hadhaawaa fudhachuuf durqamas’ jedhan.

Pireezidaantichi kana kan dubbate yoo ta'u, mootummaan piroojektoota misoomaaf beenyaa akka kaffalu seeraan dirqama ta'a.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad galma waloo nageenyaafi gu...
23/07/2025

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad galma waloo nageenyaafi guddina dinagdee Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun bilbilaan mariyachuu dubbi-himtuu Taamii Biruus waabeffachuun ministirri dhimma alaa US ibse.

Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon MM Abiy Ahimad waliin haasa'uun kun yeroo muddamni naannoo Tigraay keessatti dhaga'amaa jiruufi Ertiraafi Itoophiyaan ammoo wal himmachaa jiranittiidha.

Ministtirri dhimma Alaa US marii isaanii MM Abiy waliin taasian kanaan barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannichaa hubachiisaniiru.

Akka ibsa ministeera dhimma alaa kanatti, Ruubiyoon haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan taasifte kan diqisiifatan yoo ta'u, daldalaa fi invastimantii US babal'isuuf carraa guddaa qaban kaasanii dubbataniiru.

Mariin dippilomaatiin olaanaa Ameerikaa MM Itoophiyaa waliin taasisan yeroo pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa ilaalchisuun dubbii falmisiisaaa ijoo dubbii ta'e kaasaa jiranittidhas.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp, ''Itoophiyaan irra caalaa Hidha Haarumsaa Guddicha maallaqa Ameerikaan ijaarte,'' jechuun yeroo sadaffaaf irra deebiin dubbataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan kana ''doggoraa'' jechuun ibsa baaseera.

Ibsa guyyaa har'aa magaalaa Finfinneetti kennameen "Hidhi Haaromsaa gama faayinaansiin dhibbeentaa 100 humna ofiitiin ijaarame" jedhaniiru aangawoonni.

"Tiraampis jedhan kaanis jedhan dhugaan jiru pirojektiin kun ummatafii mootummaa Itoophiyaan ijaarame" jedheera Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa.

Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 120 guuteefi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin ala cimee kan itti fufe ture.

Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.
Ta'us, waraanni Tigraayitti adeemaa ture hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoree ture.

Sarbamni mirga namoomaa jabaan raawwatuufi waraanichi mariin akka furmaata argatu gaafachuun Ameerikaan irra-deddeebiin yaaddoo himataa turte.

Gama kaaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa gidduu seentummaan himachaa, birmadummaa ishee kan dhiiban tau ibsaa turte.

Waraanichi yeroo hammaatetti Pirezidantiin Ameerikaa yeroo sanaa [Joo Baayidan] Itoophiyaa adabuufi tarkaanfii fudhachuuf Fulbaana 2021 ajaja dabarsaniI ture.

US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.

Daldala qaraxarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu gochuun lammiileen 200,000 ol taaniifi keessumaa paarkiilee indastirii keessa dalagan hojii akka dhaban taeera.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga haala yeroo Itoophiyaa fi tumsa Ameerikaan bara haaraa 2025 kanatti taasiftu ilaalchisuun jalqaba waggaarratti ibsa kennanii ture.

Ibsichaan Ameerikaa fi Itoophiyaan hariroo waggoota 120 lakkoofsise kan qaban ta'uu eerun, ammas walitti bu'iinsa keessoo lubbuu fi jireenya lammilee gaaga'aa jiru furuu keessatti tumsi Ameerikaa daran kan cimu ta'uu himan.

"Itoophiyaa walitti bu'iinsa balaafamaa lubbuu fi jireenya ummata ishee gaaga'u keessaa akka baatuuf deeggarsa itti fufti" jedhan Ambaasadarichi.

Gareewwan hidhatanii naannoowwan Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho'an mootummaa waliin mari'achuuf qophii ta'an deeggaruufis qophiidha jedhan.

Kana duras karaa adda addan sagantaa adeemsa Komishinii hidhannoo hiikkachiisuufi haaromsuu (DDR) akkasumas naannolee walitti bu'iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruuf oolu maallaqa doolaara miiliyoona 16.4 deeggarsa taasisu yaadachiisan.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''dog...
23/07/2025

Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''doggoraa'' jedhe.

Hidhi Abbayyaa waggoota 14 booda xumuramuun Fulbaana dhufu eebbifamuuf jedhu Masriifi Sudaan biratti yeroo dheeraaf mufii uumeera.

Booda kana garuu Pirezidantiin USA, Donaald Tiraamp, as bahuun dhimma maallaqaa dubbataa turan lammiileen gaaffii itti ta'ee ture.

