Murtii A

Murtii A fuulbarruu kheeysan filadhaa

Arra akkanaan miidiyaaleen Addunyaa gurguddaan waa’ee hidha Abbaayaa gabaasaa jiru.😘It’s time for Ethiopia,Africa 🇪🇹🌍
09/09/2025

Arra akkanaan miidiyaaleen Addunyaa gurguddaan waa’ee hidha Abbaayaa gabaasaa jiru.😘

It’s time for Ethiopia,Africa 🇪🇹🌍

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!Har’a siidaa bu’aa tokkummaa, dandamannaafi cichoomina biyya k...
09/09/2025

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!

Har’a siidaa bu’aa tokkummaa, dandamannaafi cichoomina biyya keenyaa kan ta’e, Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) xumuruu yemmuu kabajnu, seensa bara haaraarra dhaabbachuu keenya mirkaneeffachaati. GERD humna elektirikii qofa osoo hintaane, hammatoo hawwii ummataa, birmadummaa biyyaafi dandeettii egeree keenya murteeffachuuti. GERD humna siidaa ‘tuffii’ diinni nurratti ijaare diigee, faajjii ‘Aduwaa lammeessoo’ dhaloota kanaa ta'uun addunyaa fuldura bara baraan jiraatudha.

Seenaa keessatti, hireen ji’oopolitikaa biyya keenya Itiyoophiyaa, hunda caalaa qaamolee bishaanii laman: Laga Abbayyaafi Galaana Diimaa — kan murtaa’e ture. Diinonni tarsiima’oo biyya keenyaa, jaarraawwan hedduuf Itiyoophiyaan qaamolee bishaanii murteessoo kunniinii akka hinfayyadamneefi hindhaqqabne dhiibbaa walirraa hincinne gochuun qoraa turaniiru.

Laga Abbayyaa yoofudhanne, tooftaalee waraana kallattiifi bakka bu’ummaa baandotaatiin gaggeeffamu dabalatee, biyyoota ollaan waldhabsiisuu, jeequmsa keessoo kakaasuufi hidhachiisuu, pirojektoota murteessoo akka GERD’f liqii ykn gargaarsa dhaabbilee faayinaansii akka hinarganne dammaqinaan socho’uun danqaa turaniiru. Dabalataanis, amantaa daheeffachuun, keessaa qoqqooduu, bishaan lagachiisuufi dhibaawummaa caasawaa gadi-dhaabuun, hawwii biyyi keenya argama ji’oo-Istiraateejiik kana fayyadamuuf qabdu danqaa turaniiru.

Diinota kanniin, biyya keenya laaffisanii Laga Abbayyaatti akka hinfayyadamne laguu qofti kan isaan quubse hinturre. Humna ji’oo-Istiraateejiik qaama bishaanii murteessoo keenya isa biraatiin tures nudhabsiisaniiru. Murnoota hidhannoo jeequmsaafi foxxoqqii hundeessuu, deeggaruufi biyya ‘walabaa’ umuun, Galaana Diimaa irraa nudalleessu danda’aniiru. Badiin caalu ammoo, murni ijoo paartii Itiyoophiyaa bulchaa turee, ulaa galaanaa shiraan dhabne ilaalchisee, gaabbii calaqqisiisuu cubbuu gochuun, kaayyoo diinota tarsiima’oo biyya keenyaa walalchaa turuu isaati.
*****

Diinonni tarsiima’oo biyya keenyaa, pirojektiin GERD ifoomuu hordofee, gama tokkoon deeggarsa murnoota jeequmsaatiif taasisan cimsuun ittifufaniiru. Gama kaaniin, dhiibbaa dippilomaasii idil-addunyaa walirraa hincinne umuun, yoodanda’ame ijaarsicha guutumatti gufachiisuu, ykn waliigaltee dirqisiisoo ittifayyadama GERD darbees mirga keenya gara fuulduraa bishaan irratti qabnu daangessuuf socho’uun xiyyeeffannoo biyya keenyaa bittinneessaa turaniiru.

Gama birootiin, rakkooleen keessoo hoggansaafi gahumsa dhaabbilee ijaarsa irratti hirmaataniin (qulqullina, saamicha, dhimmamuu dhabuufi kkf) walqabatanii akka umaman ta’an, pirojekticha fiixee kufaatii duubatti deebii hinqabnetti dhiibanii turan.

