Ilmaan Gujii madda albuudaa

Ilmaan Gujii madda albuudaa Free from political party

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gabaatee yeroo Filannoo bara 2018 ifoomseera.Haaluma kanaan Boordichi filannoo biyyaaless...
10/12/2025

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gabaatee yeroo Filannoo bara 2018 ifoomseera.

Haaluma kanaan Boordichi filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf guyyaan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24, 2018 ta’uu beeksiseera.

Boordiin Filannoo biyyaalessaa filannoo marsaa 7ffaa bara kana Caamsaa 24 gaggeeffamu ilaalchiisee ibsa miidiyaaleef kenneera.

Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Meelaatawarq Hayiluu ibsa kennaniin, filannoo bara kanaaf qophiin haalduree taasifamaa turuu ibsaniiru.

Boordichi galteewwan filannoof barbaachisan walitti qabaa turuus himaniiru.

Boordichi qorannoo filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisuun gaggeesseen karoora tarsiimawaa waggoota shanii qopheesuu kaasanii, muuxannoowwan galtee ta’an argamuufi dhimmoota fooyya’uu qaban irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifamuu hubachiisaniiru.

Wixinee labsii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaateen adeemsi filannoo tuttuqaarraa bilisa karaa ta’een akka gaggeeffamuuf haal dureen barbaachisu xumuramu kaasaniiru.

Hojiin buufataalee filannoo adda baasuu fi to’achuu dandeessisu hojjetamuu fi paartilee siyaasaa dorgoman waliin mariin taasifameras jedhan.

Gabateen yeroo filannoo boordichaan raggaasifame kan ifoome yoo ta’u qaamni hunduu yeroo kennameef keessatti hojilee hojjetamuuf adda baafaman akka raawwatuuf gahee isaa bahaachuu akka qabu Aadde Meelaatawarq Hayiluu ibsa kennaniin hubachiisaniiru

Maddi:- FMC

Namoota Barii Hardhaa Godina Gujii Aanaa Annaa sorraatti Du'aan jedhamanii Gabaaffamani Miiraa Fi Gaddaa Keessa Gallee T...
24/11/2025

Namoota Barii Hardhaa Godina Gujii Aanaa Annaa sorraatti Du'aan jedhamanii Gabaaffamani Miiraa Fi Gaddaa Keessa Gallee Turre keessa worri lamaan kun Lubbuu Fayyaan seeraaf dhiyaatani Qoratamaa Jiru Baga waaqi Du'aa kadhattan jalaa isiin Oolche Hidhaatti isiini jijjiiree 🤔

worri isinii ilaalatu yaala
24/11/2025

worri isinii ilaalatu yaala

  Barattoota Remidiyaalii bara 2018 A Ministeera Barnootaatiin Bulee-Horaa Yuunivarsiitii tti ramadamtan, guyyaan galmee...
21/11/2025




Barattoota Remidiyaalii bara 2018 A Ministeera Barnootaatiin Bulee-Horaa Yuunivarsiitii tti ramadamtan, guyyaan galmee keessan sadaasa 29 fi 30/2018 akkasumaas barumsi kan jalqabu Muddee 1/4/2018 ta’uu yunivarsiitiin beeksiseera.

Yeroo galmeef deemtan:

➫ Dookumantii kutaa 8ffaa fi 12ffaa Orijinaala fi kooppii isaanii
➫ Traansikiriptii kutaa 9–12ffaa orjinaalaa fi kooppii isaa
➫ Suuraa 3×4 afur
➫ FAAYIDAA ykn FAN No. — lakkoofsa eenyummaa biyyoolessaa fi lakk kaffalaa gibiraa (TIN)
➫ Uffata halkanii fi uffata tiraasii kan haala qilleensa naannichaa wajjin deemu qabadhaa.

Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruu Ganda Siree Buqqeetti jaarsi guddaan tokko ijjeefamee namni lama ammoo boombiidhaan ruku...
06/11/2025

Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruu Ganda Siree Buqqeetti jaarsi guddaan tokko ijjeefamee namni lama ammoo boombiidhaan rukutamee mana yaalaa jira. Gochi kun halkan kaleessaa naannoo saatii 3fi 4 jidduutti kan ta'e yoo ta'u qaamni gocha kana raawwate yeroofi ifa hin baane. Haa ta'uu ammoo qaamni yakka kana maqaa shiftaatiin gocha kana godhus dhugaan garuu qaama uuffata seeraa mootummaa uuffateefi meeshaa mootummaa hidhate ta'uu jiraattota irraa qulqulleeffadhee jira. Ganda sanitti diraamaan maqaa shaneetii hojjatamu kan baratame yoo ta'u kun ammoo lixxoo gowwa'aa fakkaata. Haa ta'uu ammoo rakkoo kana kan fide shira bulchiinsi aanaa kanaan dura namoota maqaa mootummaatii raawwachaa ture irra rafuufi dhoksuu isaati.
Kanaan dura gaafa haati ulfa ji'a 9 ijjeefamtu, qaama ijjeese hin beeknu jedhee bulchaan aanaa dubbatus uummati adaala sanii dhugaa jirtu dubbatee jira. Qaamni yakka raawwateefi kan dhokses tokkuma kan jenneef kanuma. Adoo yakkamaan asiin duraa seeraaf dhiyaatee jiraatee yakki dabalataa namoota nagaa akkanaa irratti deebi'ee hin raawwatamu ture.
Hundaafuu jaarsaa ijjeefameef Waaqi lubbuu araara haa godhuu, worra miidhamee jiru Waaqi haa fayyisuu, firaaf maatii Waaqi haa jajjabeessuu. Worra yakka kana raawwate Waaqi haa qabuu.
via jedala robe

03/11/2025

Aanaalee Godina gujii bahaafi
Godina Gujii Lixaa Jalatti Argaman👇👇
=================================
⚡️A. GUJII Bahaa
~
1. Adoolaa Reeddee
2. Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo
3. Annaa Sorraa
4. Booree
5. Daamaa
6. Girjaa
7. B/M Adoolaa Woyyuu
8. Haroo Wolaabuu
9. B/M Shaakkisoo
10. Shaakkisoo
11. Liiban
12. B/M Nageellee
13. Uraagaa
14. Waadaraa
15. Sabbaa Boruu
16. Gooroo Doolaa
17. Aagaa Wayyuu
18. Gumii Eldaaloo
19.Nageellee Gujii