Ibsa guyyaa har'aa magaalaa Finfinneetti kennameen "Hidhi Haaromsaa gama faayinaansiin dhibbeentaa 100 humna ofiitiin ijaarame" jedhaniiru aangawoonni.

"Tiraampis jedhan kaanis jedhan dhugaan jiru pirojektiin kun ummatafii mootummaa Itoophiyaan ijaarame" jedheera Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa.

"Akka qaama hirmaannaa ummataa qindeessutti ummata keenyatti kan himnu (Hidhi Haaromsaa) pirojektii dafqifii dhiigni ummata keenyaa irratti dhangala'ee ijaaramedha," jedhaniiru.

Haasaan Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp biyyisaanii ijaarsa Hidha Haaromsaaf Gargaarsa maallaqaa taasisteerti jechuun dubbatan dogongora ta'uu Itoophiyaan himte.

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa liqaas ta'e gargaarsas alaa tokkoyyuu malee guutummaatti humna mootummaafii ummata Itoophiyaan ijaaramuu Itoophiyaan himteerti.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doknaald Tiraamp tibbana irra deddeebiin yeroo sadi, Ameerikaan Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsa maallaqaa gochuushee dubbataniiru.

Haa ta'u malee sadarkaa hidhichi yeroo ammaa irratti argamufii hirmaannaa hawaasaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan laate Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, deeggarsi maallaqaa biyyi biraa Ijaarsa hidhichaaf laate kan hinjirre ta'uu himeera.

Ibsicha miidiyaaleef kan dhiyeessan Hoji Gaggeessituu Itti Aantuun Waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taamir, "Piroojeektichi gama faayinaansiin mootummaa fi ummataan dhibbeentaa 100 humna ofiitiin, jechuunis gargaarsas ta'e liqaa biyya alaa malee ijaarame" jedhan.

Dabaluunis qaamni hidhichaaf gargaarsa maallaqaa taasiseera jedhu yoo jiraate "Oduudhaan osoo hintaanee qaamni ragaan qaba jedhu yaa dhiyeessu" jedhan.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Waajjirra Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, Dr. Aragaawii Barihee gama isaaniitiin, haasaan Tiraamp Hidha Haaromsaa ilaalchisee taasisan dogongoraa ta'uu himaniiru.

"Dhugaan jiru ijaarsi hidhichaa kutannoo mootummaafii hirmaannaa ummataa cimaan as gahe" jedhan.

Dhumarrattis ijaarsi hidhichaa xummuramuusaa kan himame yemmuu ta'u, roobni yemmuu caamutti ji'a Fulbaanaa keessa akka eebbifamus himameera.

Godina Boorana Bahaa aanaa Dhaasitti dhuma torbee darbe keessa halellaa hidhattoonni daangaa naannoo Somaalee fi Oromiya...
23/07/2025

Godina Boorana Bahaa aanaa Dhaasitti dhuma torbee darbe keessa halellaa hidhattoonni daangaa naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti bananiin lubbuun namoota ja'aa darbuu qondaalli nageenyaa Aanaa Dhaas BBC'tti himan.

Itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Aanaa Dhaas Aab Guyyoo Dooyyoo BBC'tti akka himanitti, haleellaa kanaan namoota ajjeefaman keessaa afur ijoolleedha.

Akkaataa rakkoon kun itti jalqabes akkas jechuun BBCtti himan aanga'aan naannichaa kun.
"Aanaa Waacileetti babal'ifannaa daangaatiin walqabatee rakkootu ture. Warri naannoo Somaalee irraa dhufan daangaa bal'ifachuuf jecha ganda Boojjii jedhamutti qubsuma seeraan alaa ijaaran" jedhu Aab Guyyoon.

Qubsuma seeraan alaa kana hordofuun qaamolee naannoo Somaalee fi Oromiyaa irraa ta'an gidduutti walitti dhukaasni banamuus himu.

Rakkoon aanaa Waacileetti jalqabe kun bal'achuun gara Aanaa Dhaasitti dhufuun Gaafa ALI Adoolessa10, bara 2017 Ganda Raaroo jedhamutti mucaan ganna 12 ta'e hidhattoota naannoo Somaaleetiin ajjeefame jechuun taateen lubbuu namoota jahaa galaafate kun haala itti eegale himan.

"Mucaa dhiiraa kan bakka loon tiksutti ajjeesan. Isaan booda ammoo gaafa Adoolessa 12 bara 2017 ijoollee durbaa sadii kan loon tiksan haala sukaneessaan ajjeefaman" jedhu.

