05/09/2025
Godinni Gujii Lixaa, uummata Gede'oo Sababa sigiga Lafaatiin Miidhamaniif karaa Buusa Gonofaatiin Deeggarsa Namooma Taasisan
Hagayyaa 30/2017
Dhiyoo tana rooba cimaa wolitti aane roobeen Godina Gede'o keessatti sigiiga lafatiin uummata gede'oo irraa miidhaami dhaqqabe ture,rakkoo isaan irraa gahee jala akka dandamataniif Godinni Gujii Lixaa deeggarsa namooma taasisuun uummatas jajjabeessaniiru.
Bulchaa Godina Gujii Lixaa Obboo Adulaa Hirbaayyee hawaasa Gede'oo miidhaan irraa gahe qaamaan bira dhaquun jajjabeessan,Deeggarsa boqollo kuntaala 50, Qarshii kuma 50 fi meeshaalee garagara mana keessa kan itti fayyadaman deeggarsa taasisanii jiru.woliigala deeggarsi taasifame Qr kuma dhibbaa 8 ta'uu himame jira.
Bulchaan Godina Gede'oo Dr Zinaabuu Woldee akka himanitti,uummatni Gujii yeroo gaddaa fi gammachuu hunda uummata Gede'oo woliin dhaabbachuu himuun,deeggarsa namooma taasifameef galateeffatanii jiru.