⚡️B. GUJII LIXAA
~~~
1. B/M Bulee Horaa
2. Bulee Horaa
3. Dugdaa Daawwaa
4. Galaanaa
5. Abbayyaa
6. Qarcaa
7. Hamballaa Waamannaa
8. Malkaa Sooddaa
9. Surroo Barguddaa
10. Birbirsa Kojowaa
11. B/M/Qarcaa

Gujii jechuun saba Oromoo keessaa tokko yoo ta’u, garee Oromoo bal’aa keessaa gosaa fi seenaa mataa isaa qabu dha. Gujiin naannoo kibba Oromiyaa, bakka akka Guji Zone fi Borana Zone keessa jiraata.

Gabaabinaan waa’een saba Gujii:

1. Ilmaan Oromoo keessaa tokko – Gujiin ilmaan Ormaa keessaa tokko yoo ta’u, Oromoon Gujii, Boorana fi Arsiin akka obboloota tokkotti ilaalamu.

2. Bakka jireenyaa – Gujiin naannoo Oromiyaa kibba bahaa keessatti argama. Magaalota akka Nageellee Gujii, Adoolaa, Shakiso, fi Bule Horaa,Girja,Booree,Gooroo Doolaa, keessatti baay’ee argamu.

3. Afaan – Afaan isaan dubbatan Afaan Oromoo ti, garuu faarfannaa fi jechoota mataa isaanii ni qabu.

4. Aadaa fi duudhaa – Gujiin sirna Gadaa jabaa qabu, aadaa isaanii, sirna filannoo, fi ilaalcha nageenyaa tiksu. Sirna Gadaa Gujii keessatti abbootiin Gadaa fi hayyoonni aadaa murtii fi bulchiinsa ummataaf gumaacha olaanaa qabu.

5. Hawaasummaa fi dinagdee – Gujiin qonnaan bulaa fi horii-bultoota. Qonna, horsiisa, daldala warqee (Addoolaa fi Shakiso keessa) fi qabeenya uumamaa irraa jiraatu.

6. Seenaa – Gujiin seenaa dheeraa qabu. Eenyummaa isaanii eeganii fi diina ofirraa ittisuun, akkasumas, aadaa Oromoo tiksuun beekamu.

Seenaa gujii dbltn beekuf nu hordofaa
via Gadaa Roobalee

Lelise Dhugaa , Jabduu, garaalafeetti, dunbushee ,simboo qabeetti, Dacheen Amboo Oromiyaaf guumachite.Ati durbartii jabd...
02/11/2025

Lelise Dhugaa , Jabduu, garaalafeetti, dunbushee ,simboo qabeetti, Dacheen Amboo Oromiyaaf guumachite.
Ati durbartii jabduu Oromooti. Hojiikee hojii leencaati. Hojii qulqulluu fi dinqii ati hojjattun yoomu qalbii uummata kee keessa jirta.

Dubartii cimtuu Oromoo Koomishiinar Laalisee Dhugaa.

- Yeroo jalqabaaf Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa jedhamu akka hundaa'uuf pirooppozaala kan qopheessee Caffeef dhiyeesse isheedha. Yaadichi fudhatama argatee hundaa'e!

- Koomishinicha jalatti ' Visit Oromia ' kan jedhamu akka hundaa'u taasifame. Karaa Visit Oromia bakkeewwan hawwata Tuurizimii hedduun beeksifameera. Gaarreen Baalee, Salaalee, Arsii, Iluu Abbaa Boor, Suubaa Forest erga Visit Oromian jalqabee xiyyeeffannoo argatan.

- Ogeessota qaqqaxalee kanneen akka ogeessa kaameeraa, Rogeeyyii miidiyqa, artistoota, Moodelistoota, miidiyaalee mootummaa fi dhuunfaa walitti qabuun Oromiyaa beeksisuurratti akka xiyyeeffatan godhame.

- Ayyaanni Irreechaa Simboo akka godhatuuf jala bultii isaa torbee tokkoon dura 'Torban Tuurizimii (Oromia Tourism week) jechuun mogga'ee marii paanaalii fi tuurizimiin gara garaa akka geggeeffamu godhameera. Hojii kanaanis Shamarran Oromoo Carraa miidhaginaa fi dandeettii Moodelistii ta'uu akka argatan taasifameera. Dorgomanii akka Oromiyaa beeksisan, warri injifatan akka badhaafaman godhameera. Waggaa waggaa dorgommii qophaa'u kanarratti dursanii shamarran Oromoo akka qophaa'aniif hamilee akka argatan taasifameera.

