Fantaalle Karraayu

Fantaalle Karraayu Information.www.Http// Fantaalle.Studio.Galamso.Wood.OMN.ONN subscribe

19/01/2021

Yoomuu sin yaadadha
Dhugaa sin dagadhu
Eenyuunis amanee
Akka kee hin abdadhu

Na keessatti bocamte
Haqaan sin balleessu
Gara jabeenyummaanis
Natti sin hadheessu
Baayyeen si fedha
Ofirraa sin fageessu!!

Jaalalaaf malee
Qarshiif hin firoomtu
Kanaaf natti toltaam
Jaalala naa arjoomtuu

Kan ormaaf dide
Onnee na seentee
Furtuu jaalalaan
Keessa koo bantee

Dungoo egereekoo
Ibsituu jireenyaa
Qabeenyaa naa ta'i
Anis siif qabeenyaa

Siif qofaaf dhiikkifata
Keessi onnee kootii
Homtuu sinaan gituu
Hunda naaf caalta ati

Kanaaf
Jaalalli nu waamee
Anaaf siin walitti
Onneen koos keetisoo
Baayyee wal jaalattii

Walitti nu yaasuf
Sin natti faarfatuu
Gulantaakee na keessatti
Ol kaasanii dubbatuu

Dhugaa eenyummaakee
Baayyee hubadheeraa
Hunda namaa keessaa
Abdii sirra godheeraa

Hin amanu yoomuu
Urjii haadha bifaa
Ati naaf biftuukoo
Si qofatu naaf ifaa

Hundakoo dhuunfattee
Onnee na boojitettaa
Guutummaa qaamakoo
Hundaas to'atteettaa

Siif jedhee dachaas bu'ee
Tulluus yoo feete nan yaabaa
Onnee koo walakkaattin
Siidaa hin jigne siif dhaaba
PAGE ICHIMA GODHAA.

πŸ‘‰AFAAN KEEENYA WALIIN HAA GUDDIFNUU

07/01/2021

Utuuman si jaalladhuu
Siif jecha kufee cabee
Gola onneeke keessaa
Maalifan bakka dhabee

Sobaan walitti duullee
Maalumaf wal yakkinee
Jaalalli dhugaan badee
Mee maaliif wal shakkinee

Hin xiqqeessu gonkumaa
Seenaa duudhaf aadaako
Natti himi mee adaraa
Maaliif nyaatte waadaako

Sin shakkuu nan shakkiinii
Kan jechaa turte dagattee
Wanta ani hin yaadnee
Maaf narratti raawwattee?

