Gido Biography

Gido Biography Hear untold story!

Yeroo walqunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa buqushaa keessa seenee dhangala'oo sanyii kormaa geejjibu(semen) itti dh...
30/03/2026

Yeroo walqunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa buqushaa keessa seenee dhangala'oo sanyii kormaa geejjibu(semen) itti dhangalaasa. Dhangala'oon sanyii kormaa geejjibu(semen) seeliwwan sanyii kormaa(sperm cells) miliyoonan lakkaawaman of keessaa qaba. Seeliiwwan sanyii kormaa kunneen erga buqushaa keessatti dhangala’an booda gara hanqaaqqutti imala eegalu.

Sanyiin Kormaa erga qaama saalaa dhiiraa keessaa dhangal'e booda buqushaa keessatti kuufama. Asirraa eegaluun gara fiixxee gadameessaa(cervix) tti wal dorgommii eegalu. Fiixxen gadaameessaa akka hulaatti waan tajaajiluuf shora ola'aanaa qaba. Yeroo hanqaaqqun qophooyte(ovulation) dhangala'aan furrii fakkaattu naannoo fiixxee gadaamessaa jiru(mucus) waan haphatuuf sanyiin kormaa salphatti akka gadaamessaa keessa seenuf carraa uuma.

Sanyiin kormaa erga takka gadaameessaa seenee booda saffisaan gara iddoo hanqaaquun jirtu(fallopian tube) gulufa. Ulfi kan uumamu yoo sanyiin kormaa hanqaaquu ovaarii irraa gadi dhiifamte tana cabse qofa. Yoo sanyiin kormaa hanqaaquu cabsuu baate ulfi hin uumaamtu.

Adeemsi kun kan mul'isu ulfi waan yeroo takka uumamu osoo hin taane yeroofii adeemsa hedduu keessa dabruu barbaada. Sanyii kormaa gadaameessaa erga seene booda hanqaaquu cabsuu qaba. Kanaaf yeroo walqunnamtii saalaa hunda ulfi uumamuu kan hin dandeenyef.

“Iran Niwukilar Boombii’dhaan r*kutamuuf akka jirtu gabaafame. Dhaabbatni UN Iran Magaalaa Terhan Niwukilar Boombiidhaan...
30/03/2026

“Iran Niwukilar Boombii’dhaan r*kutamuuf akka jirtu gabaafame. Dhaabbatni UN Iran Magaalaa Terhan Niwukilar Boombiidhaan haleeluuf akka jiru hojjetan UN duraanii Mohamad Safa beeksise. Magaalaa Terhan keessa namoota Miliyoona 10’tu jiraatu. Yaadimee namoonni hangi kun yeroo tokkotti addunyaa kanarraa dhabamu jechuudha.

Kun waan ulfaataadha! Kanarra jarri kun yoo lola kana araaraan xumuran gaariidha. Lubbuun namoota hamma kanaa baduun baay’ee waan ulfaataadha💔😭”

🎈
29/03/2026

🎈

...

👌
28/03/2026

👌

#...

👌
28/03/2026

👌

Poowul Kaagaamee tarkaanfii mootummaan isaanii dhaabbilee amantaa irratti fudhatu "amantii adamsuu" akka hin taane ibsan...
28/03/2026

Poowul Kaagaamee tarkaanfii mootummaan isaanii dhaabbilee amantaa irratti fudhatu "amantii adamsuu" akka hin taane ibsan!

Pirezidaantiin Ruwaandaa Poowul Kaagaamee, tarkaanfiin mootummaan isaanii dhaabbilee amantaa irratti fudhatu kaayyoon isaa sirna kabachiisuufi lammiilee saamicha irraa ittisuuf malee, amantii adamsuu akka hin taane ibsan.

