18/07/2026
Jazakallahu keyran Urji Sheikh Adnan page 💛🫰
Irra deebiin Kan maxxanfameedha. Obsaan dubbisi.
❤️ Jimaan Akkamiin miidhaa jira? Akkamiin Badii keeysa Facaasaa jira?🤔🌿
🏞️
Barreeffamni kun tarii jalqaba miira kee si tuquu mala 💔😢 waan taheef, obsaan dubbisaa 📖🤲 sana booda comment kennadhaa 💬🙏❤️ Dubbisaa gaarii
Maxxansa kana erga dubbiftanii booda 📖✨, Share godhuun 🔁📲 Ulamaa'ii 🕌, Beeytotaa 🎓 fi hayyoota Harargee fi Jimmaa biraan naaf gahaa 🤝❤️
Maxxamsi kiyya kan yeroo dabre Gabbara Arsiitii 💍 fi miidhaa isaa irratti barreeyse 📝 namoota hedduun irraa gammadaniis 😊🌸, Namoonni tokko tokko natti mufatanii jiran 😠💭
Gariin Akkaan waan Ani jibba Arsii qabuutti fudhatan faadha 🚫😔. dubbiin garuu Akkas osoo hin taane ❗ Arsiin dhiiga kiyya 🩸❤️ amantaa tokko waliin qabna 🕌🤲, hiddaaniis tokko waan taheef 🤝🌿, wanta Rakkoodhaa 😢, furmaata barbaada jedhe yaadu 🤲💡, irraa barreesse 📝✨.
Akkasuma guyyaa sana duraa waa'ee Jimaa/Caatii irratti 🌿🍃 barreeyseen ture 📝. barreeffama saniis namoonni hedduun irraa gammadan 😊🌸illee tokko tokko akkaan Waaniin Ani jibba Jimaa qabuutti fudhatanii na komatan 😔💭.
Ani akkuma Arsii Harargeeniis dhiiga kiyya 🩸❤️. Ammaas Amantaa tokko waliin qabna 🕌🤲.
Wantiin 🏞️ fi 🌄 irratti xiyyeeffadheef 🎯✨, yoo Isaan lamaan, 🌳 fi 🐂 dabalatee 🌍 Kan jabaatan tahe 💪🔥, islaamni Itoophiyaa ni jabaata 🇪🇹🕌✨ Even ganfaa Afrikaallee ni jabaata 🌍💫 jedheen yaada 💭❤️.
Yooni isaan dadhaban tahees 😟💔 akkasuma dadhabina hawaasarratti fidan jedhee Waaniin yaaduuf 🤔💭, wanta isaan miidhaa jira jedhee yaadu irraa dubbadhe 🗣️📢.
Kana yoon jedhu jimaatu hawaasa miidhaa jiraa osoo hin taane ❗⚠️ akkataa itti fayyadama dargaggeessi keenyaa itti fayyadamaa jirantu miidhaa qabaadha 🚫😢 Kani ani jedhe ✍️.
Dhimma kana Ulamaa 🕌🤲, beektootaa 🎓📚 fi hayyooleen gadi fageenyaan itti yaaduu baannaan 📖💡 fuula duraaf miidhaa guddaa geeysisa jedheen sodaadha 😢💔.
Arra dargaggeeysi guyyaa fi halkan walitti qama'ee 🌙🌞💤 subhiin yeroo gahe, duraa rafaa jira 😴😔. Akkas mitii? 🤨❓ Namoonni seeraan fayyadamaniis jiru 👍✨.
Yaadni Kun isaan hin dabalatu ❗⚖️ mee ati Kan seeraan fayyadamaa jirtu naannoo kee laali 👀🔍.
Namni hundi akkuma kee seeraan fayyadamaa jiraa? 🤔❓ hayyee haalli Kun itti fufnaan dhaloonni garam deemaa jira? 🚶♂️🌍❓ Kun si Yaachisuu hin qabuu? 😟💭
farshoorra Wantiin asitti xiyyeeffadheef 🍺✨
Jimaa ulamaan hedduu halaala jedhan 📖🕌. Wanta halaala tahe Kan yoo seeraan qabuu baanne ❗⚠️ Dhaloota nu harkaa fixaafi 😢💔.
Beeki buddeeni nyaannuu huu 🍞✨ yoo seeraan itti hin fayyadamnu tahe, miidhaa qabaa ⚠️😟
Kanaaf keenya Jaalatamaan S.A.W ❤️🕊️ yeroo nyaattan, garaa keeysan bakka saditti qoodaa 🍽️✨
✅1/3 Nyaataaf 🍲
✅1/3 Bishaaniif 💧
✅1/3 qilleensaaf 🌬️ tahuu qaba nuun jedhan 🕌🤲
Akkasuma wanti tokko halaalummaa fi Haraamummaa isaa qofa osoo hin taane ⚖️❗ itti fayyadamni isaa seeraan ala baha taanaan 🚫😢 Ulamaan irraa dhoorkuuf ykn gorsuuf dirqama qaban jedheen amana 🕌📚.
An akka dhuunfaatti jimaan Halaala jedhu jalaan deema 🤝🙂.
Ammoo Warra jimaa haraama jedhuus hin tuqu 🚫😌. sababni isaa isaan ulamaa islaamati 🕌✨. warra Rabbiin lafaan miidhagseedha 🌍🌸. waldhabdeen ammoo duuruu jirti waan taheef 🤲💭, isaan hin tuqu niis hin komadhu 🚫🙏. Isaan hunda Rabbiin nuuf haatiiysuu 🤲❤️. Aamiin Allahumma Aamiin 🤍✨
✅Haa tahuu garuu mee Obboleeysa koo kabajamaa 🥀❤️ haalli itti fayyadama keetii sirridhaa? 🤔❓
Suma kana Yoo Rabbiin fedhe 🤲✨ Jaarsaaf 💕👫 Abbaaf 👨👩👧 Hegereef 🌍✨ Abdiif 🕌❤️ eeggataa jira ⏳💫.
Duuba ati Kan halkan qama'aa bulu 🌙😴, Guyyaa hanga Saatii 6 Rafu 🕰️??. Kan hin salaanne 🚫🕌 hin qaraane 📖❌, bilbila scroll godhaa oolu 📱🔄 yoo taate dhimmi Kun furmaata hin barbaaduu? 🤔❓
🥀Dhaamsa kana naaf godhaa 🔁📲 dargaggoo 🏞️ 🌳 🌄. Dabalataan 🐂 fi 🌄 hanga takka warra fayyadamu 🤝✨. Akkasuma warra jimaan/Caatii seeraan hin fayyadamne hunda biraan naaf gahaa 📢💔. Galatoomaa ❤️🙏
Kutaa itti aanu yoo Rabbiin naaf laaffise 🤲✨ Farshoo irraahiin dubbadha 🍺📖.
Kutaan itti aanu, Itti fufa... ⏭️✨
yoon dogoggore dhiifama 🙏❤️
Urji Sheikh Adnan page ❤️