09/12/2022
:
Haleellaa Xayyaaraa Godinaalee Shawaa Afran Irratti Bor Irraa Kaasee Haleellaa Obbooroo ( Barii) Sa'a 11:00 -1:00 Ganamaatti, Guyyaa Sa'a 6 -7 Galgala Sa'a 11- 2:00 Halkanitti Haleellaa Daguu ( Unintentional Attack) Haleellaa Tasaa Godhuuf Jiru.
Ganama Irraa Qabuun Kaartaa Samiirraa Xayyaaronni Hedduun Samii Irraan Bakkoota Hedduu Kaasaa Oolan.
1. Shawaa Lixaa ( Waddeessaa, Ilfataa, Booni Jalduu, Midaaqanyii, Nyamar Fi Ada'aa Bargaa Meettaa Walqixxee Qaxqaxoo Bakkeewwan Lafa Ol Ka'oo, Lafa Gammoojjii Diriiraa Irratti Raawwatuuf Jiru) Magaalota Xixiqqoo Baadiyyaa Jiran Irrattis Haleellaa Banuuf Jiru.
2. Shawaa Bahaa ( Boosat, Fantaallee, Gammoojjii Daangaa Affaari Fi Oromiyaa, )
3. Shawaa Kaabaa ( Kuuyyuu, Dagam, Birriitti, Magaalota Xixiqqoo Baadiyyaa Jiran Maratti)
4. Shawaa Kibba Lixaa ( Ammayyaa, Dallee Daak, Culullee Fi Naannawaa Ishee Magaalota Xixiqqoo Baadiyyaa Jiran)
Maal Godhuu Qabna
1. Uummanni Manneen Amantii, Manneen Barnootaa Fi Gabaa Irraa Fagaachuu
2. Bakkoota TV Fi Raadiyoo Jiran Signal Waan Dadhabuuf Hatattamaan Samiirraa Faan Furga'u Ilaaluun Kallattii Addaa Addaati Fiiguu
3. Waantota Calaqqisan Huccuu Adii Waantota Ifa Balaqqeessisan Irraa Fagaatuu
4. Lafarra Ciisuu Dhiisuu
5. Bakka Tokkotti Walitti Qabamuu Dhiisuu
6. Fageenya Meetira 30-50 Walirraa Fagaatuun Naannoo Ofii To'atuu
7. Mana Keessatti Aara Aarsuu Dhiisuu,
Waantota Kana Akka Tooftaatti Fayyadamuun Hanga Tokko Lubbuu Lammilee Nagaa Baraaruuf Dhimma Itti Haa Fayyadamnu.
Share waliif godha
..