Kaagaameen Kigaaliitti miseensota hawaasa Muslimaa Ruwaandaa kumaatamaan lakkaawwaman waliin Roobii, Bitootessa 25 bara 2026 marii taasisaniin; namootni tokko tokko amantaa fi manneen kiristaanaa faayidaa dhuunfaa isaaniitiif akka itti fayyadamaniifi kun immoo mootummaa biratti fudhatama akka hin qabne hubachiisan.

Kaagaameen suursagaleen fuula miidiyaa X yookin Twitter duraanii irratti tamsa’een yoo dubbatan, "Namni tokko maqaa amantaa ykn mana kiristaanaatiin dhokatee dhaabbata faayidaa isaa qofa kabachiisuu fi warra kaan saamu yeroo dhaabu ni mul’ata." jedhan.

Itti dabaluun, "Eenyullee mana amantaa fedhe akkasumaan dhaabuu hin danda’u; waan hin ta’uu hin dandeenye ta’uun of fakkeessanii dhiyaachuun qabeenya namootaa fudhachuun sirrii miti. 'Qabeenya kana yoo hin fidiin as hin darbitu' jechuun amantaa kamiyyuu keessatti waan ta’uu hin malle dha," jedhan.

Ruwaandaan waggoota muraasan darban keessatti, manneen kiristaanaa fi dhaabbilee amantaa irratti hundaa’an kanneen hayyama hojii hin qabne, ulaagaalee nageenyaa hin guunne ykn seera eegumsa naannoo cabsan jechuun hedduu cufteetti.

Biyyattiin seerota eegumsa naannoo fi faalama sagalee cimaa ta’e, kan sagalee guddaa naannoo jireenyaa keessatti uumamu daangessu qabdi; kunis manneen kiristaanaa Phenteeqosxee yookin Proteestaantii tokko tokko kanneen halkan guutuu sagalee guddaadhaan kadhatan irratti dhiibbaa uumeera.

Pirezidaantichi to’annoon dhaabbilee amantaa irratti taasifamu akka ari’atinsa amantiitti hiikamuu akka hin qabne ibsuun; kana caalaa dhaabbileen sun hawaasa itti gaafatamummaadhaan akka tajaajilaniif sirna diriirsuu akka ta’e ibsaniiru.

"Kun amantaalee ykn manneen kiristaanaa ari’achuu irraa adda. Wantoota sirnaan geggeessuun ari’atinsa miti. Amantaan jiraachuu isaafi jiraachuu akka qabu ni beekna; kunis namoota barsiisuu, lammiilee bira ga’uu fi gargaaruuf; waanti taasifamuu qabus kanuma. Namoota saamuun, jireenya isaanii dhowwachuu ykn namoonni muraasni akka sooromaniif qabeenya warra kaanii fudhachuun gonkumaa fudhatama hin qabu," jechuun Kaagaameen akeekkachiisaniiru.
Kun Gido Biography dha!

23/03/2026
21/03/2026

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, Tajaajila Kaardii VISA fi Duula "Imala gara Waancaa Addunyaa FIFA 2026™" Jalqabsiise.
Baankiin keenya, dhaabbata idil-addunyaa ‘VISA’ waliin ta’uun, imala ce’umsa gara dijitaalawaa keessatti boqonnaa guddaa kan ta’e, tajaajila kaardii idil-addunyaa VISA garaa garaa hojiirra oolcheera.
Baankichi (‘VISA Classic Debit Card’ (Idilee fi Dhalarraa bilisaan), ‘VISA Classic Prepaid Card’ kan imaltoota biyya alaaf filatamaa ta'e, fi ‘VISA Platinum Prepaid Card’ kan maamiltoota adda dureef tajaajila olaanaa kennu, kan jalqabsiise yoo ta’u, maamiloota kaardiiwwan kanaan tajaajilamaniif ammoo, Waancaa Addunyaa baranaa daawwachuu kan isaan dandeessisu carraa lootariis kennuu eegaleera.

❗
20/03/2026

...

Eid Mubarak!
20/03/2026

Eid Mubarak!

Address

Hagere Hiywot
0000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gido Biography posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share