Haata’uutii cichoominni biyyi keenya qormaatilee ji’oo-istiraateejii kunniin keessatti agarsiifte, dhumarratti injifannoo goonfachiisera. Injifannoon duraa jijjiirama madaallii humna ji’oo-politikaa xumuramuu ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaatiin dhufedha. GERD caasaa nafoo (physical structure) hidha humna elektirikii Afrikaa isa guddicha qofaa miti; fayidaa dinagdeetiin olitti hiika jabaa kan qabuudha.

Bishaan Laga Abbayyaa too’achuun olaantummaa ji’oopolitikaa gama kanaan baroota seenaa hunda keessatti nurraa fudhatamee ture harka keenya kan galchedha. Shirawwan walxaxoo diinonni keenya nurratti umaniin marfamnee osoo jirruu, waan karoorsine milkeessuuf dandeettii, kutannoofi cichoomina olaanaa qabaachuu keenya kan ragaa bahedha. Gahumsa hoggansi keenya hudhaaleef furmaata kennuu akkasumas dhiibbaa jalatti raawwachuuf qabu kan itti mirkaneessineedha.

Pirojekticha, guutumaan guututti faayinaansi keenyan uwwisuun, kutannoo ummanni keenya hirkattummaa cabsuun, ofiin ofmisoomsuuf qabu kan mirkaneessedha. Tuffii diinonni keenya “hindanda’an; waliin hindhaabbatan” jechuun nuuf qabachaa turan kan cabsedha. Humna keessoo keenya yoosochoofne, raajii akkamii hojjechuu akka dandeenyu egereef barumsa guddaa kan irraa argannedha.

Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, abbaa biyyummaa keenya tiksuuf irree gamtoomen yemmuu dhaabannu, pirojektoota gurguddaa dantaa biyya keenyaa tajaajilan maddisiisuu, karoorsuu, raawwachuufi xumuruu, kanaanis seensa bara haaraa saaquu akka dandeenyu kan mirkaneessedha.
*****

Ji’oopolitikaa gama Laga Abbayyaatiin hawwaa turre akka goonfannu nudandeessisuu keessatti, qaamolee hedduun gahee bahataniiru. Caasaan nageenyaa keenya ibidda jeequmsaa qabsiifamaa ture lubbuu isaatiin dhaamsaa ture. Dippiloomaatonni idilee, mit-idileefi midiyaaleen keenya himannaa sobaa “Itoophiyaan bishaan nurraa murte” jechuun diinonni dhaabbileefi hawaasa idil-addunyaa fuulduratti maqaa pirojektichaatiin nurratti gaggeessaa turan saaxiluun, dhiibbaan ture sanarra akka hinhammaanne gargaaraniiru. Biyyoonni michuu sagalee qabaniin nucinaa dhaabbachuun himannaa diinotaa kufaa taasisaniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa, rakkoolee keessoofi alaa kunniin fuuldura, yaadaafi gochaan tokkoomee dhaabbachuu akkasumas gumaacha maallaqaa walirraa hincinne taasisuun gahee bakka hinbu’amne bahateera. Hundaa’ol ammoo, hoggansi tarsiima’oo Ministira Muummee keenya, Looreetii Nagaa Addunyaa Abiyyi Ahimad (PhD) kennan, pirojektichi fiixee kufaatii gaherraa deebi’ee, akkasumas itti dhiyeenyaan hordofamee injifannoo guyyaa har’aa kana arguuf nudandeessiseera. Gahee gamtaan bahame kanaaf, maqaa kiyya, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi maqaa ummata Oromootiin galata olaanaa dhiyeessuun barbaada.

