Hiree jaalalaa

Hiree jaalalaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hiree jaalalaa, Digital creator, dp, Gimbi.

15/02/2026

🤔KANA BEEKTUU LAATA?
Maqaa Oromiyaa Jedhu Eenyutu Moggaasee?
--------------------------------------
Yeroo jalqabaaf maqaa Oromiyaa jedhu kan moggaasee fi kaartaa Oromiyaa kan sarare namaa maqaan isaa "Luws Craft" jedhamudha.

Bara 1837 hanga 1850 tti osoo baha Afriikaa naanna'uu maqaa moggaase. Bara sanas Oromiyaa har'aa kana "Ormaaniyaa" jedhee moggaasee ture.

Bara 1970 keessa immoo "Biyya Oromoo " jedhamee moggaafame. Bara 1976 tti ammoo "Oromiyaa" jedhamee moggaafame.

Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa keessatti dubbataman 1000 ol ta'an keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama. Afaanota Kuush 40 dubbataman keessaa Afaan Oromoo 1ffaa dha.

Bara 1934 hanga 1966tti Afaan Oromoo Itiyoophiyaa keessatti akka hin dubbatamne akka badu taasifamee ture. Biyyoota Afriikaa 56 keessaa bal'inaan kan Oromiyaa caalu Biyyoota 17 qofadha.

Oromiyaan bal'ina lafaatiin Biyya Awuroppaa Faransaayiin ni caalti, Akkasumaas Xaaliyaaniitti dachaa lama taati. Bal'inni Dachee Oromiyaa biyyoota akka Kuubaa, Bulgaariyaa, Biritaaniyaa wajjin wal qixadha.

Baay'inni Uummata Oromoo baha Afriikaa jiraatanii yeroo amma Miiliyoona 40 olidha. Mootiin yeroo jalqabaatiif Kuush ykn Oromoo hoogganaa turan "Amarraanaa Asiisii (Ateetee) fi Osiriis jedhamu.

Oromoon jaarraa 16ffaa dura sirna adda ta'e kan ittiin bulu sirna Gadaa kan yuneeskoo irratti galma'e qaba. Oromiyaan Godinoota 21 fi aanolee 350 qabdi.

Maddii:- Kitaaba Kuushii fi Oromoo Luwiskraft 1846 fi seenaa irraa fudhatame. Odeeffannoowwan akkanaa yeroo hunda argachuu yoo barbaaddan Maxxansa kana Share godhaa‼️Hiree jaalalaa Follow 📌💥

Bifa baay'ee nama gaddisiisuun galmi waaqeffannaa (Chaappilii) FOCUS BULE HORAA Yuuniversitii , Teessoo fi meeshaaleen w...
15/02/2026

Bifa baay'ee nama gaddisiisuun galmi waaqeffannaa (Chaappilii) FOCUS BULE HORAA Yuuniversitii , Teessoo fi meeshaaleen waaqeffannaa hunda wajjin sababa Electric contact jalaa barbadaa'uun dhaga'amee jira.

FOCUS BULEE HORAA Yuuniversitii magaalaa bulee horaatti kan argamu; miseensa Feeloshippii nama 520 ol kan qabu guyyaa har'a Gurraandhala 14/2026 naannoo sa'atii 9:00 ibiddaan barbadaa'un isaa beenkamee jira.

Balaa ibiddaa kanaan lubbuun namaa kan hin miidhamnee ta'uu kan ibsame, Bulchiinsa Yuuniversitii bulee horaa dabalatee qaamooleen garagaraa irratti hirmaachuu dhaan balaa kana to'achuuf yaaliin hedduun godhamus qabeenya kana badii irraa hambisuun hin danda'amne.

Waan uumame hundumaaf waaqayyoo beekaa dha, jechaa qabeenya kana wal gargaarree bakkatti deebisuun gahee nama hundaa akka ta'e hubachaa, akkamitti akka irratti hojjennu kan wal beeksisaa deemnu ta'a.

Eebbifamaa !
FOCUS Ministririi,
Finfinnee, Itiyoophiyaa
Gurraandha,14/2026

Egaa akkuma dhageessanidha haa gargaarru cinaa dhaabbadhaa Gooftaan isin haa eebbisu🙏
Hiree jaalalaa Follow 📌💥

🥰Taatoo Ijoo Cimtuu Diraamaa Hirkoo❤Taatummaa Tiyyaa keessaa Firaamaa Hirkoo Paartii kamtu isinitti tole? Kan isin hin g...
15/02/2026

🥰Taatoo Ijoo Cimtuu Diraamaa Hirkoo❤
Taatummaa Tiyyaa keessaa Firaamaa Hirkoo Paartii kamtu isinitti tole? Kan isin hin gammachiifnehoo kutaa isa kamii?
Hiree jaalalaa Follow 📌 💥 godhaa

15/02/2026

hiree jaalalaa kutaan darbe akkam ture

Address

Dp
Gimbi
DP

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hiree jaalalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share