06/04/2021
~HAA DUBBISNUU.
Yeroon Isii Zamana khalifaa Umar
Ibnul Khaxxab [R.A] keesa ture
yeroon san hijira 15 baati Rajabaa keysa
sahabotni lola yarmuk Ja'amu jihada godhuf deman.
Ubeyda Ibnul Jarrah [R.A] ammo Ajaja Warana Saniti.
Khalid Ibn Walid [R.A] Faanis walin Waraana
kumaatamaan lakawamu waliin achi gahan. Kana Lolli jalqabame jayshin musllimonni erga qabso cimtu godhan bodaan kafirota san mohani nassaraman.
Dhuma lolarattis Sahabota Du'ani Fi madawan Barbaduf Namni nama barbadu Ramadame.
Duba Seenaan Ajaa'ibaa takka tan namota Isi tana dhagahan hundaf obbolumma Islaamaa Jechuun Maal akka tahe, jara Barsisa Barsisota,Ergama aalama kan tahan Irra Rasul [s.a.w] irraa Waan Baratan Yeruma Sanitti Warra Hojira Oolchu San Keessaa Sahabota Sadi jidduti mul'ate.
Sahabooni kunin Maqaan
Isaani:-
1. Ikrima Ibnu Abi jahal.
2. Haaris Ibnù Hisham fi
3. Ayyaash Ibnu Rabiah jiddutti obboluma
dhugatif seena zalalam tan nu hundaf fakenya tatu jiddutti dalagamte dabarsan.
Isaan sadeenuu waraana Irratti Baay'e madaawanii lalafatani jiran.
Namni Yeroo Du'uf Demu Bishaan heddu
Dheboota.
Kana isaan hundi kara karaadhaan
"bishaan" "bishaan" jachuun sagale lallaftudhan himachujalqaban. Bishan argamte garu hammaanBay'e xiqodha.
Habbuqa takka qofa jachunis [Liqimsa] toko qofa argame tan namni toko laagaan if jiysu.
Dura haris ibnu Hisham Bira gahe bishan kun yero dhuguf ofiti ol qabu Ikrima Dhebote akanati iyu arge.
Harisis akana ja'e Oto Ikriman akanati iyu laagan tiya wa naf HinLiqimsitu, ani ofi du'ee inni lubbun naf ha jiratu ja'e
●Ikrimaaf ol dabarsi ja'eni sahabticha bishan fidefiti debise kenne.
Kana ikrimaan dhuguf yero laagaa Isatiti of
Qabuf Demu,inninis ayyash ibn rabi'ah arga
isa bishan jae akanati iyu. Ikrimanis akkuma
haaris oto ayyash iyyuu ani wa garan nan dhugu ja'e dabarse kenaf.
Sahabtichi bishanin jidu dema jiru kun yero bishan fuudhe Ayyaash
Bira Gahu Ayash Lubun Isa Durun Darbite
Jirti,gara Ikrimaa yeroo of boda debi'u Ikrimanis
Du'e, ikrima bira darbe yero Haaris bira gahus haarisis du'e jira.
Jari kun akanati kuno maluma oboluma nu barsisan
Nuti ho akami guyya Senuma Nama Dubacha Oollaa.?
Rabbin Wara Sena Sahabota San
Harayomsu,kan Ofifis Sena Haraya Dalagu Nu Ha Godhu!
Aamiin Ya Allah!
♥ ♥ share godhaa ♥ ♥ ❤ Like~>