
25/03/2025
Leylatul qadrii irraa akkamitti fayyadamna ?
✔Halkan salaataan dhaabbatuu
✔Qur'aana qara'uu.
✔Duu'aa'ii/Zikrii baay'isuu.
" اللهم إنك عفو تحب العفو فعف عنا"
✔Sadaqaa kennachuu.
✔ Towbaa/Istigfaara heddemmeessuu.2⃣Leeylatul qadriin halkanoota biraa irraa maaltu adda godha?
✔Halkan kanaa keessa qur'aana buufame.
✔Halkan kuni ji'a kuma tokko caalaa 1000÷12=waggaa 83.3 ol taha
✔Halkan rabbiin ummata nabi Muhammad (saw) qofa badhaasee dha.
✔Halkan maleeykonni akka hundii Jibriil gama dachii gadi bu'anii dha.
✔Halkan dalagaawwan/taateewwan waggaa kana keessa murteeffamtu.
3⃣Leeylatul qadri eessa keessatti argamti?
Akka ergamaan rabbii (saw) nuuf himanitti ji'a ramadaanaa irraa kurnan dhumaa keessatti argamti kurnan dhumaa keessaallee guyyoota qaraa keessatti argamti.
◀ قال صلى الله عليه وسلم: «تحروا ليلة القدر في الوتر من العشر الأواخر من رمضان» [رواه مسلم]
▶ Ergamaan rabbii (saw) Akkana jedhan 《Leeylatul qadriin barbadadhaa halkan qaraa keessa kurnan dhumaa ramadaanaa irraa》[Muslimtuu gaabaase]
《21, 23, 25, 27, 29》
Obbaleeyyan keenya warra qunnamee nuu haa tasiisu. Keeyrii tana Share godhii Ajriin qoodadhuu hanga guyya qiyaamaatti siif deemti sababa namni biraa irraa fayyadamuutiin.
Obsaa Ahmed follow godhaa