*****
Biyyi keenya humna ji’oo-istiraateejii isa biraallee deebifachuuf karaa qabattee jirti. Muummichi Ministiraa keenya, dhimma qaqqabummaa galaanaa yeroo dheeraaf cubbifamee ture cabsuun, hooggantootafi lammilee keenya akkasumas hawaasa idil-addunyaa biratti marii haaromaa dammaqsaniiru. Inumaayyuu, ulaa galaanaa seeran ala dhabne deebsnee argachuu irratti, yeroo ammaa marii bira tarree, mallattoolee qabatamaa arguutti ceenee jirra.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa milkeessuu cinaatti, ulaa galaanaa argachuun, humna ji’oo-istiraateejii shira keessoofi alaatiin biyya keenya harkaa bahee ture kan deebisuudha. Kunis, galma biyya humna ji’oopolitikaa naannawichaa, dhiibbaa guddaa geessisuu dandeessufi badhaate ijaaruuf qabnu kan cimsudha. Akkuma GERD, dogoggorri gama kanaan umames, hoggansa murteessaa Ministira Muummee keenya, Looreetii Nagaa Addunyaa, Abiyyi Ahimad (PhD) kennaniin sirratee, galmichi yeroo dhiyootti akka milkaa’u shakkii tokko hinqabu.
*****

Ijaarsi kun qabeenya Itiyoophiyaa darbees biyyoota Baha Afrikaa qofa miti. Qabeenya dinagdeefi miti-kiliyaa Afrikaanota hundaati. Itiyoophiyaan waliin misoomuu malee eenyumaa addatti hubuu hinfeetu. Dilbii qabnu, hamilee horanne, olka’iinsa lammiilee biyya keenyaafi Afrikaanotaaf malu, akkasumas iddoo gahuu qabnuun walbiratti yemmuu ilaallu, milkaa’inni guyyaa har’aa kabajnu jalqabbii qofa ta’uu ibsuun barbaada.

Dhumarrattis, qooda fudhattoota injifannoo seena qabeessa kanaa hunda irradeebiin galateeffachaa, lammiileefi michuuwwan misooma biyya keenyaa hundaan baga gammaddan! Baga gammanne! jechuun barbaada.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!

09/09/2025

🌊 has launched Africa’s largest project, the $5bn Grand , to power millions of homes.

But the dam has fuelled tensions with 🇪🇬 , which fears reduced Nile flows despite 🇪🇹 assurances on water sharing.

More ➡️ https://go.france24.com/iNz

 ! የዚህ ትውልድ አባለት ለመጪው ትውልድ በኩራት የምናስተላልፈውን አንድ ታሪክ አስቀምጠናል! እንኳን ደስ አለን!በእኛ ኢትዮጵያውያኖች አንድነትና ጥረት የታላቁ የኢትዮጵያ ህዳሴ ግድብ ግንባ...
09/09/2025

!

የዚህ ትውልድ አባለት ለመጪው ትውልድ በኩራት የምናስተላልፈውን አንድ ታሪክ አስቀምጠናል! እንኳን ደስ አለን!

በእኛ ኢትዮጵያውያኖች አንድነትና ጥረት የታላቁ የኢትዮጵያ ህዳሴ ግድብ ግንባታ ተጠናቆ ለምረቃ በመብቃቱ ለመላው የኢትዮጵያ ህዝብ እና መንግስት እንኳን ደስ አላችሁ በማለት በመላው በሐረማያ ዩኒቨርሲቲ ማህበረሰብ ስም የእንኳን ደስ አለን መልዕክታችን እናስተላልፋለን።

ብዙ ፈተናዎችን አልፎ ዛሬ ለምረቃ የበቃው ግድባችን ኢትዮጵያውያን ስንተባበር በሁሉም የሕይወት ዘርፎች ያለንን የማይናወጥ መንፈስ፣ አንድነት እና ጽናትን የሚያሳይ ነው። ታላቁ የህዳሴ ግድባችን የግንባታ ስራ ውጤት ብቻ ሳይሆን የብሔራዊ ኩራት እና በራስ የመተማመን ምልክት እንዲሁም የጋራ ቁርጠኝነት ትሩፋት ነው።

ከዕቅድ ጀምሮ እስከ መጨረሻው የኃይል ማመንጨት ስራ ድረስ የኢትዮጵያ ዜጎች የነቃ ተሳትፎና መስዋዕትነት ለዚህ ታሪካዊ ስኬት የማዕዘን ድንጋይ ሆኗል። ለዚህ አንጸባራቂ ውጤት መገኘት የህይወት መስዋዕትነትን ጭምር ከፍለው ታሪክ ለጻፉ ወንድም እህቶቻችን፣ ተቋማት እና ባለድርሻ አካላት በሙሉ ምስጋና እናቀርባለን።

