ABJU UMATA

ABJU UMATA If you have a big dream

  2
23/01/2026

2

  1
23/01/2026

1

Gaaffiin kun gaaffii guddaa fi bal'aa waan ta'eef, gurmaa'insa mootummaa Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhinaa (Prosperity ...
23/01/2026

Gaaffiin kun gaaffii guddaa fi bal'aa waan ta'eef, gurmaa'insa mootummaa Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhinaa (Prosperity Party - PP) gabaabinaan ibsuuf yaala.

Gurmaa'insi mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa (PP) lamaan isaanii iyyuu walitti hidhamoo yoo ta'an, hojiin isaanii garuu adda adda.

---

1. Gurmaa'insa Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa

Gurmaa'insi mootummaa Itoophiyaa kan hundaa'e Heera Mootummaa FDRI irratti hundaa'ee yoo ta'u, qaamolee gurguddoo sadii (Sadan Humni Mootummaa) qaba:

A. Humni Seera Baastuu (Legislative Branch)
• Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa (House of Peoples' Representatives - HoPR): Kun mana seera baastuu olaanaa yoo ta'u, seera ni baasa, mootummaa ni to'ata, fi Muummee Ministiraa ni muuda.
• Mana Maree Federeeshinii (House of Federation - HoF): Mirga sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa ni eega, hiika Heeraa ni kenna, fi walitti dhufeenya mootummoota naannoo gidduu jiru ni to'ata.

B. Humni Raawwachiiftuu (Executive Branch)
• Muummee Ministiraa (Prime Minister): Mataa mootummaa yoo ta'u, hojiiwwan mootummaa ni gaggeessa.
• Mana Maree Ministirootaa (Council of Ministers): Muummee Ministiraa dabalatee Ministiroota adda addaa of keessaa qaba. Kun qaama murtoo fi hojii raawwachiisuu olaanaa ti.
• Ministeerota (Ministries): Ministeerota adda addaa (kanneen akka Ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Maallaqaa, Ministeera Nageenyaa, kkf) kan hojii mootummaa guyyaa guyyaa raawwatan.

C. Humni Murtii (Judicial Branch)
• Mana Murtii Federaalaa (Federal Courts): Mana Murtii Waliigalaa (Supreme Court), Mana Murtii Ol'aanaa (High Court), fi Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa (First Instance Court) of keessaa qaba. Kun seera hiikuu fi haqaa mirkaneessuuf hojjeta.

Gurmaa'insa Naannoo: Qaamoleen sadan kun sadarkaa mootummaa naannoo (Regional States) irrattiis ni argamu. Mootummoonni naannoo Heera mataa isaanii qabu.

---

2. Gurmaa'insa Paartii Badhaadhinaa (Prosperity Party - PP)

Paartiin Badhaadhinaa (PP) paartii siyaasaa biyya bulchaa jiru yoo

JENERAAL WAAQOO GUUTUUJeneraal Waaqoo Guutuun (1920 Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga u...
16/07/2025

JENERAAL WAAQOO GUUTUU

Jeneraal Waaqoo Guutuun (1920 Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga uummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse.

Ijoollummaa Isaa

Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hasanirraa bara 1924 aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate.

Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal kan h**e yoo ta'au, kaniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa (2015tti) dubartoota kudha-ja'a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee soddomii-afur qaba.

Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee mana osoo hin bayin, osoo abbaansaa hinbeekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan.

Qabsoo Jalqabuusaa

Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta'anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana "Eessatti baddee, Waaqoo!!!" jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii "Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi" jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin "maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee" jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan.

Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu, Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta'an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa'imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii
maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka'aa" jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani.

"Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa, jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii gabroomfattootaatiin ba'an Gannaalleen gama cee'anii, Walaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan. Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa'oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo. Dhaddeetiin walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi'i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan. Haala kanaan diinaan lola'aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo argachuu jalqaban.

Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee socho'e. "Ummata keenyaan wal ta'aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!" jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobbauun, bakka bubota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garrili fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi'ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka jedhamutti ummata walga'e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu'uun yaada isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee, Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu'uu addatti waamee "Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu ga'aa hingabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta'e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif godhaa, asuma quphadhuu taa'ii, taa'ii yeroo itti eggadhuu" jedheen.

Waaqoo Guutuu, mootummaasn Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuunkee dhugadha, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo'aa keessaa ba'e, amma diina maangudoo, dubartii fi daa'imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keепуа saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa 'Guddoodha hindandeessan" jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni," Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma'aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaa" jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada isaa kana xiinxaluun hubatee "Wanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga.
jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebřan. Bara 2000 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa'ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo gidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii turan. Dhaamsa ummataa dura taa'ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas "Yaa ummata keenya gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har'a ammoo beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanganne. Har'a tokko ta'aa jirra, dhaabbilee Oromoo ja'an walii galtee uumaa jirra, Ummatni keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa-mee gaara dorrobe nu hingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii odoo eeganii lilmoo dhale, gaara dorrobee lilmmoo dhale nuhingotdhinaa," jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.

Injifannoo Waraanaa

Loltoonni Waaqoo Guutuu lenjii fi meeshaa ga'aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalgaban. Injifannoo guddaa argatan keessaa tokko Waraana Malkaa Annaatti bara 1963 godhame. Waraana kanarratti, helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hintaanen rukutanii kuffisan. Kanaafis barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee "Towra/Sowra Dhombiir" jedhamuun beekkama. Waraana Dhombiir kan Malkaa Annaatti godhamerratti finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji'an, kunis meeshaa ittiin diina ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee, haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani.

Du'uusaa

Jeneraal Waaqo dhukkubsatanii gaafa Gurraandhala 3, 2006 lubbuunsaa dabarte. Dr Gammachuu Magarsaa awwaala Jeneraal Waaqoo irratti akka dubbatetti "Waaqoon odoo lubbuun jiruu dhiisii gaafa du'ellee ummata gara garaa walitti fida" jedhe. "Dhaloonni isarraa dhaalu ummata Oromoo tokko akka godhan amanna". Jeneraal Waaqon, qabsoo bilisummaa uummanni Oromoo godhe fi godhaa jiru keessatti gumaacha guddaa godheen yaaddatamaa jiraata.

Address

Gelemso

Telephone

+251967068387

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ABJU UMATA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share