04/05/2025
Ibroota 8:7-12
7 Kakuun inni duraa hir'ina hin qabu utuu ta'ee, isa lammaffaa iddoo buusuun hin barbaachisu ture.
8 Balleessaan isaan irratti argamnaan raajichi,"'Kunoo, guyyoonni tokko in dhufu; guyyoota sanatti ani mana Israa'elii fi mana Yihudaaf kakuu haaraa iddoodhaan nan ga'a'" jedha gooftichi.
9 'Garuu kakuun kun akka isa duraa miti; harka qabee gaafan biyya Gibxii isaan baase, kakuu sana abboota isaaniif nan dhaabe;isaan kakuu koo sanatti jabaatanii hin hafne,anis jabeessee isaaniif hin yaadne' jedha gooftichi.
10 Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani mana Israa'eliif kakadhu,'Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa; ani isaaniif Waaqayyo nan ta'a,isaanis anaaf saba in ta'u, isa jedhuu dha' jedha gooftichi.
11 Itti dabalees, 'Namni tokko iyyuu si'achi nama biyya isaa yookiis obboleessa isaa gooftaa bari! jedhee hin barsiisu;xixinnayyoota isaaniitii jalqabanii hamma gurguddoota isaaniitti hundumti isaanii na beeku.
12 Jal'ina isaaniittii isaan nan maara, cubbuu isaaniis deebi'ee hin yaadadhu' jedheera" jedhe.