ሐረማያ ዩኒቨርሲቲ ለሀገር ልማትና ለውጥ ቁርጠኛ መሆኑን በተግባር ያስመሰከረ የትምህርት ተቋም እንደመሆኑ ታላቁ የኢትዮጵያ ሕዳሴ ግድብ እንዲጠናቀቅ እንዳደረግነው አስተዋጽዖ ሁሉ የሀገራችን ዘላቂ እድገት የሚያፋጥኑ የምርምር፣ የፈጠራ እና ብቁ የሰው ኃይል የማፍራ ስራን በማከናወን የኢትዮጵያን ህዳሴ ዕውን ለማድረግ ቁርጠኝነታችንን እናረጋግጣለን።

የህዳሴ ግድብ ግንባታ ስኬት መጪው ትውልድ በድፍረት እንዲያልም፣ በጋራ እንዲሰራ እና የበለፀገች ኢትዮጵያን እንዲገነባ ያነሳሳ ነው።

እንኳን ደስ አለን! በመተባበር የመስራታችን ውጤት ከሀገራችን አልፎ ጎረቤት ሀገራትንም ተጠቃሚ የሚያደርግ በመሆኑ ቀጠናዊ ትስስራችን እንዲጠናከርና የጋራ ተጠቃሚ እንድንሆን በማድረግ የኢትዮጵያን በቀጠናው ላይ ያላትን ተቀባይነት ክፍ የሚያደርግ አኩሪ ታሪክ ጽፈናል።

ብሩህ ጊዜ ለመጪው ትውልድ ለማስተላለፍ የዩኒቨርሲቲያችን ማህበረሰብ የሚችለውን ሁሉ እንደሚያደርግ በድጋሜ ቃል እንገባለን!

እንኳን ደስ አላችሁ! እንኳን ደስ አለን!

ዶ/ር ጀማል ዩሱፍ
የሐረማያ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝዳንት
ጷጉሜን 4/2017 ዓ.ም

22/08/2025

Obbolummaan Galma Waloo Ijaara!
= = =
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiin tajaajila lammummaa karaa idilaa'een hojiirra oolchuun lammiilee hedduuf rakkoo hawaasummaa furuu bira darbee jireenya fooyya'aa akka jiraataniif hulaa saaquun gaaddisa gaafa rakkoofi abdii harka qalleeyyotaa taasisuu bira darbee daangaa darbee hariiroo obbolummaafi waliif yaaduu dagaagseera

Kenni tajaajila lammummaa aadaa wal gargaarsaa uummanni qabu caalaatti akka cimu taasisuun bakka humni mootummaa qaqqabuu hin dandeenyetti qaawwaa mootummaa duuchuun imala badhaadhinaa qabame galmaan ga'uun lammiilee keessatti miira jaalalaa uumuun aadaafi duudhaa gabbataa galma waloo milkeessu kan sabni keenya qabu Addunyaatti mul'isaa jira.

Tajaajilli lammummaa daangaa ce'e Tokkummaafi Obbolummaa cimsuun sabdaneessummaa mirkaneessuu bira darbee Imala ijaarsa biyya waloo utubuun, misoomni waloo akka mirkanaa'u shoora olaanaa taphachaa jira.

Yeroo ammaa kanas hojii tajaajila lammummaa daangaa ce'een Naannoo Oromiyaan alattis, bakkeewwan garaagaraa keessatti hojiin waltumsuufi walbira dhaabbachuu hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, hawaasbi yeroo rakkoo waltumsuu bira darbee obbolummaa sabdaneessummaa lafa qabsiisuun misooma waloofi biyya waloo isaaf akka tumsu gargaareera.

Kanaafuu, nama gargaaruuf nama ta'uun qofti gahaa waan ta'eef, tajaajila lammummaa keenya daangaa ce'aafi hunda hammataa akkasumas hirmaachisaa taasisuun, hariiroo obbolummaa sabdaneessummaa cimsuun lammiilee deeggarsa barbaadan kamuu cinaa dhaabbachuun galma waloo ijaaruu keessatti shoora keenya ba'uu qabna!