From Sanyii

23/12/2020

SHAGGOOYYEEπŸ’šπŸ’˜
~~~~~~~~~~~~~
Marxoon tiyya suufaa,
Tantee saaliyoonii,
Rabbiitu siif kenne
Qooqa raadiyoonii.
Namni goojjoo bulu,
Jirma ciqqaawwataa,
Namni shaggeen sobde
Fuudha irraanfataa.
Bishaan warra bilee ,
Waraabessin dhuynee,
Galgala nandhufaa,
Osoo atin muyne.
Lagni waabee guutee,
Mee daakii nabaasii,
Guntunni kee lamaa,
Tokkoon nabadhaasi.
Xaafii laga gadii,
Ciibsanii haamanii,
Dubroo abbaan lolu,
Siissanii yaamanii.
Karaa guddaa gamaa,
Buute gaangeen lamaa,
Dur waa tanaa mitii,
Fuute dubbii namaa.
Amaartichi dhubboo
Killee maleen nyaatuu,
Joolleen ganda keenyaa,
Kilaash maleen yaatu.
Billawa koo xiqqaa,
Mummurataa lafee,
Yoo naati wal taane,
Gabbarrinuu hafe.
Harka laadhuu kuti,
Mayra laga keessaa,
Kuteetuman dhufaa
Keessan warri eessa?
Barbareen diimattee,
Bilchaatte akka foonii,
Gowwaan walleen beeyne
Gadoode akka loonii.
Jeedalloo bookedhaa,
Dheebun maraachitee,
Morma dheeraa walloo,
Calleen gabaabsite.
Aalaa oorruu teenyaa,
Qaqallaa xarafaa,
Qaadhimaa sababaa,
Naat sirraa sharafaa.
Magaalaa sororoo
Qorqoorroon addeenyaa,
Magaallee oromoo,
Way ilkaan addeenya.
Aabboon buna dhaabee,
Muka qoreen qabnee,
Abaaboo jaalalaa,
Meeta xuriin qabne.
Jaldeessi wallolee,
Goororraan bittimii,
Yoo abbee siin lole,
Nyaaraan natti himi.
Sololiyaan burree,
Gogorriin daalattii,
Nama dubbiin sirnaa,
Hiriyaan jaalatti.
Machaaraa machaaraa,
Tulluu goolabbanii,
Mudhiin dachaa qabdi,
Akka kitaabbanii.
Amad alii millee,
Jechaan namaan hillee,
Erga guyyaa sanii,
Gadheen mataan fillee,
Karaa guddaa gooroo,
Dheeraa maysiin qabnee,
Silaa akka jaalalaa
Hoonga sabriin qabne.
Qamisa koo burree,
Fiixa gargar murree,
Walitti deebina
Yoo nagayaan Oollaa.

WBOn Dhufaa Jiruu Qabsoo Fiiniinsii Qeerroo Hin Rafiin Ammaa yeroon
06/11/2020

WBOn Dhufaa Jiruu Qabsoo Fiiniinsii Qeerroo Hin Rafiin Ammaa yeroon

WBO Wajjiin Jirraa  Qabsoo Galmaan Gahuuf Dirqamni Keenyaa Kan hin Dangefamneedha
05/11/2020

WBO Wajjiin Jirraa Qabsoo Galmaan Gahuuf Dirqamni Keenyaa Kan hin Dangefamneedha

WBOn Qeerroo Wajjiin Jiraa Qeerroo Qabsoo Finfiinsii Yerootu Amma Hin Rafiin Galtee    Guutu Biyyaati Raafama Mudaate Qe...
05/11/2020

WBOn Qeerroo Wajjiin Jiraa Qeerroo Qabsoo Finfiinsii Yerootu Amma Hin Rafiin Galtee
Guutu Biyyaati Raafama Mudaate Qeerroo itti Fayyaadame Abbas Irree Fonqolchuun Abbas Biyyuumma Oromoo Mirkaanesu qabaa

03/11/2020


~
Qorri ni hammaata
naannoo gara barii
Harki kee sabbata
morma kootti marii
~
Hoo'a qaama keetin
qaama koo hoo'isii
Qorra narraa maqsuun
natti dhaamochiisii
~
Gorora kee na obaasi
dheebuun koo hammaadhaa
Hidhii koo goggogeef
falli Hidhii keedhaa
~
Gaafa na hammattu
gammachuun koo adda
Akkan si araaduf
sobdee narraa badda
~
Mi'ooftuu koo boontuu
nadhii damma daamuu
Adda bareedni kee
sin gitu bar namuu
~
Walalaan dammaayyuu
amma keen miyaa'uu
suma allaanfachaa
duuti koo yaa ga'uu

17/10/2020
06/10/2020


Onneen siif jecha dhiige
Koo madaanis hin qoorre
Nama biraas hawwee
An gandarra hin joorree
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Jaalallee koo Gii too
Simboo qabeettii durbaa
Aniis jaalallee kee
Faara toleessi gurbaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
An kana qofaan sin ibsu
Ati anaaf waan hunda
Badhaasa Noobeelii koo
Argannoo gatii guddaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Teessoo kee godhatteetta
Giddu galeessa onneef firuu
Ana shakkuu kee dhiisi
Kan sicaalu naaf hin jiruu
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Yoon siif galuu baate
hangin si jaalladhu Tarii yoo shakkite
Akkaan si filadhu
Ani hammana hin jedhu
Beekees hin dubbadhu
πŸ‘‰πŸ‘‰πŸ‘‰πŸ’˜πŸ‘ˆπŸ‘ˆπŸ‘ˆ