- Paarkileen uumamaa fi namtolchee Oromiyaa keessa jiran kan namni hin beekne akka beekaman taasifameera.

- Namoota Oromiyaa beeksisuu, fakkii fi Miidhagina Oromiyaa sadarkaa Biyyoolessaa fi Addunyaatti akka beekamtuuf shoora taphatan Ogeessota kaameeraa, Eegdota paarkii, Daawwachiistota, Konkolaachistoota, artistotaa fi kkfniif beekamtiin akka kennamu taasisuun akka jajjabaatan, dhaloonni duubaa dhufu akka irraa baratu godhameera!

- God- Hambaaleen, Bakkeewwan hawwata tuurizimii, Aadaa fi Eenyummaan Oromoo fi Oromiyaa sadarkaa Addunyaatti akka beekamu, xiyyeeffannoo akka argatu taasifameera. Galiin biyya keenyaaf karaa Tuurizimiitiin galu naannoo keenyaaf akka oolu godhameera.

- Bakkeewwan hawwata tuurizimii dhokatanii jiran adda baasuun, qorachuun, daawwachuun, daawwachiisuun, bu'uuraaleen misoomaa akka guutaman taasisuuf beeksisuudhaan hojii guddaatu hojjatame.

- Gaarreen Baalee, Irreechii fi Sirni Gadaa UNESCO irratti akka galmaa'uuf shoorri olaanaan waggoottan shanan, ja'an darban taphatame salphaa miti.

Qabxiiwwan armaan Olii fi kanneen an dagadhe hedduun kan godhaman erga Koomishiner Lalisee Dhugaa gara seektara kanaatti dhufaniiti. Kom. Laliseen ogummaa fi hoggansa isaaniin qofa osoo hin taane dubartii beektuu, Kaamettii dha. Academically nama beekumsaaf dandeettii cimaa qabdu, Seektara haaraa hundeessitee 101% 'n milkeessite nama jalqabaati ( Anaaf). Koomishinii haaraa hundeessanii milkeessuun haa hafuu seektara tureen milkaa'uun iyyuu biyya hin danda'amne keessatti.

Walumaa galatti Kom. Lelise Dhugaa Oromiyaan giddu gala Tuurizimii akka taate, duraan tuuristoota gara kaabaa qofatti yaa'anu gara Oromiyaa akka deebi'anuuf hojii gaarii hojjatte, dhaloonni kun akka ishee jajuufi galateeffatu goote, dubartii jabduudha. Naamusni ishee, kabajni ishee naamusaafi kabaja haadholii hundaati. Ati nama Rabbi waan hundaan faayee Oromoof kenneedha .

Giiftiikoo, ati nu barbaachista. Ati Oromoof Oromiyaaf warqee caala gatii guddaa qabda.
Dhibee amma si mudate irraa bilisa baate,
Yeroo dhihootti fayyitee ijoollee keetti, biyyakee fi Oromiyaa beeksisaa jirtuutti akka galtu abdii guddaan qaba.
Waaqayyo guddaan ammoo hanga dhumaatti fayyaakee deebisee nagaan akka galtu ammoo kadhannaakoo yeroo hundaati.
Waaqayyo fayyaakee guutuu siif haa kennu jabduukoo Rabbi si haa fayyisu.
Hamtuun sin argin! Fayyaa guutuutti si haa deebisu🙏

Koomishiinar Laalisee Dhugaa🤲🤲🤲🙏

Lelise Dhugaa

19/10/2025

QAAMAA DHIMMI ILAALUU HUNDAAF.

BULCHIINSA MAGAALAA ROOPHII MAGAADAA KEESSATTI HUMNI IBSAA BARA 2003 IRRAA KAASEE TAJAAJILA KENNAA TURE,BARA 2010 KAASUUN TAJAAJILLI ISAA ADDAAN CITUUN,UUMMANNI MAGAALICHAA BAASII IBSA FI MEESHAALEE ELECTRONICS GARAA GARAAF JECHA BAASUUN MIIDHAMA JIRA. FAKKEENYAAF BILBILA TOKKO CHARJEESSUUF JI'ATTI NAMNI TOKKO QARSHII 2000 TILMAAMAMU BAASA JIRA. AKKASUMAS DAANDII GARAA ROOPHII MAGAADA SEENU CIRRACHAA BARA 2000 MIIDAAGE YOMUU TA'UU YEROO AMMAA CICCITEE NAMNI TOKKOO BIRR 600 BAASA DEEMA GALA LAFA FAGEENYAA 30 KM BIRR HANGAA KANA BAASUUN MIIDHAA CIMAA KEESSAA UMMAANNI AKKAA JIRUU.
KANAAF QAAMNI DHIMMI KUN ILAALLATU,DHIMMA KANAAF FALA AKKA KENNU GAAFANNA.