Keessumaa ajjeechaan ijoollee dubartoota sadanii albeedhaan kan raawwatamee fi ajjeechaa sukaneessaa dhala namaarratti hin raawwatamne jechuun ibsaniiru.

Ijoollee afran kanaan alatti dargaggeessi tokkoo fi namni ga'eessi tokkos ajjeefamuu fi maqaa namoota ajjeefaman jedhan kunneeniis BBC'tti himan.

Ajjeechaa kana hordofee jiraattonni daangaa naannoo Somaaleerra ganda Raaroo keessa jiran hedduun qe'ee gadhiisanii godaanus dubbataniiru.

Maddi:- BBC

Xiyyaara Suuppar Soonikii NASAn hojjete kan saffisa sagaleedhaa olii qabduGiddgugalli Qorannoo Hawaa Ameerikaa NASAn, Xi...
23/07/2025

Xiyyaara Suuppar Soonikii NASAn hojjete kan saffisa sagaleedhaa olii qabdu

Giddgugalli Qorannoo Hawaa Ameerikaa NASAn, Xiyyaara Suuppar Soonikii sagaleedhaa ol dachaa 1.4 saffisa qabdu ‘X-59’ jedhamutu hojjechuun ifoomseera.

Xiyyaarri haaraan NASA kun sa'aatii afur keessatti Landanii kaatee Niiw Yoork gahuu dandeessi jedhameera.

Xiyyaarri kun dheerina meetira 30 fi bal'inni dalgaa meetira 9 kan qabdu yoo ta’u, yeroo balaliitu ammoo sagalee guddaadhaan akka nama hinjeeqneef teeknooloojiin itti tolfamuudha kan eerame.

Xiyyaarri Suuppar Soonikii kun balalii daldalaatiif oolu akka dandeessus NASAn beeksisuu isaa, ‘The Independent’ gabaaseera.

Bidiruun Xaanaanash-2 bakka gahumsa ishee gahuuf kiiloo meetira 335 qofatu ishee hafe qaba.Bidiruun Xaanaanash-2 imala u...
22/07/2025

Bidiruun Xaanaanash-2 bakka gahumsa ishee gahuuf kiiloo meetira 335 qofatu ishee hafe qaba.

Bidiruun Xaanaanash-2 imala ulfaataa gammoojjii Abbaay keessa darbuun godina Goojjama Bahaa, Dajan geesse.

Xaanaanash-2 yeroo Dajan geessu hoggantoota naannoo Amaaraa fi bulchiinsa magaalattii akkasumas jiraattota naannoo suniitiin simatamteetti.

Bidiruun Xaanaanash -2 kun Haroo Taanaa ga'uuf kiiloo meetira 335 qaba.

Bidiruun kun ulfaatina meetiriik toonii 150 kan qabduu fi dheerinni ishee ammoo gara meetira 38 yoo ta’u, namoota 188 ol fe'uu dandeessi.

Yuukireenii fi Raashiyaan marii nageenyaa haaraa jalqabuuf walbeellaman - Vololdmiir ZeleniskiiRaashiyaa fi Yuukireen Ro...
22/07/2025

Yuukireenii fi Raashiyaan marii nageenyaa haaraa jalqabuuf walbeellaman - Vololdmiir Zeleniskii

Raashiyaa fi Yuukireen Roobii dhufu kana Turkiyyee, Istaanbulitti marii nageenyaa akka haaraatti eegaluuf wal beellamuu isaanii Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskii beeksisan.

“Har’a hogganaa Mana Marii Nageenyaa Yuukireen (Rustaam Umeeroov) waliin qophii hidhamtoota wal jijjiiruu fi dhimma Roobii kana Raashiyaa waliin Turkiyyeetti mari’atamu irratti mari’adheera” jechuun Zeleniskiin Wiixata kaleessaa dubbataniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaa fi Yuukireen guyyoota 50 keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuurra yoo gahuu baatan, Raashiyaarra qoqqobbii cimaan akka kaawwamu akeekkachiisanii turuun ni yaadatama.
Zeleniskiinis erga Tiraamp dhaadatanii guyyoota muraasa booda dhuma torbee darbe kanaatti mariin haaraan akka mari’atamu gaaffatanii turan.

Raashiyaan Yuukireen irratti haleellaa cimsitee itti fufuu hordofee Ameerikaan humna Ittisaa Yuukireeniif meeshaa waraanaa haaraa akka kennitu waadaa galteetti.

Address

Finfinnee
Finfinnee

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oduu 24 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oduu 24:

Share