dhugaa keessa kootii
yoo dhagahuu feete
Teessoo fi hanga kee
yoo beekuu kajeelte,
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Dhiiga kiyya seentee
keessa deddeebitaa
Anarra siin firaa
situ itti dhiyaataa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Gaafadhu onnee koo,
dhugaasaa argattaa
Akkaan si jaaladhu
gaafas na amantaa!

05/10/2020

...❀
Onnee keessa jirta
Hin baatu gara alaa
Yaada kee naa hirta
Naaf qabda jaalalaa
~
Anis beeka malee
Akka na jaalattu
Seenaa isa kalee
Yoo na mararfattu
~
Bor ni bari'a jedhee
Barii boriin eegaa
Hin ciisu si fedhee
Rafuun silas deegaa
~
Osoo akka jaalalaa
Hin fedhu fageenya
Yaa dirree alaalaa
Situ fide ammeenya
~
Onnee kootii baasee
Akkan si jaaladhu
Sittan hima hasaasee
Lamuus hin kakadhu
~
Akka oduu namaatti
Dur addaan baane
Odeessituun nagaatti
Nuti walitti dachaane
~
Jaalalaaf qoruumsa
Hin feenu deebisnee
Uumaan nu milkeessa
Yoo nuti tokkoomne
~
Jalqabni keenya badaa
Yoo jibbamnes namaan
Xummuratuu bareedaa
Miidhamnus nuti hamaan
~
Fokkorri baay'atee
Taanus warra badii
Maaltu itti hir'atee?
Nutti fokkora gandi?
~
Jaalala qofa faarsi!
Ni m***a gaaf-tokko
Kan wal lole araarsi!
Nurraa qaba rakkoo

Walaloo itti aanu argachuuf follow/add taasisiβ˜‘

09/09/2020
24/08/2020

Extra Judicial Killings (Including on Teenagers Like This Heartbreaking One) Continue Across Oromia😭
-----
Kichuu lafaa dhufaa
Qacalee xaphatee hin quufne
Nama nafaa cufaa
Harka haadhaa hin guune

Daa'ima ol adeemaa
Karaarraa maqsanii
Abdii warra Carcar
Xobbeetti baksanii

Maammee mucaa xiqqaa
Ergachuufuu hin geenye
Bakkalchaaf maal himnaa?
Si'iif gadda teenyee?

Roorroo akkaan jabaa
Gatiittiitti nu ulfaatee
Umuriin kee danda'ee
Akkamittiin baatee?

Nagayaan boqodhu
Raamata siif hawwinaa
Amaanaakee fudhannee
Hurriyaaf darbinaa!

πŸ˜₯πŸ˜₯πŸ˜₯πŸ˜₯πŸ˜₯
By Leyla Jibril Mohammed

21/06/2020
BB$: Wax. 14/2020.Milishoonni Naannoo Afaar irraa dhiheenyakana duulanii lubbuu namaa galaafatan ammaslafa daangaa Oromi...
16/06/2020

BB$: Wax. 14/2020.
Milishoonni Naannoo Afaar irraa dhiheenya
kana duulanii lubbuu namaa galaafatan ammas
lafa daangaa Oromiyaa keessa maadheffatanii
jiruu je'u jiraattonni Aanaa Fantaallee.
Hidhattoonni baay'inaan gara 250 gahan
je'aman kanneen yeroo ammaa naannoo Paarkii
Hawaash maadheffatanii lolaaf qophii irra akka
jiran jiraattonni BB$ itti himanii jiru.
Akeekni milishoota naannoo Afaar irraa tahan
kanneenii inni guddaan babal'ifannaa lafaatii
je'amee jira.
Hidhattoonni kanneen konkolaatta humnoota
mootummaatin meeshaalen dhufaafii akka jiru
ragaa qabaachuu isaanii jiraattonni Aanaa
Fantaallee irra deddeebin himataa jiru.
Bulchiinsi naannoo Oromiyaa hidhattoota
naannoo biraa irraa daangaa qaxxaamuruun lafa
bulchiinsa Oromiyaa jala jirtu irra
maadheffataanii jiran kana deebisuuf karoora
humaatuu hin qabuu jechuunis komatu
jiraattonni.
Gareen kun bakka amma jiru akka turuuf kan isa
dirqe jirus ummata if irraa qolachaa jiru
sodaatuu irraayi je'u maddeen.
Tibba dabre keessa gosa Oromoo Ituu waliin
lola cimaa geggeeffameen Oromoo irraa lama
gara Afaar irraa ammoo namni 3 ajjeefamuu
jirattonni BB$ itti himuun isaanii ni yaadatama.

15/06/2020
Har'as qaaruu nu hooqaHin dagannu takkaalleeGaaffii Oromoo ganamaaIsa haadhoo itti awwaalle!Haqa uummata bal'aaHin barre...
09/05/2020

Har'as qaaruu nu hooqa
Hin dagannu takkaallee
Gaaffii Oromoo ganamaa
Isa haadhoo itti awwaalle!
Haqa uummata bal'aa
Hin barreessiin jedhamnee
Isa quba harkaarra
Burrusaan waqaramne
Kaayama qabsaa'otaa
Kaayyoo keenya kaleessaa
Har'as ittuma jirra
Dubbachaafi barreessaa...
Ho'eefis nutti hin ho'u
Qorreefis nutti hin qorru
Bubbee huursu keessattuu