UUMMANNI ROOPHII MAGAADAA UUMMATA MISOOMAATI!

JIJJIRAMA FULLA'AAF HOJJANNA.

BADHAADHINNA WALIIN FULDURRI KEENYA AKKA IFUUFI MOOTUMMAAN KEENYA NU CINAA HAA DHAABBATU JENNA.

Abbaan keenya obbo Dastaa BuubaaAbbaan Luba   Gammachiis DastaaGara gooftaa deemuu isaaniin yoo gaddi nutti dhaga'aameyy...
13/10/2025

Abbaan keenya obbo Dastaa Buubaa
Abbaan Luba Gammachiis Dastaa
Gara gooftaa deemuu isaaniin yoo gaddi nutti dhaga'aameyyuu garuu immoo akka seenaa isaanii dhageenyeef qoranneetti waan gochuuf gara Adunyaa kanaa dhufan hundumaa fiixaan baafataniiru akkasumaas immoo Guyyaa Yesuus dhufutti warra jiran dura waan bu'aaniif kanumaan jajjabaachaa Maatii fi firoota hundumaaf jajjabina guddaa hawiina.😭😭😭😭😭

Dhaabbanni Siinootiraakii omishu konkolaatichi gabaa Itoophiyaarraa ugguramuu hordofee sirreeffama taasisaa akka jiru hi...
13/10/2025

Dhaabbanni Siinootiraakii omishu konkolaatichi gabaa Itoophiyaarraa ugguramuu hordofee sirreeffama taasisaa akka jiru himame

Onkololeessa 13,2025: Sababa rakkoo qulqullinaa fi teeknikaa cimaa yeroo hedduu muliseen gara biyyaatti akka hin seenne kan dhorkamee Konkolataan Sinotraakii, dhaabbanni konkolaaticha omishu hojii qulqullina isaa fooyyessuu akka jalqabe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii beeksise.

Badii lubbuu namaafi qabeenya yeroo baayyee irraan gaheen irraa kan ka’e, baatii Caamsaa 27, 2017 irraa eegalee Konkolaattonni Sinotraak akka biyyatti hin seenne koomishinii gumuruuk uggurri irraa ka’amuun kan yaadatmudha.

Kana hordofuun Deetaan Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii kabajamoo Baaroo Haasan torban darbe warshaa dhaabbata Sinotraak daawwachuun sakatta’iinsaa fi hordoffii gaggeessera. kanaanis rakkoolee teeknikaa keessattuu konkolaattota gabaa irra jiran fooyya’uun akka hojii irraa oolaan Ministirrichii haasaa taasisaniin mirkaneessaniiru.

Rakkoolee kanaan dura sababa hanqina teeknikaatiin balaa tiraafikaa gurguddaa fidaa turan sirreessuu, keessumaa hanqina teeknikaa fi kutaalee ijoo konkolatichaa kanneen akka fireenni konkolatichaa dabalate qaama konkolaata kan duraan adda baafaman irratti sirreeffama gochuuf waliigaluu Deetan Ministirra kuni ibseera.

Konkolatonni kunneen kaameraa digrii 360 naanna’uu kan keessaa fi alaa agarsiisuu, cimina Fireenni, alarmii ykn sagalee damaqsituu yeroo ulfaatinni humna olii itti fe'amu akeekkachiisu fi kutaalee biroo kan of keessatti qabu ta’uun himame.

  Bulchaa Godina Gujii LixaaHojii Misoomaan kan Gujii Olqabaa jiruGoota Nageya Uummataa isaaf Halkanii guyyaa hojjatuBul...
13/10/2025



Bulchaa Godina Gujii Lixaa
Hojii Misoomaan kan Gujii Olqabaa jiru
Goota Nageya Uummataa isaaf Halkanii guyyaa hojjatu
Bulchee Bahuu malee Bulee bahuu kan hin barbaanne.
Hayyuu Tokkummaa Oromoof Hojjatu
Daawwaan Kanaan Dubain yoo deebitu muxannoo guddaa qabattee akka deebitu Abdii qaba.
Gujiin Kabaja siif Qaba.
Baga Ittiin si gahe!!

Address

Bule Hora
Hagere Mariam

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ilmaan Gujii madda albuudaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share