
08/08/2023
-Ammee
Aanaa Fantaalletti humni shiftaa N/Amaaraa Faannoon kana dura karaa Karrayyuutin akka lola banuu fi karaa Itiyoo-Jabuutii too'achuuf miidiyaan dhaaddataa ture hardha 08/08/2023 ganama keessaa naannoo sa'aatii 11:00 irraa eegalee uummatarratti banee Jira, hanga ammaatti , , hanga (Awuraa godaanaa) bakka karaan guddichi Finfinnee_Dirree Dawaa keessa qaxxaamuru ka shiftaan jaraa taampeellaa N/Amaaraa jedhu irra dhaabbattetti shakkii tu jira.
Har'dhas akkuma kaleessa Oromiyaa lixxee lubbuu namaa fi qabeenya uummataa baankin osoo hin hafne saamte asiinis qophii xumurtee lolatti galtee jirti, kanaaf uummanni Oromoo ammas quba nu qabaadhaa, sagalee nuuf tayaa, dachee Oromiyaa, uummata Oromoo fi qabeenya Oromoo diinan baduuf deemu dura haa dhaabbannuu, qaamni Oromiyaa bulchu ka kalee gaafa lafti Kun saamamtu caldhisee lalaa turee fi hardhas caldhisee akka nama quba hin qabnetti magaalaa qofa keessaa alalaasu, magaalattii Mataharaa isin hardha keessatti bashananaa jirtan saniif dhiiga dhangalasee diina duratti of kennee du'ee ajjeessaa akka isin tissaa jiru beettanii uummata cinaa gortanii yoo xiqqaate uummata duubaa nyaatuu dhiiftanii akka uummanni diina qofarratti xiyyeeffatu uummata deeggaraa!
Uummanni keenya Wal quba qabaadhaa, tokkummaan diina dura haa dhaabbannee ofis lafa keenyas harka diinarraa haa baraarruu!