Beekna gara itti gorru!
~
Har'umeen seenaa hin beeknemmoo
Funyaan ciniinnaan quufti
Facebook gubbaa teessee hamilee namaa
cabsuuf
Sobaan faaggaa afuufti
Arrabaan gobaa qartee
Akka uummootti aaddi
Kan abiddaan qorame
Daaraadhaan qoruu yaaddi.
Hanguma ofii tilmaamtu
Akka taakkuufi dhumdhumaa
Hojjaasheetti safarti
Qabsoofi qabsaa'aa hundumaa...
Rarra'i jedhanii ajajnaan
Waan argetti rarraati
Utuu kanniisni hin hiddiin
Damma nyaachuu dharraati!
~
Ilaa,
Gaafa qilleensa elmitu
Kana hin dagatiin tiru
Faaggaa ati afuuftuun
Abiddi dhaamu hin jiru!

Saafaa walakkaa gidduuIrraa fi jalaan gubatteeAbidda keessa teesseeHaqa Oromoo dubbatte...Kan warri itti sagadanGooftaa ...
09/05/2020

Saafaa walakkaa gidduu
Irraa fi jalaan gubattee
Abidda keessa teessee
Haqa Oromoo dubbatte...
Kan warri itti sagadan
Gooftaa durii cabsitee
"Gooftaan uummata" ta'uu
Firaafi diinaaf labsite...
"Lakki kun waan sobaati
Wayyaaneetu itti kenne
Arraba dadhaa dibee
Nu gowwoomsa" siin jenne!
~
Garuu ati ormaaf hin taane
Kabaja Oromoof malee
"Uummanni haa dursu" jetta
Har'as akkuma kalee!
Kabaja dhuunfaa dhiistee
Kaatee teessista achumaa
Ajandaa keerra hin jiru
Dharraan aangoofi barcumaa...
Jabinni itti daraaree
'Gootummaan' itti margee
Warra har'a dubbatu kana
Erga ati dhufteen arge...
Hamilee isa kamiinan
Si xiqqeessa namana?
Bara rakkoon si beeka
Kanaafan si amana!

03/05/2020

Burjaajii Heeraa irraa akkamiin ooluun danda’ama: Constitutional Arithmetics

1. Xumurri Paarlaamaa gaafa Waxabajjii (Sanee) 30 ti

2. Banamiinsi Paarlaama gaafa Fulbaana (Meskeremii) 26ti.

3. Waxabajjii 30 haga Fulbaana 26 gidduu ji’a 3 tu jira.

4. Amma irraa eegalee haga Fulbaana 26tti ji’a 5 tu jira.

5. Korononaan ji’oota 5 kana keessatti baduu ni danda’a.

Kana jachuun:

1. Aangoon paarlmaa gafa Waxabajjii 30ffaa yoo xumurame iyyuu, ji’oota san keessatti filannoo gaggeessun ni danda’ama.

2. Gaaffiin ka’uu malu, ji’oota sadii (Waxabajjii-Fulbaana) kana keessa mootummaa maaliitu biyya bulcha kan jedhu dha.

Furmaatni:

A. Keewwata 58(2) fi (3) hiikkoo heeraa kennuudhaan aangoon paarlamaa haga Fulbaana 26tti akka itti fufu gochuu

YKN

B. Aangoon Paarlmaa Waxabajjii 30 booda itti fufuu hinqabu kan jedhamu yoo ta’e ammoo, mormitootni fi mootummaan waliigaltee addaa gochuudhaan ji’a Sadan keessatti filannoon gaggeeffamuu akka qabu gochuun ni danda’u.

Furmaatni lammeen keessaa kamuu biyyattin gara qileetti akka hinseennee oolchuu ni danda’a.

Mee maal jettu?

Nagaa Wajjin!
Henok

03/05/2020

Oromoo cabsanii Afrikaa jaaruuf warri hawwu
toppiyaa jiraacisuu hindanda'u Imaamanni
isaanii oromiyaa balleeysanii xoppiyaa warra
soddaatiif ballisuudha abjuu qullaa.
XOPIYAA namni tokko akka sabatti ifdanda'ee
keeysa jiraatu jaarra jechuun isaanii ifatti Wanni
mul'isu xopiyaa takkittii afaan tokko fi amantiin
takka keeysa jirtu jaarra jechuu akka ta'e
Oromoo cabseetiin waggaa kuma tokkoof akka
hinkaane godha jechuu ashaagiree sanirraa
mirkaneeyfanne.
Namichi maqaaf oromoo haahimatu malee
eenyummaan isaa dhugaan Nafxanyaa akka ta'e
jechaa fi gochi isaa saaxilbaasaa jira!!
Ani kan nadhibu joolleenteenya saa'insii
si'aasatti amanna jettu saa'insiin si'aasaa
Ashaagireen qabatee deemuun kan oromoo fi
oromiyaa balleeysuu ifkeeysatti hammate kun
itti mul'ataa hinjirumoo?
Otuma arkaa jiraniiti dantaa dhunfaan
gurguraman,!!

02/05/2020

Page Kun Harayaa Kanaaf Like itti Robsaa Sabboontota Oromoo Hundi keessaan

Address

Www. Http//Hararge Habro
Gelemso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fantaalle Karraayu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Film & Television Studios in Gelemso

Show All

You may also like