Awustiraaliyaan Fulbaana dhufu beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuuf akka jettu beeksifte.Hireen Filisxeem biyya tahu...
11/08/2025

Awustiraaliyaan Fulbaana dhufu beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuuf akka jettu beeksifte.

Hireen Filisxeem biyya tahuuf qabdu haga ammaa maal fakkaata?

🫶Day and night view of the Royal Clock Tower 🌙
08/08/2025

🫶

Day and night view of the Royal Clock Tower 🌙

 ‼️Humni qilleensa   jeettii waraana maqaan isaa  'el jedhamu kan humni qilleensaa   hidhatee ittiin dhaaddataa ture km_...
05/08/2025

‼️

Humni qilleensa jeettii waraana maqaan isaa 'el jedhamu kan humni qilleensaa hidhatee ittiin dhaaddataa ture km_200 irratti haleele buusun rikaardii Addunyaa qabate jechuun rooyitarsi hardha ifoomse.

Ji'oottan lamaan darbe dura daanga irratti Paakistaan fi Hindiyaa giddutti walitti bu'iinsa gabaaba uumameen jeettiin waraana oomishni isaa biyya Faransaay ta'e humni qilleensa Hindiyaa hidhatee gara waraanatti galeen humni qilleensa Paakistaan haleelanii xiqqeessun maalummaa fi humna qilleensa isaanii addunyarratti muldhisaniiru.

Mootummaan Hindiyaa gama isaatin dhimma kana waakkataa turus miidiyaalen Addunyaa irra deddeebin jalaa saaxilaniiru.Dubbiin dhokfamaa ture rooyitarsi humna qilleensa jabaa fi dandeettii olaana qabu bara kana adda baasuf sochii godhaa tureen humna qilleensa Paakistaan sadarkaa duraa irra kaa'un jabina isaa addunyaatti leellisaa jira.

Paayleetonni Paakistaan erga bara 1950 moota as humni isaan gituu fi akka isaanitti dandeettii jabaa qabu hin jiru jechuun maqaan isaa Addunyaa irratti akka ol fuudhamu ta'eera jechuun rooyitarsi ibseera.

Unveiling History: The 4,500-Year-new Tunic at the Egyptian Museum"😱🥰😊    Treasures
05/08/2025

Unveiling History: The 4,500-Year-new Tunic at the Egyptian Museum"😱🥰😊

Treasures

04/08/2025

𝐓𝐚𝐫𝐠𝐞𝐭 15𝐊🎯
🫵𝐘𝐨𝐮 𝐟𝐢𝐫𝐬𝐭 𝐟𝐨𝐥𝐥𝐨𝐰 𝐦𝐞💘
📝𝐖𝐫𝐢𝐭𝐞 𝐝𝐨𝐧𝐞✅
💥𝐓𝐡𝐞𝐧 𝐈 𝐰𝐢𝐥𝐥 𝐟𝐨𝐥𝐥𝐨𝐰 𝐛𝐚𝐜𝐤 💯✓

Netanyahu requested the help of the International Committee of the Red Cross on Sunday to deliver food to “Israeli” capt...
03/08/2025

Netanyahu requested the help of the International Committee of the Red Cross on Sunday to deliver food to “Israeli” captives still held in Gaza, days after Hamas and Palestinian Islamic Jihad (PIJ) released videos of two “Israeli” captives appearing emaciated.

Read more in the comment section below 👇

02/08/2025

🌟 WE DID IT! 1,000 FOLLOWERS! 🌟
💃🏽💥💖
I’m beyond grateful to announce that this page has officially reached 1K amazing followers and every single one of you made it possible. 🙏🏽✨
From heartfelt hospital stories to health awareness, your support, shares, and encouraging words have meant the world to me. This journey started with a dream to educate, inspire, speak life through storytelling and now it’s becoming a movement. 💉📚❤️
To everyone who liked, followed, commented, or recommended this page:
THANK YOU for believing in me and walking this path with me.
This is not just my victory, it’s ours. 🫂
🚀 Next goal: 5K followers!
Let’s keep growing, learning, laughing, and touching lives together. 💪🏽🩺
👉🏽 If you haven’t yet hit that Follow, Like, and Recommend
Let’s keep building this beautiful community!

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Murtii A posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share