
18/08/2025
2018 abdii irraa gara ifa qabatamaatti!
Mindaan hojjattoota mootummaa inni xiqqaan qarshii 4,670 irraa gara 6,000 tti; inni guddaan qarshii 21,492 irraa gara 39,000 tti akka guddatu Koomishiniin Siviil sarvisii Federaalaa ibseera.
Daballii kanaan miindaan ka'umsaa eebbifamtoota digirii jalqabaa qarshii 6,940 irraa gara qarshii 11,500 ol guddateera.
Dabalatni mindaa haaraan kun Fulbaana bara 2018 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta'uu Komishiniin Sivil Sarvisii Federaalaa ibseera.